Miidhama, bashannana doonii qaalii fi iyyata- Imbaappee maaltu mudate?

Madda suuraa, Getty Images
Kiiliyaan Imbaappeen waancaa Shaampiyoonsi Liigii mo'achuuf osoo kadhatamuu kilabasaa duraa PSG dhiisee Riyaal Maadrid deeme.
Erga inni deemee PSG waancaa Shaampiyoonsi Liigii fi kan biyya keessaa hunda mo'atan. Dabalataan waggaa lammaffaaf xumura waancaa Shaampiyoonsi Liigiif gaheera.
Imbaappeen waancaa tokko malee hafe. Waggaa lama Maadrid ture keessatti galchii 85 lakkoofsisus kilebichi waancaa tokko hin mo'anne.
Tibbana ammoo taphattoonni Riyaal Maadrid hedduu Imbaappee waliin wal dhabaa jiraachuu gabaafame.
Tokkummaan gidduu isaanii hin jiru. Ofittummaa fi anatu caala jechuun Imbaappee, Viinishiyesii fi Beeliingihaam gidduutti dabalaa dhufuu himame.
Deeggartoonni Riyaal Maadirid kileba keenya nuuf gadhiisii bahi jechuun Imbaappee irratti iyyata oonlaayinii mallatteessaa turan.
Maaltu isa mudate?
Bashannana Sardiinaa, Xaaliyaanii
Kiiliyaan Imbaappeen ji'a Eebla darbe keessa tapha Riyaal Beetis irratti miidhamuun ammayyuu hin deebine.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Tapha El Kilaasiikoo Dilbata dhufu gaggeeffamuufis gahuu dhiisuu mala. Baarseloonaan dirree isaanii irratti sanuu tapha Riyaal Maadirid waliin godhan irratti waancaa injifachuu danda'a.
Kun akka hin taane carraa Riyaal Maadirid qabu taphicha mo'achuu qofa.
Waan dirreen ala Maadirid keessatti tahaa jiru garuu kilebichaaf yaaddoo guddaa taheera
Yeroo Ispaanyool waliin Riyaal Maadirid taphatu Imbaappeen ammoo Xaaliyaan deemee doonii qaalii taate tokkoon oso bashannanuu mul'ate.
Imbaappeen jaalallee isaa waliin bashannana irra ture.
Yeroo midhama isaa sana kilebichi akka torban tokkoof boqatuuf eeyyama kenneefii ture. Garuu deeggartoota biratti ammoo amalli isaa kun hin jaalatamne.
''Yeroo boqonnaa isaatti Imbaappeen akkuma nama kamiiyyuu waan barbaade gochuu danda'a'' jedhe leenjisaan kilebichaa Alvaaroo Erbiyoolaa.
Ha atahu malee, deeggartoonni kilebichaa wal gurmeessuun iyyata oonlaayinii mallatteessun kileba keenya nuuf gadhiisi jechaanii jiru.
Jalqaba iyyaticha namoonni 200,000 akka mallatteessaniif yaadamee jalqabe. Sa'a 24 namoonni miliyoona 12 mallatteessun Imbaappeen akak Riyaal maadirid gadhiisuuf gaafatan.
Namoota miliyoona 12 mallatteessan keessaa hangam isaaniitu deeggartoota Riyaal maadirid dhugaadha kan jehdu beeekamuu baatus mormiin kun yeroo kilebichi muddama keessa jirutti dhalate.
Riyaal Maadirid waancaa tokko malee bara dorgommii kana xumura. Kooppaa Del Rey, Riyaal Soosedaadtu mo'ate.
Baarseloonaan ammoo qabxii 11'n caalee Laaligaa fudhachuuf jedha.
Bakka bu'oonni Imbaappee ibsa baasaniin ''qeeqni isa irratti dhiyaachaa jiru dhamaatii inni taasisaa jiruu fi hojii isaa guyyaa guyyaa hin ibsu'' jedhan.
Amma qabxii guddaan Imbaappeen El Kilaasiikoo dirree Baarseloonaa 'Spotify Camp Nou' gahamoo miidhamee tura kan jedhudha.
Leenjisaan Maadirid garuu akka qorannoon darbe agarsiisutti xiqqoo waan turu fakkaata garuu mee ni ilaalla jedhe.

Madda suuraa, Getty Images
Xiinxalaan kubba miilaa Ispeen beekamaan Guuleemoo Baaleguu, Ispeen keessatti deeggartoonnis tahe miidiyaan waa xiqqoo keessaa oduu baay'ee baasuu jaalatu jedhe.
Yoo Maadirid mo'ataa hin jiru tahe Imbaappeen maaliif kana caalaa kileba kanaaf hin dhama'u? Maaliif sirriitti fiigee hin taphatu? Maaliif Viinishiyes waliin waliigalee hin taphatu jedhu.
Kun falmii dogogoraati jedhe. Itti dabaluun Imbaappeen rikardii dhuunfaa fi dhiibbaa dhuunfaa isaa agarsiisuf dursa kenna jedhe.
Miidhama jilbaa osoo qabuuyyuu rikardii Kiristaanoo Roonaaldoo waggaa 1 keessatti galchii 59 Riyaal Maadiridiif lakkoofsise bira gahuuf ifaaja jedhe.
Kun hojii garee irratti dhiibbaa akka qabaatu eeruun leenjisaatu dandeettii Imbaappee baasee fayyadamuu dadhabemoo Imbaappeetu kubba miilaa Ispeenitti madaquu dadhabe jedhee gaafata.
Zhaavii Aloonsoo yeroo leenjisaa ture hojii gareef dursa kennaa ture. Inni ammoo akka Imbaappeen qofaa hin fiigne daangesseera. Akkasis tahee leenjisichi erga gaggeeffamees Erbiyoolaa wlaiin hojjetus Riyaal Maadirid waa mo'achuu hin dandeenye.
Osoo Riyaal Maadirid mo'aa jiraatee silaa waa'een Imbaappee kan haasa'amu waan biraa ture jedhe.
Miidiyaaleen Ispeen Imbaappee akka malee qeeqan kan jedhan jiru. galchii isaa yoo ilaalte taphataa murteessaa tahuu hubatta.
Rakkoo kilebichi keessa gale hundaa Imbaappee irra kaa'uun garuu sirrii akka hin taane xiinxaltoonni irratti waliigalu.
Rakkoon Imbaappee amala isaa waliin kan wal qabatu yoo tahu, taphattoota kaan wlaiin waliigaluu akka hin dandeenye himama.
Viinishiyes Juuner waliin osoo madaalliin taphaa hin cabiin taphachiisuun akkamiin danda'ama kan jedhu hojii leenjisaa akka tahes himu.
Imbaappee fi Riyaal Maadiridiin leenjisaa kamtu gara waancaatti deebisa?














