Ameerikaa fi Iraan haleellaa walirratti gaggeessuu ibsan

Madda suuraa, X / US Central Command
Waraanni US haleellaa Iraanirratti gaggeessuu beeksise. Iraan buufataalee waraanaa US biyyoota Galoo Galaanaa keessa jiran irratti haleellaa misaa'elaafi diroonii gaggeessuu hordofeeti US haleellaa kana raawwachuu kan ibsite.
US oddoola Iraan Qeshim jedhamuufi Ulaa Hormuuz irratti haleellaa kan gaggeesse yoo ta'u, haleellaa of-ittisuuti jedhame.
Iraan gamasheen misaa'elaafi diroonii fayyadamuun buufataalee waraanaafi helikoptaroota US buufataalee US keessa jiran irratti haleellaa gaggeesse jette.
Ajaji Guddugalaa US, Iraan misaa'eloota baalistikii lama gara Kuweetitti dhukaasuufi sadi ammoo Bahireenitti dhukaasuushee ibsuun, misaa'elota kanneen humnoota waraanaa biyyoota kanneenii waliin ta'uun qolachuu beeksise.
Haleellaan kun kan dhagahame mariin dhukaasa dhaabuu dheeressuufi waraana dhaabuuf waliigaltee gochuu yeroo danqamee jirutti.
Eegdonni Warraaqsa Islaamaa gamasaaniin "nageenya Ulaa Hormuuz jeequun waraana UStiif balaa guddaa fidee dhufa" jedhe.
