Torbee 'Dhukkubbii' amantoonni Ortodoksii sagadaafi gad-ofqabuun itti dabarsan

Guyyaan Fannifamuu Iyyasuus Kiristoos (Good Friday) Itoophiyaa keessatti ayyaana guddaa dha

Madda suuraa, getty image

Ibsa waa'ee suuraa, Guyyaan Fannifamuu Iyyasuus Kiristoos (Good Friday) Itoophiyaa keessatti ayyaana guddaa dha
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Hordoftoonni amantii Ortodoksi Tewaahidoo Itoophiyaa Sooma Guddicha walumaagala guyyoota 55f soomu.

Sooma torbee saddeetiif adeemu kana keessaa torbeen jaha sooma idilee dha.

Torbee isa dhumaa 'Torbee Dhukkubbii' jedhamu keessatti amantoonni addatti sooma isaanii sagada, qalbii jijjiirrannaafi dhukkubbii Yasuus Kiristoos ''ilmaan namaaf keessa darbe yaadachuun dabarsu.''

''Torbeen kuni Fannoo Kiristoos namni itti hin dhunganne, lubni tokko hiikama cubbuu kan ittiin namaa hin kennine dha,'' jedhu Luba Bataskaan Ortodoksii akkasumas barsiisaan Yunivarsiitii Mattuu Fayyeeraa Fiixumaa.

Kitaabni torbee kanaaf addatti qophaa'ee dubbifamu akka jirus lubni kuni ni himu.

''Torbee Yasuus Kiristoos beenyaa dhala namaa tahee itti dhukkubsate ittiin yaadannu dha,'' jechuun ibsu.

Dubartoota sagadarra jiran

Madda suuraa, Getty Images

Amantoonni maal jechaa sagadu?

Torbee dhukkubbii kana keessa jechooti amantoonni addatti fayyadaman akka jiru Luba Fayyeeraan ni himu.

Afaan Giriikii dabalatee afaanota Kitaabni Qulqulluu jalqaba ittiin barreefame keessaa jechooti amantoonni yeroo sagadaa itti fayyadaman ni jiru jedhu.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Amantoonni sagadaaf yeroo kufanii ka'anitti jechoota kanneen akka ''Kiraalaaysoo'' ni jedhu.

Jechi Kiraalaaysoo jedhu afaan Giriikii yoo tahu jechoota ''Kiriyee'' fi ''Elisiyoon'' jedhurraa fudhatame.

''Kiriyee jechuun Gooftaa, Elisiyoon jechuun ammoo nuu oo'i, nuu dhiisi, nu fayyisi akka jechuuti,'' jedhan.

Jechooti sagadaa kunneeniifi biroos gariin isaanii afaan tajaajilaa Afaan Oromoo fa'itti hiikamanii amantoonni akka itti kadhatan fa'a himaniiru.

Tahus jechoota akka Kiraalaayisoo akka jechoota ulfootti waan ialaalamaniif akka jiruun itti fayyadamuun ni jira jechuun Luba Fayyeeraan ni ibsu.

Torbee dhukkubbii kanaatti sirni amantoonni raawwatan biraan kufanii ka'uu ykn sagada dha.

Yeroo sirni sagadaa kuni raawwatamu hiika garagaraa akka qabus lubni kuni ni himu.

''Kiristoos ilma namaatiif kufee, ilma namaa akka kaase, lammata ammoo anumtuu kufeeraa yaa Kiristoos na kaasi jechuun fuulasaa duratti watwaannaadhaaf kan godhamu dha,''

Taabota irrattis jechi guddaa ''Jilbi Hundumtuu Yesuus Kiristoosiif haa Sagadu,'' jedhu waan jiruuf namoonni bataskaana bira yeroo gahan kufanii sagadu jedhu.

''Yaada keenyaan, hojii keenyaan, fedhii fooniitiin qorumsa seexanaatiin sitti yakkineerraa yaa mootii nuu dhiisi fuulasaa duratti jilgeeffannaadhaan sagadu''

Torbee Dhukkubbii kana keessatti amantoonni si'a meeqa kufanii akka ka'an luba abbaa lubbuutiin kennameefii haaluma sanaan bataskaanatti sagada isaanii kana geggeessu.

Namni tokko qalbii jijjiirrachuuf luba abbaa lubbuusaa tahetti yoo himu ''hamma yakkasaa Qanoonaan kennamaaf,'' jedhu.

Qanoonaa jechuun ammoo ''madaallii, safartuu,'' jechuu yoo tahu lubni akkatti amanataan sagadu madaalee itti hima jechuun Luba Fayyeeraan ni ibsu.

Haa tahu malee sagadni kuni gamtaadhaan gaafa geggeefamu hamma kufanii ka'uu geggeessaa wal-tajjiirraa qajeelchu jalaa qabee uummatni sirna sagadaa kana geggeessa.

Lakkoofsi murtaa'ee ''hangas sagadi'' waan jedhamu akka hin jirres lubni kuni ni himu.

Sagada walirraa hin citne

Torbee kana keessa kadhannaan Mana Kiristaanaa gonkumaa akka walirraa hin citne barreefamee jira jedhu Luba Fayyeeraan.

Kitaabni bataskaana Ortodoksii Gibra Himaamaat ykn Kitaaba Torbee Dhukkubbii jedhu irratti sagadni ''sa'atii hundumaaf tahu taa'eera'' jedhu.

Haala kanaan namni tokko ganamaa qabee hamma galgala aduun seentee urjiin baatutti sa'atii 13f soomee sagadee afaan hiikkata jechuun akkaataa sooma kanaa ibsu.

Dhorkaawwan Torbee Dhukkubbii

Sooma guddaa kana keessatti nyaata mi'aawaa nyaachuu, haasaa nama gammachiisu haasa'uu akkasumas abbaa warraa fi haati warraa wal-bira akka hin geenye(saal-quunnamtii) ni dhorkama.

Haa tahu malee Torbee Dhukkubbii kana keessatti ''haga fedhe haa tahu Kiristaanni tokko nama gaa'ela keessa jiru yoo tahe wal-bira hin gahiinii, kan wal-bira gahee yoo tahe Kiristaanummaanisaa irraa haa molqamu, namni luba tahes kana yoo raawwate lubummaansaa irraa haa kaafamu,'' jedhee ni kaa'a jedhu.

Dhorkaan kunis Torbee Dhukkubbii keessatti guutummaan guutuutti hojiirra ooluu qaba jedhu.

Torbee Dhukkubbii keessaa gaafa Kamisaa namoonni akka harka wal hin qabanne ni dhorkama.

Akka Luba Fayyeeraan jedhanitti namoonni torbee guutuu harka wal hin fuune jiru.

Tahus kitaaba keessatti kan kaa'ame gaafa Kamisaa Yihuudaan Yesuusiin dhungatee dabarsee waan kenneef isa yaadachuuf jechaa ''nagaa wal hin gaafatiinaa'' kan jedhu dha jedhu.

Fannoo kan mormarraa kutan akka jiran himuun garuu ''Fannoo momarraa kutuun hin danda'amu, mormurraa taa'a,'' jedhan.

''Maqaa Abbaa, kan Ilmaafi Hafuura Qulqulluun mallatteessuun dhorkaa dha kan jedhan jiru garuu kuni dhorkaa miti nyaatas, hojiis ittiin eebbisuun ni danda'ama,'' jedhu.

Kadhati ''dhukkubbii malee, beelaafi dheebuu malee waggaa dhufuun nu haa gahu,'' jedhus ni kadhatama jechuun ibsu.

Torbee kana keessa Kiristinnaa ka'uun, namni yoo du'e lubni Fitaatii gochuun, muudama mana Kiristaanaa kennuu,mana namaa deemanii tsbala biifuun hin danda'amu jedhan.

Haadha kadhatarra jiran

Madda suuraa, Getty Images

Moggaasa guyyoota Torbee Dhukkubbii

Guyyooti Torbee Dhukkubbii moggaasa mataa, mataa isaanii qabu jechuun Lubni Fayyeeraa guyyooti kuni barsiisa amantichaan maal akka jedhaman ibsaniiru.

Wiixata: Guyyaan kuni guyyaa biqiltuu abaaramte jedhamuun beekama.

Guyyaa kana 'Gooftaan'(Yasuus Kiristoos) biqiltuu tokko argee irraa firii dhabnaan kan itti ''arrabse dha,'' guyyuma kana warraeen Mana Qulqullummaa keessatti daldalan arii'ee baase dha.

Kibxata: Aangoon kee Waaqarraa moo Lafarraaa jedhanii gaafannaan Yohaannis Cuuphaan Waaqarraa moo Lafarraayii jedhee gaaffii gaaffiidhaan deebisuun aangoonsaa Waaqarraa akka tahe kan itti hime dha.

Warri Yihudootaa, Farisonni qaana'anii kan itti deebi'ani dha.

Roobii: Guyyaa kana Paarlaamaan warra Yihudotaa miseensa 72 qabu taa'ee hogganaa isaanii Qayyaaffaa jedhamuun namni hundi jeeqamuu mannaa inni tokkichi haa du'u jedhanii guyyaa itti murteessani dha.

Guyyaa kana dubartiin Maariyaam Maqdalaa jedhamtuu luka Yesuus irratti shittoo bilqaaxii ishee keessaa dhangalaastee dhiifama itti gaafatte dha.

Kamisa: Guyyaan kuni guyyaa luka dhiqannaati. 'Gooftaan keenya' bartoota isaa luka dhiqee Qurbaana ykn Faasikaa Kakuu haaraa kan itti hundeesse dha.

Jimaata: Guyyaa Fannoo 'Gooftaa keenya Yasuus Kiristoos' dhala namaaf beenyaa tahee itti fannifamee owwaalame dha.

Gaafa Sambataas amantoonni sagadaafi soomaan dabarsuun Dilbata halkan sooma hiikkatu.

Luba Fayyeeraan Torbee Dhukkubbii kana keessa ergaafi barsiisni hafuuraa yeroo itti kennamee soomni itti goolabamu akka tahe ibsu.