Ministirri Dhimma Alaa Iraan Abbaas Arraagchii Ameerikaan haal-dureewwan Teehraan keessa fudhannaan Ulaan Hormuuz faayidaa tarsiimawaa qabu guyyoota lama keessatti irra deebiin banamuu akka danda'u dubbate.
Abbaas Arraagchi akka ibsetti, jaarsummaa Qaataar waliin mariiwwan taasifaman yeroo karoorri kun itti raawwatamu guyyaa shanirraa gara guyyaa lamaatti gabaaseera.
Ministirichi itti dabaluun, Teehraan waliigaltee Isilaamaabaad booda qoqqobbiiwwan kaa'aman akka ka'an, humnoonni waraanaa qaxanaa sna keessa jiran akka hir'ifaman, daangeffamni gurgurtaa boba'aaf kaa'aman akka irra deebiin ilaalaman, akkasumas Qaataaritti kan argaman dabalatee qabeenyaawwan Iraan dhorkaman akka gadhiifamaniif gaafatteetti.
Iraan toorawwan imala doonii irratti Omaan waliin marIiyatterratti beekamtiin idil-addunyaa akka kennamuuf barbaaddi.
Abbaas Arraagchii haal-dureewwan kunneen guutamnaan Waashingiten fi Teehraan gidduutti dhimmoonni hanga ammaa fala hin argatiin irratti marii haaraa jalqabuudhaaf karaa bana jedheera.
Yaadni kun kan dhiyaate imala galaanaa fi gabaa boba'aa irrattti muddama dhiibbaa uume kana hir'isuudhaaf carraaqqiiwwan wayita itti fufanii jiranittidha.
Daldalli boba'aa addunyaa harka shan keessaa tokko kan ta'u kan keessa darbu Ulaan Hormuuz ammallee dhiyeessii annisaa idil-addunyaatiif ulaa murteessaa ta'ee tajaajilaa jira.
Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp mariin Iraan waliin taasifamu, "haala gaariin deemaa" jiraachuu dubbachuun isaa ni yaadatama.
Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Maarkoo Ruubiyoo haasaa dhiyeenya kana taasiseen, Tiraamp Iraan irratti haleellaa gaggeessuuf ammallee hin murteessiin akka jiru eereera.
Aanga'oonni Iraan gama isaaniitiin, Ameerikaan haleellaa raawwannaan deebiin haaloo bahuu hamaa akka ishee eeggatu akeekkachiisaniiru.
Isaan kunneen dhimma kanarratti odeeffannoo dabalataati: