Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Obbolaan daa'imummaatti gataman osoo maatii isaan gate barbaadanii waggootaan booda walitti bahan
"Ani uffata cuquliisa uffadhee korojoo keessa kaa'amee gatameen argame."
Beelfaast keessatti jaalalaa fi kunuunsa gaarii argachaa kan guddate Deevid Maakbiraayid yeroo hunda guddifachaadhaan akka guddifamaa jiru ni yaada.
Umriin isaa ganna 15 guutee tajaajila loltummaa galmaa'uuf yeroo ragaa dhalootaa gaafatametti garuu waa'ee ofiisaa waan xiqqoo qofa akka beeku kan hubate.
Waraqaa ragaa dhalootaasaa irratti ragaan homtuu hin guutamne jechuun danda'ama. Maatiin isaa eenyu akka ta'an hin eeramne. Eessatti akka dhalateefi yoom akka dhalatelleen hin barreeffamne.
Abbaan isa guddise waan muraasa waan beeku qofa itti hime. Maakbiraayid daa'ima gatamee argame ture. Daa'imummaa isaatti konkolaataa balaballi fuulduraasaa banaa ta'e keessatti gatamee argame.
Maakbiraayidii fi abbaan isa guddifate kuni ragaa hamma danda'an barbaaduuf murteessan. Mana kitaabaa naannoo isaanii jiru keessatti qorannoo adeemsisuu jalqaban. Barreeffamoota gaazexaarraa sakatta'an.
Yeroo sanatti daa'imni kuni yeroo bakka gatamee argamu ijoo dubbii ta'ee ture. Sababni isaas yeroo sanatti Kaaba Ayerlaand keessatti daa'ima gatuu oduu jedhu dhagahuun waan baratamaa hin turre.
Haati isa deessee gatte kuni dargaggeettii akka turtee fi sodaarraa akka kana goote tilmaame. Ishee argachuuf barbaacha murteesse.
Obbolaa Gataman
Deevidii fi Helen lamaan isaaniituu uffata faashinii walfakkaataa qabuun maramanii gatamanii argaman.
Heelen Waard
Waggootni kudhanii ol erga darbanii boodalleen Maakbiraayid barbaacha itti fufe. Inumaa sagantaa BBC barbaacha maatii irratti hojjeturrattilleen dhihaate garuu deebii muraasa argate.
Obboleettiinsaa isa jajjabeessitee qorannoo qaccee sanyii (DNA) gochuuf murteesse.
"Bu'aan qorannoo sanaa wan hunda jijjiire. Obboleettii haadhoosaa taate akka qabu bare.
"Rifaatuu ajaa'ibaa ture… akka waan guyyaan Ayyaana Qillee gaheeti ture" jedha.
Maqaanshee Heelen Waard. Ta'ulleen waa'ee harmeesaa gaaffiiwwan sammuusaaatiff deebii barbaaduun dura isheenis gaaffiiwaan hedduu qabdi. Isheenis akkumasaa gatamtee argamte.
"Saanduqa bilbilaa keessatti korojoo magariisa tokkoon gatamteen argame" jedha Waard.
Isheen erga ofiishee daa'ima godhatteen booda fedhiin waa'ee haadhashee beekuuf qabdu dabale.
Isaan lamaan Lakkuulee miti. Garaagarummaa waggaa torbaa gidduusaanii kan jiru yoo ta'u, lamaan isaanituu daangaa Ayirish irratti gatamanii argaman. Walfakkeenyi kuni ajaa'iba.
"Konkolaachisaa konkolaataa fe'umsaatiinan argame. Korojoon keessa kaa'amee gatame sana keessa qaruuraa waan hoo'aa qabuu fi uffata jijjiirraa jira. Haala gaarii fi uffannaa gaariidhaan marameen argame" jetti.
Akkuma Maakbiraayid, Waardis, maatii jaalala gaarii qabu keessatti guddatte. Garuu ofiisheetii gaafa daa'ima godhattu fedhiin deessee ishee barbaaduu keessa isheetti guddataa dhufe.
Ogeessa dhimma hawaasummaa naannoo isheen itti gatamtee argamterra hojjetu barbaaddee qunnamte. Hojjetaan kunis waraqaa ragaa dhalootaa kan maakbiraayid waggootaan dura fudhateen walfakkaatu itti agarsiise.
Ragaa sanarratti abbaan hin beekamu, haati hin beekamtu kana malees daa'imittiin saanduqa bilbilaa keessatti gatamtee argamte odeeffannoo jedhu ofirraa qaba.
"Baayyeen jeeqame. Sammuukee keessatti gaaffii hedduutu uumama. Garuu gaaffiiwwan kanaaf deebii argachuun haalan ulfaataadha" jetti.
Waggoota itti aanaan Waard barbaacha mataashee taasisuu eegalte. Seenaa ishee raadiyoo irratti dhiheessite. Bara 1969 poolisii dhimmicha qoratee fi konkolaachisa konkolaataa fe'umsaa jalqaba ishee argate barbaachatti kaate.
Garuu hiriyaanshee tokko meeshaa qorannoo DNA ittiin taasifamu erga isheef biteefiin booda obboleessashee adda bahanii turan argachuu dandeesse.
"Amanuun dadhabe. Dhugaa ta'uusaa ofamansiisuuf ofqimmiidaan ture" jetti.
Barbaaccha Haaraa
Obbolaan lamaan yeroo jalqabaatiif fuulaa fuulatti walarganii walfakkeenya qaama isaanii yeroo argan miira ajaa'ibaa qaba ture.
"Waan hundatu bitaa Sigala. Waan dubbachuu barbaaddu baayyeetu samuuukee guuta" jetti Waard miira gaafas itti dhagahame yoo ibstu.
"Battala walargine waan naannoo keenya jiru biraa homaa quba hin qabun ture" jedha Makbiraayid.
Amma barbaachi jalqabaa milkoofnaan barbaachi itti aanummoo maatii isaanii argachuudha.
Deeviid akka jedhutti, barbaachi maatii isaanii garuu milkii hin qabaanne.
Dhumarratti akka hubatanitti harmeen isaanii sagalatamoota keessa osoo isaanuu wal hin argin dura akka boqotte baran. Abbaan isaanii ammoo waggaa isaan dura boqotan.
"Harmeen keenya nama baadiyyaatti. Abbaan keenyammoo nama magaalaati. Isheen isarra umriidhaan xiqqaa turte. Abbaan keenya Dabliinitti hogganaa baandii ture. Kan walargan isheen shubbisaaf deemteeti. Jaalala waggaa 40 ol ture qabaatanii ture" jedha Maakbiraayid.
Akka inni jedhutti, maatiin isaa lamaan jaalalaan waggaa dheeraa waliin turan garuu jaalalli isaanii walxaxaa ta'uu akka hin hafne hima.
Abbaan isaanii nama gaa'ela qabu ture. Kana malees amantaan isaa Pirotestaantiidha. Isheen ammoo Kaatolikiidha.
Waard yeroo maatii ishee barbaachaaf gaazexaa sakatta'aa turtetti seenaan dubbiste ammallee gaaffiin biraa sammuushee kessatti akka hafu godhe. Innis obbolaa biraa qabnaa? kan jedhu.
"Seenaan ani gaazexaa irraa dubbise bara 1965 daa'ima saanduqa bilbilaa keessatti gatamee argamedha. Korojoo keessa kaa'amee gatame. Isa keessammoo qaruuraa hoo'aan jira. Kanaaf seenan suni seenaa kiyyaa fi Deevid waliin walfakkaata" jetti.
Dubartiin biyya Awustiraaliyaa kan sagantaa obbolaan lamaan kuni yeroo walargan TV dhaan tasa'e argite abbaa ishee Joon jedhamu barbaacha eegalte. Dhumarratti abbaanshee kan siheen barbaadaa jirtu obbolaa ijoolee kanaa ta'eea argame.
"Inni mucaa gidduuti. Sadan keenya yeroo walarginee haasofnu maatii kee waliin teessee akka haasoftuuti. Gaaffii kumaatamatu sammuutti sidhufa. Garuu yeroon suni raajii ture" jetti Waard.
Heeleniifi Deeviid murtii harmeen isaanii murteessan kanatti akka isheettii hin qabamne himan.
"Taateen suni isheedhaaf waan sukaneessaa ta'uu mala. Ijoollee sadii garaatti baattee erga deesseen booda gatuuf kan ishee dirqamsiise" jetti Heelen.