Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Chaayinaan biyya tokkorraa kan hafe biyyoota Afrikaa hundarraa taarifa kaaste
Jimaata har'aa irraa jalqabee Chaayinaan biyyoota Afrikaa keessaa biyya tokkorraa kan hafe biyyoota hundarraa taarifa akka haqxu himte.
Chaayinaa waliin hariiroo jabaa kan qabdu Itoophiyaan imaammata daldala taarifa irraa bilisa kana irraa ni fayyadamti.
Eswaatiinii irraa kan hafe Chaayinaan taarificha biyyoota Afrikaa hunda irraa akka kaastu beeksifteetti. Eswaatiiniin Taayiwaan waliin hariiroo gaarii waan qabduuf irraa kaasuu dhiiste.
Chaayinaan Mudde 2024 irraa eegaluun biyyoota Afrikaa dinagdeen isaanii gadi aanaaa tahan 33 irraa taarifa kaasteetti. Imaammanni Chaayinaa ammaa immoo biyyoota Afrikaa 53 hammata. Imaammatichi hanga bara 2028tti hojiirra tura.
Sana booda ammoo maaltu taha kan jedhu ifa miti. Chaayinaan biyya jalqabaa dinagdee Afrikaa bayyaannachiisuuf taarifa zeerooo hojiirra oolchite tahu beeksifte.
Xiinxaltoonni ammoo Chaayinaan hariiroo ishee cimsachuuf tarkaanfii kana haa fudhattu malee taarifni al-ergii Afrikaaf gufuu xiqqaadha jedhu. Sababni isaa al ergiin Afrikaa gara Chaayinaatti tahu xiqqaa waan taheef.
Daldala wal hin madaalle: Afrikaa fi Chaayinaa
"Chaayinaan akka biyya daldala bilisaa Afrikaa waliin gaggeesituutti of ilaalti. Kun ammoo faallaa Ameerikaa fi Tiraampidha'' jetti Looren Joonsan Inistiyuutii 'AustChina' jedhamutti qorattuu kan taate.
Ji'a Hagayyaa darbe keessa Ameerikaan biyyoota Afrikaa tokko tokko irratti taarifa hanga 30% dabarsite.
Erga manni murtii US dura dhaabbatee ammayyuu taarifni biyyoota tokko tokko irratti hojiirra oole %10 tahee itti fufeera.
Imaammanni daldalaa taarifa zeeroo Chaayinaa kun biyyoonni Afrikaa bal'inaan oomishaalee qonnaa akka alatti ergan gargaara. Kun ammoo ''galii jiraattota baadiyaa fi oomishtummaa akka dabalu taasisa'' jette Looreen.
''Kun ammoo hiyyummaa fi beela hir'isa'' jette.
Daldalli Siinoo- Afrikaa wal madaalaa miti. Chaayinaatu irra caalaa fayyadamaa jira. Oomishaaleen Chaayinaan gara Afrikaatti ergitu isa Afrikaan gara Chaayinaatti ergiturra hedduu caala. Garaagarummaan sun ammayyuu bal'ataa deeme jetti Looren.
Bara darbe garaagarummaan daldalaa Chaayinaa- Afrikaa gara %65tti kan guddate yoo tahu kunis gara doolaara biliyoona 102 taha.
Biyyoonni Afrikaa gara Chaayinaatti kan ergan irra caalaan isaa albuudaa fi meeshaalee dheedhii akka boba'aa hin calalamiinii fi oorii sibiilotaati.
Amma michuu daldala Chaayinaa guddaa kan tahan Angoolaa kan boba'aa Chaayinaatti ergituu fi DR Koongoo fi Afrikaa Kibbaati.
Biyyoonni akka Afrikaa Kibbaa fi Morookoo kan dinagdeen isaanii haalaan guddate al ergii isaanii haalaan guddisuuf hojjetu.
Xiinxalaan siyaasaa Jervin Naadoo, Oksifoord Ikonomik Afrikaa jedhamu irraa akka jedhetti, Afrikaa taarifa irraa bilisa gochun fedhii bu'uuraalee misoomaa guddisuu fi dinagdee ardichaa qaacessuuf gahaa miti.
Biyyoonni Afrikaa hedduun ammayyuu hanqina indaastirii, loojistikiii dadhabaa fi meeshaalee dheedhii alatti erguu irratti qofa hirkachuun rakkoo keessa jiru jedhe.
Kanaaf taarifa kaasuun rakkoo ardichaa guutummaan akka hin furre kaase.
Alfired Shiikee, Singaapoor, Inistiyuutii Baha Eeshiyaa irraa ''yeroo dheeraa keessa yeroo biyyoonni Afrikaa oomisha isaanii baay'isan fayyaduu danda'a'' jedhe.
Ogeessi biraa Singaapor irraa Amiit Jeen jedhamu, kana booda lammiileen Chaayinaa isa waggaa 20 dura caalaa oomishaalee zayitaa fi buna biyyoota Afrikaa irraa galchuu jalqabu jedhe.
Xiinxaltoonni akka jedhanitti Eswaatiniin keessaa hafuun murtoo siyaasaati. Jeen akka jettutti murtoon kun inumaayyuu isa durii caalaa Eswaatiniin akka Taayiwaan irraa fayyadamtu haala mijeessa jetti.
Eswaatiniin biyyoota 12 Taayiwaan waliin hariiroo dippilomaasii qaban keessaa tokko. Chaayinaan Taayiwaniin akka qaama bulchiinsa ishee taatetti ilaalti.
Ji'a darbe hogganaan Taayiwaan Layi Ching-te imala gara Eswaatinitti gochuuf ture haqe. Kun erga biyyoonni akka Siisheelsi, Moorishesii fi Madagaaskaar xiyyaarri isaa akka qilleensa isaanii hin seenne dhorkanii tarkaanfii fudhatamedha.