Shaarkii herrega shallaguufi muuziqaa dhaggeefatu: Waantota ajaa'ibaa waa'ee shaarkii baruu qabdan

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Ilmoo namaafi qurxummiin adamsituu galaana keessaa isa yaadduun ol waan isaan wal-fakkeessutu jira.

Shaarkiin bineensa adamsaa lafee dugda qabu dachii kanarratti jalqaba mul'atan keessaati- adeemsa tirataa waggoota miiliyoonaan booda amala ajab nama jechisiisu horateera.

Dhimmoota sagala waa'ee Shaarkii baruu qabdu:

1. Dachii kanarraa lubbu qabeeyyiin du'aan yoo haxaa'aman shaarkiin lubbuun hafe

Dachii kanarratti yeroo shan lubbuu qabeeyyiin du'aan haxaa'amaniiru. Haalli qilleensaa akkaan hammaataa lubbuu qabeeyyii bishaan keessa jiraatan %90 dabalatee fixe.

Shaarkiin garuu irraa hafe. Har'a shaarkiin garba dachii kanaa hunda keeessatti argama.

2. Shaarkiin herreega shallaguu danda'a

Shaarkiin bineensa sammuu hin qabne garaasaa guuttachuuf kan adamoorra oolu nutti fakkaata garuu colleefi barataa dafee waa qabatu dha.

Sagalee garagaraa wal-xaxaa tahe, boca ji'oomeetirii halluu garagaraa qabu fa'a adda baasuu danda'a.

Yaalii saayinsawaa tokko irratti shaarkiin bocaafi fakkii socho'u waggaa tokkoof agarsiifamee yaadachuu danda'eera.

Bineensi kuni herreega bu'uuraa shallaguu danda'a. Garaagarummaa waantota sadiifi shanii, afuriifi torbaa adda baasuu danda'a garuu lakkoofsa walitti dhihoo afuriifi shan adda baasuu hin danda'u.

3. Shaarkiin muuziqaa jaazii jaalata

Qorannoo Awustiraaliyaatti taasifameen nyaata saayintistoonni muuziqaa jaazii fi kilaasikaalii nyaata waliin kaa'anii shaarkiin gara kamiitti akka deeman itti dhiyeenyaan hordofan.

Shaarkiin gara iddoo muuziqaan jaaziin jirutti deemuu caalsifata.

''Yeroo muuziqaan kilaasikaali banamu shaarkiin wayii gochuu akka qaban beeku garuu gara iddoo biraa deemuu akka danda'an garuu hin barre,'' jedhe qorataan Koolam Biraawun jedhamu.

4. Shaarkiin qaamasaarraa handhuura qaba

Shaarkiin gosa baayyee hanqaaquu hanqaaqu garuu shaarkiin buul fi haamarheed jedhaman daa'imasaanii gadameessa keessatti baatanii akkuma namaa hidda handhuuraan soru.

Kanaaf ilmoon shaarkii dhalatanii ji'ootaafi torbanootaan boodallee qaamasaanirraa dirmammuun handhuuraa ni mul'ata.

Shaarkiin biroo ammoo hanqaaquus hin hanqaaqan ykn gadameessa keessattis hin guddisan. Imbiriyoon hanqaaquu garaa haadhaa keessatti guddate achumaan lakkifama.

Ilmaan kuni fayyaa isaaniitu dhalata. Shaarkiin gosa kanaa waggaa lamaaf rimaa'uun booda dhalu.

5. Shaarkiin garaa haadhaa jiran wal nyaatu

Sanyiin shaarkii Saandtaayigar jedhaman lubbuun of tursuuf garaama haadhaa keessatti lola jalqabu.

Shaarkiin sanyii Saandtaayigar dhaltuu utirasii lama qabu. Tokkoon tokkoosaa keessatti ilmoon shan guddachuu danda'u.

Imbiriyoon kuni hamma tokkotti hafutti obbolaasaa nyaata. Kunis intraayutariyaan kaanibaalizim ykn ''obboleessa ofii nyaachuu'' jedhamuun beekama.

Erga obboleessaafi obboleetti yutirasii keessa jiran erga nyaatamaniin booda inni hafe hanqaaquu haati lakkistu soorachuu itti fufa.

Yeroo dhalatus jabaafi kan qaamni gahumsa qabu tahee dhalata.

6. Shaarkiin jaala qabu

Shaarkiin adamsaa qofa galaa akka tahetti ilaalama.

Sanyiin Shaarkii Gireeyriif jedhaman garee hiriyyoota amala walfakkaataa qaba waliin hamma waggaa afurii turuu danda'a.

Boodarra garee xixiqqootti qoodamuun garagar deemanii deebi'anii ammoo waqtii waqtiin garee uummatu.

Shaarkiin leeman jedhamnis akkasuma gareen jiraachuu jaalatu. Hariiroo kana keessatti dandeettii haaraa walirraa baratu. Kunis akkatti nyaata argataniifi diinarraa of eegan fa'a. Hiriyyaa qaamaan isaan gituufi kanaan dura beekan wajjiin yeroo dabarsuu jaalatu.

Warri gireetwaayitis jedhaman ammoo hiriyyoo dhihoo qabu. Shaarkiin Saayimaniifi Jeekiil jedhamuun beekaman hamma km6,000 takkaa otoo adda hin bahiin waliin imalu.

7. Qaamni shaarkii ilkaan xixiqqoo ofirraa qaba

Qaamni shaarkii waan ajaa'ibaati. Jaarraa 18ffaa keessa ogeeyyiin harkaa fiixee meeshaa muuziqaa laaffisuuf itti fayyadamu.

Shaarkiin ilkaan xixiqqoo deentikilis jedhaman qaama ofirraa qabu. Garuu shaarkiin bishaan keessa daakaa waan ooluuf ilkaan kuni gad ciciisaa dha.

Yeroo harkaan qaqqabdu waan shaakirtaa'aa waraqaaa cirrachaa qaqqabdu sitti fakkaata.

Shaarkiin bishaan keessatti wayii tokkotti bu'ee miira qaamasaatti dhagahmurraan kan ka'e waanti inni itti bu'e nyaata laaqanaaf tahu akka hin taane adda baafata.

8. Shaaarkiin dhikkifannaa onnee kee dhagah

Shaarkiin qaamaa miira saddeet qaba. Qaamota miiraa shan kan ilmaan namaa qabaniin alatti miira dhiibbaa fi rukkina bishaanii akkasumas harkisa maagneetii lafaa itti himu qaba.

Qaawwii qaama shaarkii irratti irraagadee tarreefamee jiru dhagala'aafi seeliin kan guutame dha. Seeliin rifeensa fakkaatu kuni bishaan keessatti yeroo dambali'u shaarkiin sochiin addaa yoo jiraate akka adda baasu isa gargaara.

Qaawwi xixiqqoon qaama shaarkii irra jiran maal akka tahan beekamu baatus saayintistoonni garuu dhiibbaan bishaanii galaana keessaa yeroo geeddaramu akka baran godha jedhu.

Qaawwi kuma dhibbaan lakkaa'amu mataa shaarkiirra jiru seelii narvii miira dafee fudhatuun kan guutame dha.

Kunis shaarkiin sochii elektirikaalaa bineensota kaan keessatti kottonfachuu maashaadhaan uumamu baruu danda'u. Fakkeenyaaf dhahannaa onnee dhaggeeffachuun dukkana keessa bineensa nyaataaf tahu adamsuu danda'u.

9. Umriin shaarkii mukkeen, qubeelaa Saatarniifi Urjii Kaabaa oli

Shaarkiin bineensa bara duriiti. Lafeen akaakilee shaarkii amma jiranii waggaa miiliyoona 450 kan lakkoofsise dha.

Kunis mukni jalqabaa lafarratti biqiluun waggaa miiliyoona 60 dura, daayinoosariin waggaa miiliyoona 220 dura, pilaaneetiin Saatarnii qubeelaa godhachuu waggaa miiliyoona 350 duraafi Urjiin Kaabaa mul'achuun waggaa miiliyoona 350 dura shaarkiin dachii kanarra socho'aa turan.

Gareen qurxummii shaarkii ammaa fakkaatu waggaa miiliyoona 380 dura mul'ate. Kunneen shaarkii ammaa kana fakkaachuu dhiisuu malu garuu sanyii isaaniiti.

Waggaa miiliyoona 195 dura sanyiin shaarkii ammaa mangaagaa jabaa qabuufi daakaa akkaan danda'u argame.

Amma gosti shaarkii 500 tahu jira. Kunis isa waggaa miiliyoona 50 dura turanirraa lakkoofsaan xiqqoo dha.