Rokkeettii waraanaa (RPG) Mooyyalee gama Keeniyaa 'qubachuun' yaaddoo hammeesse

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Walitti bu'insa magaalaa Moyyalee torban lammataa qabateen rokkeettiin waraanaa (RPG) jedhamu sadii daangaa Itoophiyaa irraa daangaa Keeniyaa qubachuu qondaalli poolisii Keeniyaa himan.

Komaandarri Poolisii magaalaa Moyyalee daangaa Keeniyaa Joorji Kipkooroos taateen kuni Dilbata kaleessaa muadachuu BBC Afaan Oromoof mirkaneessaniiru.

Haa ta'u malee, dhimma kana irratti gama Itoophiyaa ammatti wanti jedhame hin jiru.

Walitti bu'insa hawaasa Oromoofi Somaalii gidduu magaalaa Mooyyalee gama Itoophiyaa adeemaa jiruun hanga dhuma torbee darbeetti namoonni 50,000 tahan baqatanii daangaa Keeniyaatti ce'uu Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii beeksiseera.

Waa'ee walitti bu'iinsa kanaa gama mootummaa Naannoo Oromiyaa, Mootummaa Naannoo Somaalees ta'e mootummaa Federaalaa Itoophiyaa wanti jedhame hin jiru.

Komaandarri poolisii kuni Humni Ittisaa Keeniyaa rookeettiiwwan sadii otoo hin dhuka'in qubatanii jiran rakkoo tokko malee dhoosuu himan.

Meeshaan waraanaa dhuka'u tokko mana ''barumsaa sadarkaa jalqabaa Seesii jedhamu keessatti bu'e'' jedhan. Kaan immoo ollaadhuma keessatti akka bu'e himan.

Koomaandara Joorji nageenyi naannichaa ammallee yaaddoo akka tahe himuun qaamoti nageenyaa daangaa irratti bobbaafamuu himan.

''Mootummaan poolisii, Humni Ittisaa Keeniyaafi eegdota daangaa bobbaaseera,'' jedhan.

Meeshaa waraanaa daangaa darbee qubate kanaan namni miidhame akka hin jirres ibsaniiru.

Haa tahu malee, qawwee bararee Itoophiyaa irraa dhukaafame jedhameen Wiixata har'aa namni tokko miidhamuun gabaafameera.

Taateen kuni jiraattota daangaa biyyoota lamaanii irra jiraniif lola adeemaa jirurraa yaaddoo dabalataa taheera.

Akka jiraattonni jedhanitti walitti bu'iinsi torban dura kan eegale alaabaan naannoo Somaalee magaalaa Naannoo Oromiyaafi Somaaleen bultu keessatti yeroo dhaabamu lubbuu ol adeemtuu tokko darbeeni.

Ajjeechaa dubartii kanarratti mudateef kantiibaan Mooyyalee gama Oromiyaa magaalattii bulchan humnoota Somaalee himatan.

Kantiibaan Mooyyalee gama Naannoo Somaalee jala jirtu immoo himannaa kana waakkachuun bulchiinsa haaraa naannichi ijaare lafa qabsiisuuf yeroo jedhan dhibdeen dhalachuu himu.

Naannoon Somaalee bara darbe caaseffama haaraa bulchiinsaa hojjechuun aanolee dabalataa 14 hundeesseera.

Naannichi kan duraan aanolee 95 qabu gara 109tti guddisuu beeksiseera.

Yeroo sanayyuu hundeeffamni aanolee kanneenii naannoo Oromiyaa keessaa akka magaalaa Mooyyalee fi Yaabelloo fa'aa keessatti mormii kaaseera. Innis lafa naannoo Oromiyaa irraa kutanii hundeessan kan jedhu ture.