Soorata Afrikaa shan saayinsiin fayyaaf gaarii ta'uu ibse kanneen beektuu?

Madda suuraa, Getty Images
Xaafii irraa kaasee hanga Mooringaa, miishiingaa dabalatee, goosti midhaanoota Afrikaa soorataaf oolfaman hedduun faayidaa fayyaa baay'ee qabaachuu isaaniitiin beekamu.
Gariin isaanii sirumaayyuu sababii baay'ina qabiyyee waantoota madaalawaa of keessaa qabanii fi faayidaasaanii hedduu ta'ee irraa kan ka'e ''nyaataa cimoo ("superfoods") ta'aniitti illeen ilaalamu.
Nyaata akkasii keessaa mee muraasa isaanii haa ilaallu.
1. Xaafii
Xaafiin gosa midhaan duri irraa kaasee jiran keessaa tokko yoo ta'u, adda durummaan Itoophiyaa keessatti biqila. Xaafiin amaloota qabiyyee isaa adda ta'een beekama.
Xaafiin tokkoffaa, midhaan biroo wajjin wal bira qabamee yoo ilaalamu qabiyyee kaalsiyeemii olaanaa qaba.
Kana malees, uumamaan sababii qabiyyee giluteenii irraa bilisa ta'eef, waan ayirenii, faayibara, pirootiinii, albuuda barbaachisoo fi maagniziyeemiin baay'ee qaba.
Sooranni xaafii irraa hojjatamanis nyaata atileetota hedduun akka soorataniif gorsudha.
Itoophiyaa keessatti nyaataa guyyaa guyyaadhaan sooratamu yoo ta'u, dhiyeenya keessa garuu erga faayiidaan qabiyyee Xaafii keessatti argamu erga hubatameen booda biyyoonni guddatan illeen bal'inaan waa'ee gosa miidhan kanaa dubbachaafi qorachaa jiru.
2. Mooriingaa
Mooriingaan sababa faayidaa hedduu inni qabu irraa kan ka'e, yeroo baayyee "muka dinqii" jedhamee waamama.
Gosti Mooringaa (Moringa oleifera) biqiltoota soorata baay'ee madaalawaa ta'an qaban keessaa tokko yoo ta'u, keessumaa Vitamin A fi C, pirootiinii, ayirenii, kaalsiyeemii, pootaasiyeemii, maagniziyeemi, lipiidota, kaarboohayidireetii fi faayibara waan qabuuf faayidaa Moriingaa baayyee hawwataa taasisa.
Mukni Mooriingaa ganamuma irraa kaasee Afrikaa fi Eeshiyaa Kibbaa keessatti kan argamu yoo ta'u, soorata isaa keessatti qabiyyeewwan kan akka eegumsa antioksidaantii kennuudhaan beekama.
Kunis seelonni qaama keenyaa miidhaa molakiyuulota 'free radicals' jedhamaniin namarra gahu irraa eeguuf gargaara.

Madda suuraa, Getty Images
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Baalli Mooriingaa qabiyyee madaalawaa (nutritional) ta'an baay'ee gatii guddaa kan qaban ta'u, baalli kunis bifa dheedhii, gogfamee ykn tumuudhaan qopheeffamuun faayiidaarra oolfamu danda'a.
Kana malees, ijji ykn firiin Mooriingaa, daraaraasaa, hundee fi gogaasaa dabalatee kutaaleen mukaa kanaa ayyadaa qabaachutu himama.
Laboratory studies specifically show that certain parts of its leaves, fruits, or roots can affect the processes involved in inflammation in the body.
Kana malees, qabiyyeewwan antioksidaantii Moriingaa keessatti argaman kunneen hojii sammuu guddisuuf kan gargaaran yoo ta'u, kanaanis fayyaa sammuu namaa fooyyeessuun dhukkubboota akka waa dagachuu (dementia) fi dhukkuba Alzaayimarii ittisuuf gargaaru.
Qorannoowwan laabraatoorii addatti akka agarsiisutti, kutaaleen baala muka Mooriingaa, firiiwwan isaa ykn hidda isaa adeemsa gubaa (inflammation) qaama keessatti uumamu hanga ta'e ittisuu ni danda'a.
Gubaan qaama keessaa (inflamation)n furdina garmalee fi dhukkuba sukkaaraatiin walqabatan dabalatee, dhukkuboota yeroo dheeraa namarra turan (chronic) hedduu fiduu keessatti gahee qabaachunsaa yoo ilaalle kun baay'ee barbaachisaadha.
Qorannoon tokko tokko akka jedhanitti, moringaan sukkaara dhiigaa to'achuuf ni gargaara. Keessattuu qorannoon baala Mooriingaa irratti godhame akka agarsiisutti, hormoonii insuliiniifi hormoonii hamma sukkaara dhiigaa to'achuuf gargaaru oomishuuf gahee kan qaban, seelii rajiijii ni dadamaqsa.
Faayidaawwan mooringaa yaaliin dhiheenya kana gaggeeffamee agarsiisee keessaa ammoo, Mooriingaan qabiyyee farra kaansarii, kan kaansarii kalee ittisuu danda'u, akkasumas dhiphina sammuu ofirraa ittisuu danda'uu qabaachu agarsiiseera.
Wantoota Mooriingaa daa taasisan keessaa kan biraa, moringaan dafee kan guddatuu fi gogiinsa kan dandamatu waan ta'eef biqiltuu naannoo tiroopikaalaa fi goggogaa ta'e keessa biqiluu danda'usaati.
3. Midhaan bara beelaa (fonio)

Miidhaan bara beelaa (Fonio) biqiltuu seenaa waggoota 5,000 ol kan qabu yoo ta'u, biyyoota Afriikaa kan akka Giinii, Maalii, Beeniin, Senegaal, Burkinaa Faasoo, Toogoo fi Niijar dabalatee biyyoota Afrikaa Dhihaa gara kudhanii ta'an keessatti kan oomishamudha.
Midhaan akka xaafii ijjiisaa xixiqqoo ta'e fi cirracha fakkaatu waan qabuuf, yeroo tokko tokkoo "midhaan xiqqaa" jedhamee kan waamamu- gosti miidhaan fooniyoon kunis faayidaa qabiyyee madaalawaa fi salphaatti bullaa'uu danda'u qabaachuun beekama.
Miidhaan kunis akkuma Xaaffii biyya Itoophyaatti qabiyyee Giluteenii kan hin qabnee fi ayirenii, maagniziyeemi, ziinkii, kaalsiyeemii fi faayibara baay'ee kan hammateedhaq.
Faayidaa biroo miidhaan kun qabu keessaa hir'ina dhiigaa ittisuuf, dhiphina sammuu hir'isuu fi sirna ittisa qaamaa namaa fooyyeessuuf gargaara.
Ogeeyyiin soorataa miidhaan kanarraa hojjatame erga nyaatamee booda bishaan baay'ee dhuguun sooratichi qaama keessa jiru akka bullaa'uu fi gara qaamaatti makamuuf haala akka mijeessuu gorsu.
4. Mishiingaa
Midshingaan madda faayibara, maagniziyeemii fi kompaawundoota biqiltoota irratti hundaa'an hedduuti. Gosti miidhaan kanaatiis Afrikaa Sahaaraa gadii keessatti, akkasumas biyyoota Awurooppaa, keessumaa'uu Faransaayi bakka oomishni bishingaa dabalaa jirutti, baay'inaan keessa biqilu keessaa isa tokkodha.
Bishiingaan uumamaan qabiyyee giluteenii kan hin qabnee fi cooma xiqqaa kan of keessa qabu waan ta'eef, karaa adda addaatiin soorataaf oolchuun ni danda'ama. Fakkeenyaa, akka ruuziitti bilcheefamee, bifa daakuutiin daakkamee, ykn bifa nyaatooa aadaa hedduutiin qophaa'ee sooratamuun ni danda'ama.
Nyaanni Bishiingaa irraa hojjatamuus faayidaalee fayyaa hedduu kan qabu yoo ta'u, qorannoowwan tokko tokkos dandeettii gubaa qaama keessaa (inflammation) hir'isuu fi akka miidhaan seelii qaamaa keenyaa irra akka hin qaqabne (antioxidant) ta'ee hojjechuu akka qabu agarsiisaniiru.
















![Humna Koomaandoo Gadaa [bitaa] fi ajajoota Faannoo](https://ichef.bbci.co.uk/ace/ws/400/cpsprodpb/3178/live/e0789b90-9d49-11f1-b109-879e35c24276.jpg.webp)