Bulchaan Maalii bakka ministira ittisaa tibbana ajjeefameetti of muude

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 1

Bulchaan Maalii Jeneraal Asiimii Gooyitaa bakka ministira ittisaa kan haleellaa tasaa torban dura gaggeefameen ajjeefamee dabalataan qabate.

Biyya Lixa Afrikaa taate Maalii keessatti finciltoonni Islaamummaa fi bilisummaa waliin ta'uun haleellaa banan hordofee Maaliin gaaga'ama nageenyaa hamaa keessatti argamti.

Yeroo haleellaan kun raawwatametti bakka magaalaa guddoo biyyattii, Bamaakootti dhiyoo jiurtti mana jireenyaa ministira ittisaa Saadiyoo Kamaaraa irratti humnoonni kunneen konkolaataa boombii fe'ateen haleellaa balleessanii baduu raawwatameen aanga'aan kun ajjeefamuun himameera.

Ibsa Wixata kaleessaa TV Maalii irratti dubbifameen bulchaan waraanarraa ta'e Jeneraal Asiimii Goyitaa bakka minisitra ajjeefamaa kana dabalataan qabachuu isaatu ibsame.

Aangoon pirezidaantummaafi ministira ittisaa Jeneraala kana harka galuun aangoon isaa yaaddoo hidhattootaa keessa waan galeef tarkaanfii ol aantummaa isaa eegsifachuuf fudhatedha jedhamaa jira.

Torban tokko dura Addi Bilisa Baasaa Hazawaadiifi gareen Islaamummaa Alqaa'edaa waliin hariiroo qabu Jeeniim jedhamu waliin yta'uun magaalota biyyattii keessatti haleellaa raawwataniiru.

Yeroo sanarraa kaasee finciltoonni kunneen magaalaa guddoofi magaalota biroo biyyattiirra gariin qoqqobbii kaa'aniiru.

Haleellaan raawwatame guddaa waan ta'eef humnoonni Maaliifi kan biyya michuushee taate Raashiyaa magaalaa gama Kaabaan jirtu Kidaal keessaa akka bahan godheera.

Kun ammoo cimina aangoo bulchiinsa Jeneraalichaa kan waggaa shan dura gara aangootti dhufee gaaffii keessa galcheera.

Sambataafi Dilbata aanga'oonni Maalii haleellaa finciltoota kanaan raawwatameen walqabatee loltoota baayyee to'annoo jala oolchuu beeksiseera.

Abbaan Alangaa Mana murtii waraanaa Maalii qondaalonni waraanaa duraaniifi amma hojiirra jiran adeemsa haleellaa karoorsuufi raawwachuu keessatti tumsuu isaanii qorannoon irra gahuu eereera.

Angaa'uun Maalii haaleellaa irratti baname qolachuuf humnoota biyyoota ollaa Niijeriifi Burkinaa Faasoo waliin ta'uudhaan finciltoota irratti haleellaa raawwachuu isaanii beeksiseera.

Maalii, Niijer fi Burkinaa Faasoon kan bulaa jiran gaggeessitoota waraanaa fonqolcha mootummaan aangoo qabataniinidha. Biyyoonni kunneen loltoota biyya duraan isaan koloneeffatte Faransaay of keessaa baasuun Raashiyaa waliin michummaa tolfachuu dabalatee hidhattoota naannoo isaanii jiran loluudhaaf tumsa waraanaa uummataniiru.

Haata'u malee, haleellaa gareewwan hidhattootaa naannoo sana keessa socho'an kan itti fufe yoo ta'u, kutaan bulchiinsaa biyyoota sadanii bal'aa mootummaatiin ala to'annoo finciltootaa kanneen jalatti argama.