Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dullumaaf ilaalcha gaarii qabaachuun umrii dheeraa akka jiraattu sigargaaraa?
Waa'ee dullumaa ilaalcha gaarii qabaachuun namoonni umrii dheeraa akka jiraatan gochuu akka danda'u qorannooleen agarsiisu.
Ilaalchawwan badaa fi loogiiwwan waa'ee dullumaa jiran dhabamsiisuunis addunyaarratti walqixxummaa uumuuf gahee akka qabu Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) hima.
Haa ta'u malee rakkinichi biyyoota garagaraa keessatti babal'atee akka jiru qorannooleen agarsiisu.
Yunaayitid Kingidam keessatti namoota sadi keessaa tokko umrii isaaniin walqabatee ilaalcha badaa yookiin loogii keessummeessaniiru.
Qorannoo Yunaayitid Isteetis keessatti namoota 2,000 kan umriinsaanii waggaa 50 hanga 80 ta'e irratti godhameen immoo dhibbeentaa 93 kan ta'an umriisaaniin walqabatee ilaalcha badaa keessummeessuusaanii himaniiru.
Kaanaadaatti Inistitiyuutii Qorannoo Dullumaa keessa daayrektara saayintifikii kan ta'an Paarminder Raayinaa, "dhimmi ajaa'ibsiisaan namoonni dullumaaf ilaalcha badaa qaban isaanis yeroo tokko kan dullooman ta'usaati" jedhu.
Ilaalchawwan waa'ee dullumaa gaarii hintaane yeroo baay'ee yeroo ijoollummaatti maatii, miidiyaa yookiin yaadannoowwan loogii qabanirraa kan dhaalaman akka ta'e qorannoon agarsiisa.
Kanaafis ijoolleen daa'imummaa isaanirraa eegalee waa'ee dullumaa barsiifamuu akka qaban, marsaalee jireenyaa akka hubataniifi adeemsa dullumaa isaaniif akka qophaa'an gochuun akka barbaachisu qorataan himu.
"Dullumni humna badii miti. Sirumaayyuu dullumni milkaa'ina sirna fayyaa ammayyaati" jedhu Paarminder Raayinaa.
Ilaalcha ofii gochaan dhugoomsuu
Ilaalchi badaafi loogiin waa'ee dullumaa maanguddoonni ilaalchicha akka ofitti fudhatanfi ilaalcha gaarii hintaane keessa akka kufan isaan taasisuu danda'a.
Fakkeenyaaf osuma gahumsa qabanuu carraawwan barnootaa haaraa fudhachuurraa duubatti jechuu danda'u. Kunimmoo waa'ee ofii ilaalcha gadi aanaa akka qabaatan taasisuu danda'a.
Kanaan walqabatee namoonni hojii wayii hojjechuusaaniin dura waa'een umriisaanii yoo itti himame, carraan hojii sana haalaan hojjechuusaanii gadi akka bu'u qorannooleen agarsiisu.
"Kanaaf sababni immoo miira yaaddoo yookiin dhiphinaa nama biraatiin irratti fe'amedha" jedhu Yunaayitid Kingidam, Yunivarsiitii Keenyitti ogeettii xinsammuu hawaasaafi dhaabbataa kan ta'an Haannaa Siwiift.
Ilaachiwwan namoota dullooman hundaaf dimshaashatti maqaa itti baasan keessaa inni tokko ilaalcha "namoonni dullooman dadhaboofi salphumatti kan miidhamanidha" kan jedhu akka ta'e Raayinaan himu.
"Kuni dhugaarraa baay'ee kan fagaatedha. Maanguddoonni baay'een of danda'anii, tola ooltummaafi hojiilee biroon gumaacha taasisaa hawaasasaanii keessa jiraatu" jechuunis himu.
Garuummoo maanguddoonni tokko tokko fedhiiwwan walxaxoo qabaachuu akka danda'anis himu.
"Rakkoo fayyaa cimaa ta'e qabaachuu malu, garuummoo kunneen rakkoolee kunneen qaban kunneen haala gaariifi fayya qabeessa ta'een dullooman walin yeroo ilaalaman lakkoofsisaanii xiqqaadha" jedhu.
Daangaa hinqabu
Ilaalchi badaan namoonni biroon dullumarratti qabanfi yaadni dogongoraa maanguddoonni waa'ee ofii qaban maanguddoonni rakkoolee fayyaa garagaraaf akka saaxilaman gochuu danda'u.
Kunneen keessaayis hir'achuu dandeettii waa hojjechuu qaamaafi dandeettiin sammuu ni argamu.
Kana malees mallattoolee rakkoo fayyaa sammuu akka mukaa'uufi hamaafi dhiphinaaf akka saaxilaman gochuurra darbee akka of loogan gochuus danda'a.
"Maanguddoonni yoo leenji'an qaamnifi maashaansaanii guddachuu akka danda'u, haalaan dammaqoo ta'anii jiraachuu akka danda'an irra deddeebiin qorannoolee keenyaan ilaallerra. Kanaafis wanti dhalli namaa gochuu danda'u daangaa hinqabu" jedhu Raayinaan.
Kana malees namoonni waa'ee dullumaa ilaalcha gaarii qaban kunneen biroo caalaa umrii dheeraa jiraachuu akka danda'anis ogeeyyiin himu.
Yunaayitid Isteetis, Mana Barnootaa Fayyaa Hawaasaa Yeel keessatti pirofeesara dhibeefi xinsammuu kan ta'an Beekaa Leevii, namoonni waa'ee dullumaa ilaalcha gaarii qaban kunneen ilaalcha gaarii hinqabne caalaa giddugaleessaan waggaa torbafi walakkaa jiraatu jedhu.
Qorannoon kun biyyoota garagaraa keessatti adeemsifamee bu'aan walfakkaataan argamuusaas himaniiru.
Kana malees namoonni ilaalcha gaarii qaban dandeettii yaadachuu fooyyees ni qabu.
"Kutaan sammuusaanii hippokaampas jedhamufi dandeettii yaadachuu walin hidhata qabu akka namoota gariin baay'ee hinshuntuuru" jedhu.
Gama biraatiin ilaalchi badaan waa'ee dullumaa gochaalee tokko tokko umrii waliin walitti hidhuun akka mul'atus Siwiift himu.
Ilaalchawwan "maanguddoonni mana shubbisaa deemuu hinqaban yookiin maanguddoonni uffata gosa murtaa'e uffachuu hinqaban" jedhan akka fakkeenyaatti kaasu.
Gama biraatiin immoo biyyoota addunyaa garagaraa keessatti aadaawwan maanguddoonni haalaan itti kabajamanfi maanguddootaaf ilaalcha gaarii qabanis ni jiru.
Akka fakkeenyaattis duudhaa Konfuushiyaan bu'uura godhachuun hawaasawwan Eeshiyaa tokko tokko maanguddootaaf kabajafi ulfina addaa laatu.
Kanumaan walqabatee bara 1966 irraa eegalee Wiixatni sadaffaan ji'a Fulbaanaa 'Guyyaa Maanguddootaa' jedhamuun Jaappaan keessatti kabajamee oola
Kabajawwan akkanaa dullumni ulfina ta'uusaa kan nuyaadachiisu akka ta'e Raayinaan himu.
Loogiiwwan injifachuu
Ilaalchawwan badaa maanguddoota hunda dimshaashatti walitti qabuun itti maqaa itti kennan sadarkaa hawaasaattis ta'ee nama dhuunfaatti irratti hojjetamuu akka qaban Siwiift himu.
Kanaaf immoo duudhaalee aadaafi safuuwwan namoota sadarkaa umrii garagaraa keessa jiranirraa maaltu akka eegamu himan jijjiiruu qabnas jedhu.
Kana malees kutaalee addunyaa namoonni sadarkaa umrii garagaraa keessa jiran waliin itti jiraatanfi hariiroon hawaasumama cimaa itti jirutti namoonni umrii dheeraa akka jiraatan qorannooleen agarsiisu.
Sababnisaammoo walin jireenyi kophummaa ittisuun walitti dhiyeenya kan cimsuu ta'usaatini.
"Daa'ima tokko guddisuuf ollaa guutuutu gahee qaba akkuma jennu maaliif maanguddoo tokko deeggaruuf ollaa guutuutu gahee qaba hinjennu?" jedhu Raayinaan.
Dabaluunis "hawaasni keenya dhaloota xixiqqaas, kunneen dulloomanis tajaajiluu qaba" jedhu.
Hawaasa keessa jijjiirama gaarii fiduuf immoo hubannoo hawaasaa cimsuun akka barbaachisu Beekaa Leevii himaniiru.
Ilaalchi badaan waa'ee dullumaa dhimma namoota heddu imala jireenyaasaanii keessatti mudatu ta'uusaatiin ilaalcha kana balleessuun hunda keenya akka fayyadus ogeeyyiin gorsu.