Dorgommii waraana roobootii biyyoota gidduutti gaggeeffamu yaaddessaa ta'e

Madda suuraa, United24
Waraanni Yukireen itti fayyadama teeknolojii waraanaa saffisaan jijjiiree akka jiru xinxaaltonni ni himu. Keessumaa dirooniwwan waraana kanarratti adda dureen hojiirra oolaa jiru.
Dhaabbanni UKfi Yukireen keessatti meeshaa waraanaa omishu tokko BBCtti akka himetti, roobotiwwan lakkoofsa loltootaa caaluun yeroon itti dirree waraana Yukireenirratti hirmaatan fagoo miti.
Yukireenifi Raashiyaan humna lafoo galaanarraafi qilleensarraa qabataanis, itti fayyadamni diroonii meeshaa waraanaa kana dura baramaa ta'e kam caalayyuu daran dabalaa dhufeera.
Fayyadamni teknolojii waraanaa haaraan waraana kanarratti mul'ate egereen waraana gara fuulduraa maal akka ta'u akeeka? Diroonifi roobootiin waraana gara fuulduraatti gaggeeffamu irratti caalmatti hojiirra kan oolan yoo ta'e carraan loltootaa maal ta'inna? gaaffiin jedhu ka'uunsaa waan hin oolle.
Ji'ootan dura Yukireen roobootii ofiin meeshaa dhukaasu agarsiistee turte. Pirezidaantiin Yukireen Voloodmiir Zeleniskiin biyyisaanii waggaatti diroonii miliyeena heddu akka omishtu ibsan.
Dabaluunis lafa Raashiyaan jalaa qabatte roobootii ofiin meeshaa dhukaasu fayyadamuun deebifataa akka jiranis dubbatanii ture.
Meeshaalee waraanaa Yukireen keessatti hojiirra oolaa jiran keessaa dhaabbanni Youforce jedhamu kan UKfi Yukireen ta'e omishu keessatti argama.
BBCn biiroo dhaabbata meeshaa waraanaa omishu kana kan Landanitti argamu seenee yeroo daawwatetti, meeshaalee waraanaa icciitii ta'an weerara Raashiyaa dhaabsisuuf hojjatamaa jiran ilaalera.
Meeshaa waraanaa roobootii ofiin dhukaasufi Yukireen keessatti loltoota Raashiya boojiyuu himame ilaalchisee dhaabbanni kun yaada kennuurraa of qusateera.
Haa ta'u garaa meeshaalee waraanaa roobootii lafarraafi galaanarra ofiin socho'uun haleellaa gaggeessan akka jiran dhaabbatichi mirkaneessera.

Madda suuraa, United24
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dhaabbatichatti damee Landanitti itti gaafatamaa kan ta'an Rihaanon Paadlii BBCtti akka himanitti, erga Raashiyaan weerara eegaltee as oppireeshiniiwwan [roobootiin deeggarame] qindaa'aa ta'e 150,000 gaggeessera.
Roobootiwwan dirree waraanatti walitti bahuun yeroon itti wal-waraanan fagoo akka hin taane ibsu Rihaanoon.
Gara fuulduraatti lakkoofsi roobotiwwan waraanarratti hirmaachuuf deemanii kan loltootaa akka caalus ibsu.
Inistiitiyuutii Biruukibgitti qorattuu olaantuu kan ta'an Melaanii Siisoon, "Yukireen meeshaalee waraanaa of ittisuuf gargaaran omishuurratti biyya kannee biroo barsiisuu dandeessu taatee jirti jedheen amana" jedhu.
Dhaabbanni UKfi Yukireen keessatti meeshaalee waraanaa akka roobootii omishaa jiru Youforce jedhamu kun qaama wal-ta'iinsa dhaabbilee meeshaalee waraanaa omishanii New Prime jedhamuuti.
Dhaabbanni teeknolojii waraanaa Ameerikaa Anduril jedhamu ji'ootan dura jeettiwwan waraanaa nam-maleeyyii yaaliif balaliisuu beeksise.
Yeroo ammaa dirooniwwan jiran fageenyarraa kan namaan to'ataman ta'anis, dhaabbanni US kun garuu hubannoo nam-tolchee fayyadamuun meeshaalee waraanaa ofiin socho'aniifi tarkaanfii waraanaa gaggeessan omishaa jiraachuu beeksise.
Chaayinaanis meeshaalee waraanaa hubannoo nam-tolcheen socho'an ijaaraa akka jirti.
Xinxaaltonni akka jedhanitti, waraana gara fuulduraatti gaggeeffamurratti roobotiwwan walitti bahuun wal-waraanuunsaanii waan hin oolledha.












