MM Abiy qondaalonni olaanoon Itoophiyaa leenjii waraanaa fudhachaa akka jiran ibsan

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad miseensonni kaabinee fi qondaalonni mootummaa olaanoon biroo Hursootti leenjii loltummaa fudhachaa akka jiran ibsan.

Leenjiin waraanaa qondaaltonni kun fudhachaa jiran yaadota "Tarsiimoo Guddaa Qaroomina Ida'amuu" keessatti argaman "karaa sirrii ta'een hubachuu fi hojiirra oolchuuf" barbaachisa jedhan.

Ministirri Muummee Abiy fuula miidiyaa hawaasaa isaaniiirratti suuraawwan qondaaltota olaanoo biyyattii waliin leenjii waraanaa wayita fudhatan agarsiisuu qoodan.

Suuraalee qoodaman sanarratti qondaaltonni mootummaa dhiyeenya muudaman; ministeera fi deentaa ministeeraa ta'uun kanneen muudaman, akkasumas hoggantoonni waajiraalee biroo uffata dambii leenjii waraanaa uffachuun mul'ataniiru.

Af-yaa'iin Mana Maree Federeeshinii Muferiyat Kaamil, Ministirri Maallaqaa Doktar Fitsum Assefaa, fi Ministirri Ministeera Fayyaa Dr. Maqidas Dhaabaa fa'aa qondaaltota leenjii waraanaa fudhataa jiru jechuun MM Abiy Ahmad suuraa isaanii maxxansan keessayi.

MM Abiy barreeffama suuraalee sana waliin qoodan biratti, "Hoggantoonni mootummaa Badhaadhinaa Hursootti leenjii waraanaa fudhachaa jiru" jedhan.

Ministirri Muummee Abiy saayinsiin waraanaa ''kaayyoo fi namuusa dhala namaa bocuu keessatti dorgomaa akka hin qabne'' ibsuun, ilmi namaa ''qaama, hafuura fi naamusa raawwii hojii akka qabaatan'' gargaara ture jedhan.

Akka Ministirri Muummee Abiy jedhanitti, yaadota "Tarsiimoo Qaroomina guddaa" jedhan keessatti argaman keessaa ijoon "yeroo hunda nageenya biyyaa mirkaneessuu," "biyya cimtuu eenyuufuu hin jibeeffanne ijaaruu" fi "caasaa gadiirraa kaasee hanga gara oliitti galma biyyaalessaaf mijeessuudha" jedhan.

"Leenjiin waraanaa yaadota tarsiimoo kana haala sirrii ta'een hubachuu fi hojiirra oolchuuf gahee hin tuffatamne qaba" jechuun fuula feesbuukii isaaniirratti barreessaniiru.

"Loltoonni qiyyaafannoo qabu; namoonni sivilimmoo kaayyoo qabu. Galmi lamaan isaanii injifannoo galmeessuudha. Kana lamaan walitti daballee dhaloota kaayyoosaa galmaan ga'u uumna" jedhan MM Abiy.

Leenjiin waraanaa qondaaltonni kunneen leenji'aa jiran yoom akka jalqabe, xumuramuuf yeroo hangamii akka fudhatu ifatti hin beekamu.