Arsenaal 1-0n mo'achuun waayee waancaa maal akeeka?

Madda suuraa, Getty Images
Torban darbe wayita Arsenaal dirreesaa malee imalee Etihaaditti 2-1n Siitiidhaan injifatamu Deklaan Raayis abadan ''morkiin kun hin raawwanne'' jedhee yoo dubbatu mul'ateera. Dubbii ijoos ture.
Morkii Arsenaal Emireetsitti Niwkaasil waliin gaggeesseen wanti mul'ate garee guutuun yaada Raayis sana dhugoomsuuf murannoo qabaachuu agarsiise.
Goolii Ebereechi Eezee galcheen ammas Siitiirraa qabxii sadiin fagaatee dursuuf hiree argateera. Torbee darbe injifatmauusaanii booda Leenjisaa Mikeel Arteettaa ''Liigii haaraatu'' eegala jedheeture.
Amma liigii haaraa inni jedhuun tapha isa jalqabaa injifachuusaaniin ''baayyee gammadeera'' jedhe. Waayee tapha jalqabaa dubbanneerra, hanga murteessaa akka ta'e. Hojicha milkeessineerra'' jedhe.
Arteettaan dabaluun ''waggaa 22f waancaa dhabuu booda imalli waancaaf godhamu kun kan abaaboo fi muuziqaa bareedaan dabalaame ta'a jedhee hin eegu'' jedhe. Dhiibbaa guddaan kan guute ta'a isaafis qophiidha jedhe.
Arsenaal torbee dhuftus Siitii durseetu tapha Fulhaam waliin qabu gaggeessa. Yoo injifatee jedhe gargaagartummaan qabxii jaha ta'a. Garuummoo Siitiin tapha lama harkaa qaba.
Sababnisaas Siitiin torban kan morkii waancaa FA irra ture. Xumuraaf darbuus mirkaneeffateera. Kan morkii Piriimiyeer Liigiitti deebi'an guyyaa 10 booda. Evertaniin morkatu.
Wayita Siitiin deebi'utti garaagartummaa guddaa akkasii Arsenaal qabaachuun faayidaa xiinsammuu qabaaf.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Tilmaamni Opta Arsenaal hiree waancaa injifachuu 72.44%, kan Siitii ammoo 27.56% ta'uu agarsiisa.
Taphataan Kiristaal Paalaasiifi Biraayitan duraanii Gileen Maariiy ''Arsenaal dirree keessatti wanta godhuu qabu mara godheera'' jedhe. Qabsoo isaaniirratti gaaffiin hin ka'uu jedha.
Arsenaal bara 2020 wayita Aretattaan garicha liinjisuu eegale waancaa FA injifateera. Ergasii waancaa kamuu hin arganne.
Dursaan taphattootaa Maartiin Odegaard tattaaffiin taphattootni dirree keessatti mul'isan hunduu gaheesaanii bahaachuuf murannoo waan qabaniifi jedhe.
''Jabaa ture, baayyee muddamaa fi baayyee humna kan barbaadu ture'' jechuun Sky Sport dubbate. Waan dandeenyu hundumaa goonee injifachuu dandeenye. Wanti baayyee barbaachisaan bayyanannee injifachuu danda'uufi qabxii sadii argachuudha'' jedhe.
Amma xiyyeeffannoon Odegaardiifi taphattoota kaanii morkii nuusa xumuraa Roobii dhuftu Atileetikoo Maadriid waliin godhaniidha.
Sagantaan isaanii kun baayyee ulfaataa ta'uu himee yaaluu qabna dhuma bara dorgommii jala jirra jedhe. Wanta qabnu hunda dirreetti gad baasuu qaban, tokkoon tokkoon taphaarratti duuluu qabna'' jedhe.












