Dargaggooon saamunaa waraqaa irraa hojjate maal hima?

Madda suuraa, Aneso Mohammed
Aniisoo Muhaammad Abdullaa jedhama. Waraqaa irraa saamunaa qulqullina qabu omishuun gabaaf dhiyeessuu dubbata. Hojiisaa kanaafis qaama dhimmi ilaalurraa beekamtii abbummaa itti argachuu hima.
Akka inni jedhutti saamunaa kana waraqaarraa kan hojjatame ta'uu qofa osoo hin taane, akkuma waraqaatti salphaatti kiisitti baachuun danda'ama.
Dargaggoo Aniisoon Godina Harargee Bahaa, Aanaa Gooroo Guutuu magaalaa Kaarraa Miileetti kan dhalate yoo ta'u, Yunivarsiitii Saayinsiifi Teeknolojii Adaamaa irraa barnoota Ji'oomatiks Injinariingiidhaan eebbifame.
Saamunaa akka waraqaatti kiisii kaa'atamu akkamiin waraqaa irraa akka hojjateefi saamunaa isaa kana kaan irraa maaltu akka adda taasisu BBCtti himeera.
Saamunaawwan kaan kiisitti baatanii deemuun waan hin mijanneef, saamunaa salphaatti kiisa ykn boorsaa keessa kaa'amu qopheessuuf karoorfatee kan himu Aniisoon, saamunaan inni amma hojjate keemikaalota saamunoonni kaan qaban kan qabuufi itti fayyamni isaa salphaa ta'uu ibsa.
"Keemikaalota saamunaa qulqullina qabantu keessa jira," jechuun harka namaas kan hin miinefi qulqullina guddaa akka qabu ibse.
Saamunaan waraqaa irraa omishamu kun waraqaa idilee osoo hin taane, waraqaa akka 'sooftii' ismaart jedhamurraa kan hojjatamuufi adeemsuma saamunaan kaan keessa darbee omishamuun kan hojjatamu ta'uu BBCtti hime.
"Saamunaan kun adda, akkuma namni sooftii kiisii keessaa baasee itti fayyadamu, saamunaa waraqaa kana tokkoosaa bishaaniin jiisanii harkaan qulqulleeffachuu danda'ama," jedha.
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Saamunaan ati hojjatte kun kan huccuu, qaamaafi harkaati hundumaaf ta'aa? jennee gaafanneera.
"Saamunaan kun harka ittiin qulqulleeffachuuf oola. Saamunaa kaanirraa adda kan godhu waraqaarraa kan hojjatamuufi itti fayyadama dhuunfatiif mijataa ta'uusaati," jechuun saamunaasaa saamunaawwan beeknu kaanirraa maaltu adda akka godhu ibsa.
Saamunaa waraqaarraa hojjatamu kana erga omishuu eegalee reefu ji'a tokko ta'uu kan ibsu dargaggoo Anisoo Mohaammad, kanaan dura saamunaa gosa biraa hojjachuun beekamtiifi waraqaan ragaa kennamuufii dubbata.
"Kana dura hojii 'kalaqa' saamunaatiif bara 2021 Yuunivarsiitii Haramayaa irraa beekamtii ragaafi badhaasa maallaqaa illee argadheera," jechuun saamunaan waraqaa irraa amma hojjate hojiisaa lammaffaa akka ta'e hima.
Saamunaa waraqaa irraa hojjatamu kun kiisitti baachuuf salphaa waan ta'eef namoonni dhuunfanis kanneen suuqii qaban bitanii gurguruuf gaafataa jiraachuu ibsa.
Erga saamunaa kana bifa haaraan waraqaa irraa omishuu eegalee ji'a tokkoo asitti saamunaa 5000 ta'u gabaaf dhiyeessuu dubbata.
"Fedhii baay'etu jira; ammayyuu nama hedduuf kennuutti jira. Suuqiwwan addaa addaaf raabsaan jira. Namoonni dhuunfaas natti bilbilanii nuuf fidi jechaa jiru.
Naannoo amma jiru Godiina Harargeetti saamunaa waraqaa kana tokkooshee birrii tokkoon akka gurguruufi paakeetiin tokko firee 20 akka qabatus hima.
Gara fuulduraatti ammoo saamunaa dhibee gogaa faangasii garaa garaa irraa dhufu ittisu omishuuf abjuusaa akka ta'es hima dargaggoon kun.



















