Ji'oota sadi, Tiraamp waraana Iraan keessatti mo'amaa jiraa?

Doonaald Tiraamp

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 5

Pirezidantiin U.S. Doonaald Tiraamp lola Iraan irratti bane hunda injifachuu malus, erga waraanni kun eegalee ji'oota sadi booda gaaffii guddaan isa isarratti ka'aara: Tiraamp waraana kana irratti mo'amaa jiraa?

Iraan kutaalee Ulaa Hormuuz guutummaatti to'achuun, dhimma niukileeraa irratti harka kennuu diduu ishee fi mootummaan amantii biyyattii bifuma duraaniin itti fufuu, Tiraamp milkaa'inni tooftaa waraana isaa akka injifannoo ji'oopolotikaatti herreegachuu danda'a jedhamee shakkama.

Xiinxaltoonni tokko tokko akka jedhanitti, 'gutuumaan guutuutti injifanneerra' jedhee deddeebisee dubbachuun Tiraamp soba ta'aa jira; sababnisaas, gamni lachanuu carraaqqii dippilomaasii abdii hin qabnee fi fedha weerara haaraa jalqabuu gidduu batattisaa jiru, kunis yoo ta'etti, haaloo waraanaa cimaa Iraan irraa naannicha keessatti kaasuu danda'a jedhama.

Tiraamp ammatti balaa US fi michoonni ishee biyyoota Galoo Galaanaa waraana kanaan caalaatti miidhamanii ba'uu isa yaaddessa.

Faallaa kanaa ammoo Iraan gama waraanaa fi diinagdeetiin haleelamtus, dandeettiiidhiibbaa uumuu caalu argachuu dandeessi; kunis daldala boba'aa fi gaasii addunyaa 20% to'achuu ishee dandeessisa.

Gaaga'amni kun ammallee hin xumuramne, xiinxaltoonni tokko tokko immoo yoo mariin isaanii oofkale, Tiraamp ulfina isaa eeeggachuun taaktika ittiin waraana keessaa bahuu argachuu danda'a jedhu.

Garuu, warri kaan ammoo yeroon waraana boodaa Tiraampiif dukkanaawaa fi hamaa akka ta'u tilmaamu.

Dubbii himtuun Waayit Haawus Oliiviyaa Weels, US " Duula 'Operation Epic Fury' jedhamuun galma waraanaa keenya milkeessineerra" jette.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

"Pirezdaant Tiraamp kaardii hundaa harkaa qaba, filannoo hundaa harkaa qaba," jette.

"Ji'oota sadi keessa jirra, waraanni Tiraampiif yeroo gabaabaaf akka dorgommii bashannanaatti qophaa'e kun, gara kufaatii tarsiimoo yeroo dheeraatti jijjiiramaa jira," jedhan qorataan dippiloomaatiin Baha Giddu-galeessaa duraanii bulchiinsa Rippaablikaanotaa fi Demokraatotaa Aaron David Miller.

Kun garmalee Tiraamp garmalee isa dhiphisa; keessattuu maqaa 'mo'atamaa' jedhamee waamamuun isaaf arrabsoo dha. Kun arraba inni yeroo baay'ee mormitoota isaatti darbatu ture.

Gaaga'ama Iraan kana keessatti, inni akka ajajaa olanaa humna waraanaa addunyaa isa hunda irratti jabaa ta'eetti of ilaala. Garuu Iraan karaa hin shakkamneen Iraan isheen inni tuffachaa ture humna ajaa'ibsiisaan dura dhaabbateerti.

Danqaa isa mudate kana keessatti, Tiraamp ammallee itti bahi waraanichaa maal akka ta'u malu adda hin baafanne, yookiin waliigaluu, takkaahuu gaaffilee ofii sirreeffachuu ykn immoo akka waliigaltee nukilarii bara 2015 Obaamaan tolche keessa deebi'uu filachuu qaba.

Keessattuu, waliigaltee nukileeraa bara 2015 kan bulchiinsa Obaamaan mallatteesse, Tiraamp mataansaa bara hojii isaa jalqabaa keessa diige irra deebi'anii mallatteessuun kiyyoo keessaa isa baasuu danda'a.

Dhiibbaa fi yaaddoo

Suura hiriira mormii agarsiisu

Madda suuraa, Getty Images

Tiraamp pirezidantummaa isa lammaffaatiif yeroo duula filannoo gaggeessetti waraana barbaachisaa hin taane keessa akka hin seenne waadaa galee ture; garuu imaammata dhimma alaa isaafi amanamummaa biyyoota alaarraa argachuu qaburratti kiyyoo hamaatu isa mudate.

Waldura dhaabbannaan kun, yeroo biyyattiitti gatiin boba'aa qaalaye, dhiibbaan biyya keessaa itti hammaatee fi sadarkaan fudhatama isaa gadi bu'aa jirutti dhalate.

Paartiin isaa, Rippaablikaaniin, teessoo Kongiresii dhuunfachuuf waldhaansootti jira.

Kanaan kan ka'e, erga dhukaasni dhaabbatee torban jahaa ol ta'us, xiinxaltoonni tokko tokko Tiraamp filannoo dhiphaa lama akka qabu amanu: gaaffilee isaa laaffisee waliigaltee gochuun waraana keessaa bahuu, yookan ammoo waraana gara sadarkaa olaanaatti ceesisuun kiyyoowwan yeroo dheeraa keessa seenuu.

Filannoowwan isaa keessaa tokko duula yeroo gabaabaa garuu hamaa ta'e raawwachuun 'injifannoo dhumaa' jedhee labsuudhaan bira darbuu ta'uu danda'a jedhanii tilmaamu xiinxaltoonni.

Xiinxaltoonni filmaanni biraa, xiyyeeffannoo isaa gara Kuubaa naannessuudhaan ajandaa jijjiirsisuudha jedhu. Kan kan godhuuf salphaatti mo'adha jedhee waan yaadufi.

Havaanaa irraayis qormaanni isa mudachuu danda'a. Gargaartonni isaatuu akka jedhanitti duula Iraan kana duula Amajjii 03 Veenzuweelaa irratti godhee fi prezidant Maaduroo ittiin to'ateen wal fakkeessee yaadee ture.

Gorsaan duraanii Tiraamp, kan amma qondaala dhimmoota Tarsiimoo Idiladdunyaa Ameerikaa ta'e Alexander ​Gray, yaada duuli Tiraamp kan Iraan gaaffii keessa jira jedhu ni morma.

Dandeettii waraanaa Iraan burkutaawuun "milkii tarsiimawaa dha" jedha. Waraanichi michummaa biyyoota Galoogalaanaa Ameerikaa faana ni jabeesse, hiree sagantaa nukilaraa Iraanis fuulduratti murtaa'a jedhee.

Traamp garuu "gantummaa biyyaatiin" miidiyaaleedhaan itti duulama.

Duulli ture dandeettii misaayeloota Iraan gad buusera, humna galaanaas ishees miidhe, hogganoota ishee olaanoo jalaa ajjeese.

Garuu Teehraan haaloo baateerti. Ulaa Hormuuz cufte, boba'aa addunyaa qaalessite, Israa'el dabalatee olloota ishee haleelte. Tiraamp buufataalee ishee ugguruun boba'aa akka hin gurguranne godhe.

Fakkii dubartii adeemtuu

Madda suuraa, Getty Images

Galma waraanaa jijjiiruun milkii hin fidne

Tiraamp kaayyoowwan inni waraana jalqabuuf kaayyeffate keessaa inni guddaan: Iraan nukileeraa akka hin hidhanne, dandeettii isheen naannicha fi faayidaa US miitun dhabamsiisuuf, fi ummanni Iraan akka mootummaa fonqolchuuf haala mijeessuuf ture.

Haa ta'u malee, kaayyoowwan isaa kanneen keessaa tokkollee milkaawuu mallattoon hin jiru, xiinxaltoonni hedduunis ta'uusaarratti gaaffii kaasu.

Jonathan Panikoff, qondaalli tikaa duraanii Baha Jiddugaleessaa duraanii, Iraan haleellaa hamaa keessummeessitus, hoggantoonni biyyattii weerara US jalaa lubbuun ba'uu fi daldala dooniiwwan galaanaa Galoogalaanaa irratti to'annoo dabalataa qabaachuu ishee qofa akka milkaa'ina guddaatti lakkaa'u.

"Humna dhiibbaa uumuu kana dhibee tokko malee itti fayyadamuu dandeessi," jedheera.

Kana malees, Iraan dhiibbaa diinagdee jabaaa Tiraamp isaan irratti fidu damdamattee yeroo dheeraa turuuf ofitti amanamummaa qabdi.

Kaayyoon waraanaa Tiraamp inni guddaan—Iraan meeshaa niukileeraa irraa bilisa gochuu—ammallee hin milkoofne; Tehraanis sagantaa ishee gadi bu'uuf fedhii xiqqoo qofaa argisiifte.

Kuusaan boba'aa 'yuraaniyeemii' garmalee gabbate erga haleellaa qilleensa irraa US fi Israa'el Waxabajjii darbe keessa raawwataniin awwaalamee akka jiru amanamus; kunis deebi'ee ba'ee gara sadarkaa boombii hojjachuutti ce'uu danda'a.

Iraan ammoo US mirga ishee kan yuraaniyemii gabbisuu badhaadhessuu faayidaa nagaatiif oofuu akka beektuuf barbaaddi.

Dhimma kana caalaatti kan xaxu ammoo, hogganaan ol'aanaan Iraan yuraaniyeemii sadarkaa hidhannnoo waraanaatti dhiyaate kana biyya alaatti akka hin ergamne qajeelfama dabarsuu isaa qondaaltonni Iraan lama Rooyitarsiitti himaniiru.

Kaayyoon Tiraamp inni biraan Iraan gareewwan hidhattoota deeggaruu akka dhaabdu gochuu dha. Kunis ammallee hin milkoofne.

Dabalataan, Tiraamp ammatti hoggantoota haaraa Iraan warra duraan ajjeefaman caalaa jajjaboo fi mormitoota jabaa ta'an wajjin mari'achaa jira.

Waraana boodas, Iraan ammallee misaayeloota fi dirooniiwwan olloota isheef doorsisaniif gahaa ta'an akka qabdu shakkama.

Tiraamp michoota isaa warra dhihaa wajjinis hariiroon isaa caalaatti laafeera; isaanis waraana duraan irratti hin mari'atne keessatti akka hirmaataniif waamicha inni godheef mormaniiru.

Chaayinaan fi Raashiyaanis gama isaaniitiin, dadhabina loltoota US kan tooftaa lolaa Iraan irratti mul'ate fi akkaataa kuusaan meeshaa waraana US itti dhumate irraa barumsa fudhataniiru.

Hogganaan ol'aanaan dhaabbata Brookings Institution Robert Kagan akka jedhutti, bu'aan waraana kanaa ulfina US addunyaa irratti qabdu haala kanaan dura Viyeetnaam fi Afgaanistaan keessatti mudate caalaa gadi buusa; sababiinsas biyyoonni sun handhuura dorgommii addunyaa irraa fagootti waan argamaniif.

Kagan maqaa mata duree "Checkmate in Iran" jedhuun barreeffama toora intarnetii barruu 'The Atlantic' irratti baaseen: "Haala duraan turetti deebi'uun hin jiru, miidhaa gahes sirreessuun hin danda'amu, olaantummaan Ameerikaa bara dheeraa tures hafe" jedhe.