Waa'ee misaa'eloota Kiibar shikan, kan Iraan buufataalee US ittiin haleeltuu kana beektuu?

Madda suuraa, Morteza Nikoubazl/NurPhoto via Getty Images
Kiibar shikan, misaa'eloota fageenya giddugaleessaa furguggifamani. Misaa'eloota haleellaa Iraanii fi US gidduu ture si'eessaa turan keessaas ijoodha.
Akka Gabaaasa Aljaaziiraatti, misaaa'eloonni Iraan Kiibar shikan (Kastil Bireekar) jedhamuun beekamu kuni waaraana US Israa'eelii fi Iraan Gidduutti deemaa ture keessatti meeshaa waraanaa waa'eensaa guddoo irraa dubbatamaa turesi.
Iraan Misaa'eloota Fageenya giddugaleessaa kana torbee kana keessa Buufataalee Ameerikaa baha giddugaleessaa keessa jiran haleeluuf dhimma itti baateetti.
Haleellaan miilanaa kuni Iraan waraana jI'oota ja'atti dhihaate kanaan boodalleen humna Misaa'elaa jabaa qabaachuushee agarsiisuu kan kaayyeffate.
Waraanni kuni tibbana bifa haaraan eegaleera. Ameerikaan wiixata darbe meeshaaalee misaa'ela dhukaasan Odola Larak, kan Ulaa Hormuuz keessa jiru haleeluutu akka haaraatti muddama kana kaase.
Iraan ammoo deebii haleellaa kanaa buufataaalee waraanaa Ameerikaa Jordaan keessa jiran misaa'eloo Kiibar shikaniin haleelte.
Eegasiin booda ammoo Ameerikaan kutaalee Iraan adda addaa keessaatti haleellaa raawwaachuun haleellaa iraan Buufataaleeshee Joordaanii fi Gamtaa Emireetotaa Arabaa keessatti raawwatte haaloo baate.
Misaa'eloonni Kiibar shikan kuni kan akkami?
Misaa'eloonni fageenya giddugaleessaa kuni eegdota warraaqsaa Iraan (IRGC) dhaan karoora misaa'elootaan ofdanda'uu itti fufuu jedhuun gaabbifaman.
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Misaa'eloonni kunneen dandeettii fageenya Kiiloomeetira 1,450 furga'uu qabu. dandeettiin ulfaatina isaa ammoo Kiiloogiraama 449 hanga 590ti.
Ameerikaanis yeroo waraanaa kanatti Misaa'eloota 'pirisishin Istiraayik' jedhaman omishteetti.Misaa'eloonni kunneenis kanneen fageenya giddugaaleessaati. Fageenya Kiiloomeetira 60 hanga 499 qiyyaafannaa isaanii unkuteessuu danda'u.
Waraana kana keessatti Ameerikaan Misaaa'eloota fageenya dheeraa 'Tomahawk Kiruuz' jedhamanis fayyadamteetti. Misaa'eloonni kunneen ulka'iinsa gadi dhihoo irra balali'uu kan danda'an yoo ta'u hanga Kiiloomeetira 2,500 furguggifamu.
Misa'eloonni Kiibar shikan bara 2022 omishamuu eegalan. Amalli misaa'eloota kanaa inni gaariin boba'a ofkeessatti kan qabatan ta'uu isaaniiti. Yeroo waraana keessa ta'amu akka misaa'eloota kaanii boba'a guutuu osoo hin taane kan dura guutamee jiruun saffisaan dhukaasuuf gargaara.
Kuni ammoo fayyadamaaf salphaa fi mijataa isaan godheera. Kana malees carraa adda baafamuu gadi aanaa kan qaban yoo ta'u, boba'a guutuufiis loojistikii addaa hin barbaadan.
Zayitni rukkina guddaa kan qbau yoo ta'u, dafee gubatee saffisaan akka furga'uuf gargaara.kana malees yeroo dheeraadhaaf osoo hin manca'inii fi hin qisaasa'in olkaa'amuuf mijatoota.

Madda suuraa, Al Jazeera
Iraan misaa'eloota Kiibar shikan kana eessatti fayyadamte?
Erga waraanni US Israa'eel Iraan waaliin Gurraandhala 28 eegalanii fi humnootni lamaan Teehiraan haleeluu eegalanii Iraan misaa'eloota kana fayyadamaa turuu himti.
Miidiyaan Biyyaalessaa Iraan, IRIB akka gabaasetti Humnoonni Iraan Misaa'eloota kunneen haaleellaa Haaloo bahiinsaatiif Buufataalee Ameerikaa jordaan keessa jiran ittiin haleelaniiru.
Adoolessa 20 darbe Eegdotni warraaqsa Iraan suura misaa'eloota Fateh 210, Zolfagar, Imaad fi kaan waliin misaa'eloota Kiibar shikan kana mul'isu gadhiisanii ture.
Guyyoota Afuriin duras jeettii waraanaa dabalatee buufataalee Ameerikaa Azraaq, Jordaan jiran misaa'eloota Kanaan haleeluu ibsaan.
Iraan Misaa'eloota biroo kam qabdi?
Iraan Misaa'eloota fageenya gabaabaa, giddugaleessaa fi dheeraa qabdi.
Misaa'eloonni fageenya gabaabaa iddoowwan fageenya kiiloomeetira 150 hanga 800 gidduu jiran keessatti haleellaa raawwachuuf fayyadamti.
Misaa'eloonni kunneen Zolgafar, Kiyaam -1, Shahab-1/2 kanneen jedhamani.
Misaa'eloota fageenya gabaabaa kana yeroo haleellaan irratti raawwatamu saffisaan deebii kennuuf fayyaadamu. Kana malees diinotni isaanii carraa isaan adda baasuu osoo hin arganne qiyyaafannaa isaanii gahanii dandeetti haleeluu qabu.
Misaa'eloonni fageenya giddugaleessaa ammoo fageenya Kiiloomeetira 1,500 hanga 2,00 furga'u. isaan ammoo Shahab-3, Imaad, Gadi-1, Koramshar fi seejil kanneen jedhamani.
Misaa'eloonni kunneen ammoo buufataalee waraanaa Ameerikaaa kan galoo gaalaanaa keessa jiran haleeluuf oolu.
Iraan misaa'eloota fageenya dheeraa imalan kanneen akka soomar, ya-Ali, kuds, Hoveyzeh, paveh fi Ra'ad jedhamnis qabdi. Misaa'eloonni Soomar dandeettii fageenya hanga Kiiloomeetira 2,500 imaluu qabu.
Hogganaaa Olaanaa iraan duraanii Ayatolaa Ali Kameniin daangaan misaa'eloota dheeroo kiiloomeetira 2,200 akka hin caalle daangessanii kan turan yoo ta'u, waraana guyyoota 12 waxabajjii 2025 Israa'el waliin tureen booda daangeffama kana kaasan.
Waraana US Iraan irratti waan haaraan maaltu jira?
Muddamni tibbana garee lamaan gidduutti uumame tasgabbii yeroo gabaabaaf ture balleesseera.
Ameerikaan Hagayya 31 kutaalee Iraan adda addaa irratti haleellaa bifaa haaraan eegalte. Iraan ammoo haleellaa Kanaan booda diroonii fi misaa'elaan buufataalee Ameerikaa qaxanaa sana keessa jiran haleelte.
Kibxata darbe ammoo Waraanni US dambalii haleellaa Iraan irratti marsaa kana gaggeesse xumuruu ifoomse.
Iraan ammoo Ameerikaan haleellaa miilanaa Kanaan lammiilee nagaa irraan miidhaa geessisuu himatti. Isaan keessaa mana cidhi keessatti gaggeeffamaa ture magaala Kuhestakitti haleellaa raawwatameen namoota shan du'anii fi 68 madaa'uu himatti.
Waraanni Iraan gamasaatiin buufataalee waraanaa Ameerikaa Jordaan, Baahireen, Kuweet fi Erbil keessatti haleellaa haaloo bahiinsaa raawwachuu hime.
Pirezedaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp, Iraan haleellaa Haaloo bahumsaa yoo raawwatte isaanis deebisanii haleellaa biraa akka raawwatan dhaadatanii ture.
Waraannii bifa haaraan ka'e kuni Ulaa Hormuz deebisee wiirtuu lolaa godheera. Iraanii fi Ameerikaan wiirtuu bishaanii murteessaa ta'e kana too'annoo ofii jala galchuuf wallolaa jiru.
Waraana bifa haaraan ka'e kana hordofee Addunyaarratti gatiin boba'aa dabaleera. Kunis ulaa kana keessa daddabarsi boba'aa danqamuu hordofeeti. Ulaan kuni boba'aa fi Peetirooliyeemii addunyaa keessaa harka 25 kan ta'u kan keessa darbudha.
Haleellaan miilana Ameerikaan raawwatte kuni Waashington Iraan irratti dhiibbaa dinagdee uumuuf akka karoorfatte erga ibsameen booda. Kana malees fedhiiwwan maallaqaa fi dinagdee Iraan kutaalee Addunyaa adda addaa keessa jiran irratti akka xiyyeeffatanis himanii ture.
















