Arsiitti jiraattotaafi bataskaana irraatti maaltu qaqqabe?

Madda suuraa, Mahibere Kidusan
Arsii, aanaalee lama keessatti Dilbataafi Wiixata darbe haleellaa raawwateen namonni 13 ajjeefamuufi bataskaanni tokko gubachuu jiraattotaafi maddeen Kutaa Lallabaa Bataskaana Ortodoksii BBC'tti himaniiru.
Phaaphaasiin Olaanaa Kutaa Lallabaa Bataskaanitti tarree maqaa namoota ajjeefamanii ifa kan baasan yoo tahu qondaaloti bulchiinsa naannichaa ammoo haleellaa raawwate irratti odeeffannoo akka hin qabne BBCtti himaniiru.
Haleellaa qaqqabe kanaan BBC'n odeeffannoo gaafachuuf itti gaafatamaa koominikeeshinii Oromiyaa Obbo Haayiluu Addunyaafi Ittigaafatamaa Nageenyaafi Tasgabbii Obbo Araarsaa Mardaasaa irra deddeebiin qunnamuu yaalus deebii argachuu hin dandeenye.
Gama biraanis Itti gaafatamaa Waajira Koominikeeshinii Obbo Soorii Wagii haleellaa raawwate irratti gaaffii dhiyeessuufillee ''hamma yoonaa odeeffannoon nu qaqqabe hin jiru, ni qulqulleeffanna,'' deebii jedhu kennaniiru.
Lallabaa Kutaa Biyyaa Arsii irraa maddeen BBC'n dubbise haleellaan kuni Caamsaa 23/2018 A.L.I akka jalqabe himuun aanaa Silxaanaa iddoo addaa Bacheettoo jedhamutti namoota lama, aanaa Askootti ammoo namoonni 11 ajjeefamuu himaniiru.
Maddi nageenya isaaniif jecha maqaan isaanii hin eeramne kuni bataskaanni ''waggaa 101 lakkoofsise,'' Xalataa Gabri'eel jedhamu guutummaan guutuutti ibiddaan barbadaa'uu himaniiru.
Phaaphaasiin olaanaa Lallaba Kutaa Biyyaa Arsii fi Naannoo Somaalii Jigjigaa kan tahan Abuuna Elsaa ibsa baasaniin Arsii aanaalee Askoo, Bashirkaa fi Honqooloo Waabeetti ''amantoonni Ortodoksii 13 ajjeefamuu, kanneen 280 tahan qe'eerraa buqqa'uufi bataskaanni 101 gubachuu,'' eeraniiru.
Kana malees Bataskaana Kaarraa Kuftanaa Madaanaalem jedhamu irratti ''saamichi'' raawwachuu phaaphaasichi ibsaniiru. ''Miseensonni tsillaatii fudhatanii baqataniiru, manni jireenyaa isaanii gubatera,'' jechuun ibsa isaanii irratti akeekaniiru.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Naannichatti namoonni haleellaan irra gahe ''amantii isaaniitiin qofa adda baafamanii manni isaanii gubateera, qabeenya isaanifi loon isaanii saamameera,'' jechuunis beeksisaniiru.
Namni biraa BBC'n dubbiseefi tajaajilaa bataskaanatti tahan obboleessi isaanii milishaa tahe haleellaa kanaan ajjeefamuu ibsuun ''bataskaanni Xalataa Gabri'eel seera taabotaan alatti guutummaan guutuutti barbadaa'era,'' jedhaniiru.
Maddi Lallaba Kutaa Biyyaa batasakaanni Kuteenaa haleellaa gaafa 23/2018 A.L.I Madaanaalam gubachuu jalqabe gaafa Caamsaa 24 kan 25tti barii'un guutummaattu gubatee jedhaniiru.
Namni kuni haleellaa kanaan kan ajjeefaman jiraattota tahuu himuun aanaa Askootti namoonni 280 qe'ee isaaniirraa buqqa'uu dabaluun himaniiru.
Iddoowwan haleellaan itti raawwate keessaa bulchaan aanaa Honqooloo Waabee Hasan Mahammad dhimma namoota du'aniifi qabeenyi barbadaa'e irratti ''odeeffannoo hin qabnu'' deebii jedhu kennaniiru.
Haleellaa kanarratti Waraanni Bilisummaa Oromootu maqaan ka'aa jira.
Dubbi himaan waraanichaa Jireenyaa Guddataa deebii akka kennaniif barreeffamaan gaafatamanii hamma gabaasni kuni bahutti deebii hin kennine.
Lallaba Kutaa Biyyaa Arsiitti Hojii Gaggeessaa Olaanaa kan tahan Lubni Kaffayaalaw Shanquxee, ''naannoo sanatti xiqqoo waliigaluu dhabuun jira,'' jechuun ajjeechaan raawwatamaa jiraachuu himaniiru.
Wiixata Caamsaa 24/2018 A.L.I godinichatti naannolee garagaraatti filannoon geggeefamuu yaadachiisuun ''walii waliin wal-fixuurra'' kan gahame ''filannoo gufachiisuuf tahee ykn sababa biraa jiraachuu hin beekamne,'' jechuun dubbataniiru.
Hojii gaggeessan olaanaa kuni haleellaan kuni sababa maaliin akka raawwateefi eenyuun akka tahe adda baasee dubbachuuf amma akka hin dandeenye beeksisaniiru.
Naannichatti qaamota nageenyaafi gareen quqlulleessu Kibxata gaafa Caamsaa 25/2018 bobba'uu himanii dubbiin tasgabbaa'uu beeksisaniiru.
Haleellichaan namoota du'an ilaalchisee ''gariin sagal jedha, kaan torba jedha, kunis mirkanaa'uu qaba,'' jedhaiiru.
Naannichatti gaafa Caamsaa 23 fi 24 dhukaasni banamuu eeruun akka isaan qaqqabe kan himan hoji geggeessaan kuni batasakaana tokko irratti ''balaan ibiddaa xiqqoo'' qaqqabuu ibsuun gareen iddichatti ramadame mirkaneessee akka beeksisu himaniiru.
Waan mudate bal'inaan odeeffannoo kennuuf gareen mirkaneess odeeffannoo fidu arganii dubbachuu akka filatan himaniiru.
Tajaajilaa bataskaanaan namni tahan biraan naannichaatti waggoota ja'a darbaniif ''hidhattoonni Shanee'' irra deddeebiin haleellaan raawwachaa akka ture himuun namoonni gariin ofirraa ittisuuf jecha ''dhuunfaadhaan hidhachuu,'' dubbataniiru.
Namoonni muraasni hidhattoota waliin yeroo walitti dhukaasan gariin namaa garuu otoo baqatuu bakka jirutti ajjeefamuus himaniiru.
Kanneen ajjeefaman keessaa ''reeffi isaanii kaafamee kan hin awwaalamne jira,'' kan jedhan tajaajilaan bataskaanattii, kaan garuu bataskaana garagaraatti jumlaan awwaalamiiru jechuun dubbataniiru.
Haleellaa Caamsaa 23 fi 24 tureen humna bittinneessaa, milishaafi namoonni Musliimaa naannichaa warra ajjeefaman keessaa akka jiran dabaluun dubbataniiru.
Arsii aanaa Shirkaa keessatti Caamsaa 23/2018 A.L.I obbolaan lama mana tokko keessa jiraatan kanneen haleellaa qaqqabsiisaniin erga fudhatamnii booda ajjeefamanii argamuun jiraataan naannichaa maqaan isaanii akka hin eeramne gaafatan dubbataniiru.
Qabeenyaafi loon isaanii saamamuu himuun iddoo km10 fagaatu Mitaanaa Gaaddoo jedhamutti ''ajjeesanii gatanii deemaniiru,'' jedhaniiru.
Namni tokko ammoo haala ''suukaneessaa'' taheen ajjeefamuu kan dubbatan jiraataan kuni gaafa 24/2018 A.L.I bataskaana Gaaddoo Qiddist Maariyaamitti raawwatuu dubbataniiru.
Obboleessi nama du'e kanaa torbee tokko dura ukkaafamee fudhatamuu kan himan jiraataan hamma yoonaa iddoon jiru hin beekamu jedhaniiru.
Namoonni kunneen eenyuun akka butaman yeroo gaafataman ''kuni baramaa dha, naannichatti gareen Shanee jedhamu akka socho'u beekama. Kanaan duras ajjeechaafi butii raawwataa ture,'' jedhaniiru.
Haleellaan kanaan dura raawwate ''amantii irratti kan xiyyeefate,'' tahuu himuun ''ammas haaluma wal-fakkaataan,'' kan raawwate tahuu hubachiisaniiru.
Naannichatti waggoota sadan darbaniif haleellaa wal fakkaataa raawwachuu himuun jiraataan kuni ''lubbuun baayyee darbeera,'' jedhaniiru.
Onkololeessa darbe naannoo kanatti haleellaa raawateen namoonni 25 ajjeefamuun booda Sinoodosiin Bataskaanni Ortodoksii Itoophiyaa miseensota ishee irratti hammaachaa jiraachuu ibsuun mootummaan mirga jiraachuu lammiilee akka eeguuf gaafattee ture.












