Dubartoonni tasumaa dugdaan ciisanii dahuu hin malle, maaliif haala kanaan dahu ree?

Madda suuraa, Getty Images
Dubartoonni ulfaa dugdaan ciisanii dahuun yeroo baayyee balaa qaba. Akkas taanaan maaliif ciisanii dahuree?
Lammii Faransaayi tokkotu dhiirotaaf akka toluuf murtoo dabarseen har'a dubartoonni ciisanii dahu.
Waggoota kumaatamaan lakkaa'amuuf dubartoonni jilbeeffatanii fuuldura isaaniitti barcuma qabatanii ykn quuphananiitu dahaa turan.
Inumaa quuphananii dahuun ujummoo gadameessaa seentimeetira 2.5nin bal'isa, akkasumas harkisni lafaa ammoo adeemsa dahuu ni salphisa.
Kuni dhugaa taanaan bara kana maaliif dubartoonni dugdaan ciisanii dahu?
''Adeemsa dahumsaa uumamaa irratti ogeessotas tahe dubartoota ulfaa biratti wallaalummaatu jira,'' jira jetti Jaaneet Baalaaskaas hundeessituun wiirtuu Active Birth Centre. Kitaaba dubartoonni akkaataa da'umsa isaanii irratti to'annoo akka qabaatan gargaarus barreessitee jirti.
Jaaneet bara 1982 kitaaba active birth manifesto jedhuun maxxansite bu'uura jaarmiyaa ishee ergasii hundeessitee taheera.
''Waggoota kuma baayyeef dubartoonni dugda isaanii ol qabanii garummoo jilbeeffatanii ykn quuphaniin dahaa turan,'' jedha kitaabnishee. Aadaafi sanyii hunda keessatti kuni waluma fakkaataa dha jetti.
Jaaneet akka jettutti erga biyyoota Lixaa keessatti ammayyummaan babal'atee as dubartoonni dugdaan ciisanii akka dahan godhamuu jalqabe.
''Gadi ciisanii dahuun muuxannoo sababaan hin deeggaramneefi adeemsa dahumsa qarumatti wal-xaxaa taasisuun caala qaalii akkasumas adeemsa uumamaa dubartii deessuu gara dhukkubsattuu homaa humna hin qabnetti geeddare,'' jechuun falmii dhiyeessiti.
''Hoosiftootas tahe bineensoti dhala namaan alatti yeroo muddamaa kanaa dugdaan ciisuu hin filatan,'' jette.
Ogeeyyiin biroos waliigalu. Inumaa dugdaan ciisanii dahuun mudannoo ''ammayyaati,'' jedhu.
Haanaa Daahleen Yunivarsiitii Awustiraaliyaa Western Sydney jedhamutti deesiftuu yoo taatu bara 2013tti keewwata dhimma kana ilaallatu barreessitee ture.
Ulfa akka 'dhukkubaatti'
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dubartoonni dugdaan ciisanii dahuun erga jalqabee reef waggaa 300-400 taha. Namichi lammii Faransaayi Moorishee Foonsuwaa jedhamu, dugdaan ciisanii dahuun dubartoota ulfaaf gaarii dha garuu dhiira deesisuuf irra mijata jedhe.
Yeroo sanatti sochiin deesiftoota dubartootaa bobbaasuun bal'inaan hojiirra oolaa kan ture tahus iddoo isaa garuu dhiiroti baqaqsanii yaaluun deesisuu jalqaban.
Moorisheen ulfa akka dhukkubaatti ilaala ture. Bara 1668tti Dhukkuba Dubartoota Daa'ima godhataniifi Ciniinsuurra jiran jechuun kitaaba barreesseen: ''Karaan filatamaa dugda isaaniin ciisanii dahuu dha kunis ergasii baatamanii deemuu hambisa,'' jedhe.
Hayyooti kaan ammoo lammiidhuma Faransaay biraatu akkaataa dahumsaa kana bara Mootii Luwii 14ffaa jijjiiree jedhu.
''Mootiin Luwii 14ffaa jedhamu kuni dubartoonni yeroo isaan dahuuf miixatan daawwachuu jaalata ture.
Haa tahu malee akkaataan isaan quuphananii ykn jilgeeffatanii dahan waan arguudhaaf itti hin tolleef, gad ciisanii akka dahan jajjabeessaa ture,'' jechuun hayyuun qorannoo hawaasaa Looren Duundees Yunivarsiitii MaakDaani'el, Meeriilaand, Ameerikaatti bara 1987tti barreessiteetti.
''Dhiibbaan mootii kanaa hangam bal'aa akka tahe beekamuu baatus amalli maatiin moototaa agarsiisan garuu uummata isa idlee irratti dhiibbaa hinuma qabaata,'' jetti. Tahus fedhiin mootii kanaa jijjirama akkaataa dahumsa dubartootaa irratti dhiibbaa godheera.
Akkaataan dubartoonni dugdaan ciisanii dahan akkamiinuu haa jalqabu garuu otoo hin geeddaramiin hafee muuxannoo dahumsaa dubartootaa miidhaa kan qabu godhee hambiseera.
''Kana booda dahumsi dhaaboota fayyaa keessatti akka geggeefamu tahe. Manatti dahuun dubartoota baayyeef mijataa tahe hir'isaa dhufe,'' jetti Jaaneet.
Saayinsiin kan mirkanaa'e

Madda suuraa, Getty Images
Waggoota kumaatamaan lakkaa'amaniif dubartoonni quuphananii ykn jilgeeffatanii kan dahaa turan harkisni lafaa waan isaan gargaarufi.
Daa'imni gara ujummoo dahumsaatti asii gad dhufa, achii harkisni lafaa ammoo adeemsa kana akkaan gargaara.
Dubartoonni uumamaan yeroo miixuun isaan qabu fuulduratti malee duubatti hin jigan. Yeroo kanattis quuphanuun jilbaafi harkaan lafa qabachuu akkasumas barcumatti hirkachuun dahu.
Bara 2013 qorannoon dubartoota 5,200 ol hirmaachisuun taasifameen bu'aan argame ciisanii dahuurra quuphanuufi socho'aa dahuun balaa garaan baqaqfamee dahuu kan hir'isu yoo tahu, qoricha dhukkubbii hambisuuf kennamus ni hir'isa akkasumas carraan da'imman erga dhalatanni kutaa wal'aanisi dabalataa kennamuuf seenuu xiqqaata,''
Qorannoon kuni haala dubartoota dhiigni dhangala'uun balaaf saaxilamuu danda'an hin ilaalle.
Quuphananii ykn jilbeeffatanii dahuun hamma yeroo miixuu dubartii ulfaa ni hir'isa.
''Quuphananii ykn jilbeeffatanii dahuun daa'imaafis tahe haadhaaf faayidaa qaba,'' jechuun Daahleen qorannoo ishee bara 2013 irratti barreessiteetti.
Faayidaa tarreesite keessaa, ciniinsuu si'ataa taha, dhukkubbiin ni hir'ata, meeshaa ittiin daa'ima ujumma gadameessaa haadha keessaa ittin harkisan ni hir'ata, akkasumas daa'imni ujummoo gadameessaa haadhaa keessatti oksijiinii gaarii argata.
Bara 2011tti Daahleeniifi waayelotishee iddoofi haalli keessatti dahan akkaataa isaan itti dahuuf taa'an ykn dhaabbatan irratti dhiibbaa qaba yoo taheef qo'atan.
Tokko wiirtuu dahumsaa iddoo meeshaaleen yeroo miixatan qaqqabatan jiruufi kutaa mana yaalaa sireen qofti jiru ilaalan.
Dubartoonni %82 wiirtulee dahumsaa deeman miixuu sadarakaa duraafi lammataan quuphananii muuxachu ilatu.
Kanneen kutaa yaalaa sireen qofti jiru keessatti miixatan %25 qofatu quuphaniin miixachuu barbaadu.
Yeroo ammaa kana biyyoota Lixaa keessatti yaadni active birth, jedhu babal'achaa jira jetti Jaaneet.
Adeemsi dahumsaa kuni haadholiin bilisaan akka soho'an akkasumas quuphananii dahuu miixachuu jajjabeessa.
Haa tahu malee dubartoonni garaan isaan baqaqfamee dahuun 'akkaa malee' dabalaa jira.
Wiirtuleen deesiftoonni qofti dubartoota gargaaranii deesisan reef babal'achaa akka jiruufi kuni waggaa shantama dura akka hin turre himti.








![Obbo Shimallis Abdiisaafi Kumsaa Dirribaa [Marroo]](https://ichef.bbci.co.uk/ace/ws/400/cpsprodpb/cb5e/live/4dec4380-2f4e-11f1-b471-73a11a0c1806.png.webp)



