US haleellaa yoo itti fufte filannoowwan Iraan qabdu maalidha?

Fakkii Ayaatolaa Alii Kameenii keenyaarratti kaafamee jiruufi dubartii deemaa jirtu

Madda suuraa, Reuters

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Waraanni Iraan takka qabbanaa'aa takka hoo'aa ji'a jaha guuteen US Kibxata halkan Iraanirratti haleellaa haaraa gaggeessite. Iraanis haleellaa haaloo bahuu buufataalee waraanaa US biyyoota Baha Giddugalaatii qabdurratti raawwatte.

Iraan buufataalee waraanaa US biyyoota afur: Yordaanos, Baahreen, Kuweetifi Iraaq keessatti argaman haleeluu beeksiste.

US Iraanirratti haleellaa itti fuftee kan gaggeessitu yoo ta'u, akkasumas qoqqobbiidhaan diinagdee Iraan kuffisuu itti fufti taanan, Iraan kan kana duraa caalaa bifa kamiin deebii kennuu dandeessi? kan jedhu gabaasi Rooyitars qabxiilee muraasa kanneen dhiyeessa.

Iraan haleellaa bal'aa biyyoota Baha Giddugaleessaa irratti gaggeessuu dandeessi

Iraan haleellaa US irratti gaggeessituuf deebii yeroo kennitu biyyoota ollaashee si'a heddu haleeltetti.

Biyyoonni ollaashee ta'an kunneen adeemsa US diinagdee Iraan kokkee qabuuf gootu keessatti yoo hirmaatan, "humna isin yaaddanii hin beeknin isin haleela" jechuun itti dhaadatteetti.

Erga waraanni eegalee ji'a jahaa asitti buufataalee waraanaa US biyyoota akka Yordaanos keessa jiran haleeluu qofaa osoo hin taane, buufataalee anniisaafi qiyyaafannoowwan biroo biyyoota kanneenii haleelaa turte.

Tiraamp haleellaa itti fufa taanan, Iraan buufataalee anniisaa biyyoota Galoo Galaanaa haleeluun gatiin boba'aa dabalee dhiibbaan Tiraamp irratti akka cimu gochuun filannoo tokko isheen qabduudha.

Gama biroon ammoo buufataalee humna ibsaa, wiirtuwwan bishaan qulqulleessan biyyoota kanneen jalaa haleeluu dandeessi.

Baha Giddugalaa naannoo hoo'a cimaan beekamutti, buufataalee humna ibsaafi wiirtuwwan bishaan qulqulleessan haleelte taanan, biyyoota michuu Tiraamp ta'aniifi wiirtuu diinagdee addunyaa ta'an kanaaf mataa dhukkubbii guddaa ta'uu danda'a.

Omishi boba'aa caalmatti Baha Giddugalaatii gabaa addunyaaf akka hin dhiyaanne danquu

Beeksisa bira darbii dubbisi
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

Omishi boba'aa biyyoota Galoo Galaanaa gabaa addunyaaf akka hin dhiyaanne gochuun kaayyooshee akka ta'e Iraan ibsiteetti.

Ajajaa duraanii Humnoota Eegdota Warraaqsa Islaamaa kan ta'an Moohsan Reezaayi omishi boba'aa biyyoota ollaa Iraan gabaa addunyaaf akka hin dhiyaanne goona jechuun akeekkachiisaniiru.

Waraanni diinagdee US amma Iraanirratti taasisaa jirtu kan itti fufu taanan, boba'aan cophi tokko karaa Ulaa Hormuuzis ta'ee Galoo Galaana 'Pershiyaa' "gabaa addunyaaf hin dhiyaatu" jechuun dhaadatan qondaalli duraanii Iraan kun.

Waraanni Iraan osoo hin eegalin dura dhiyeessiin anniisaa addunyaa harki shan karaa Ulaa Hormuuz darbaa akka ture kan eeru gabaasi Rooyitars kun, erga waraanni eegalee as haleellaa Iraan dooniwwan boba'aa fe'an irratti fudhattuun danqaa guddaa uumtee jirti.

Torbanoota muraasaa as dooniwwan hammi tokko karaa ulaa kana darbuu danda'anis, kuni baay'ee xiqqaadha.

Haleellaan misaa'elaa, diroonifi bidiruuwwan xixiqqoo saffisaan imalan fayyadamuun Iraan gaggeessitu ji'oota jahaan darban keessatti dooniwwan daldalaa heddu mancaasaniiru. Gatiin boba'aa addunyaas akka dabaluuf sababa ijoo ta'eera.

Gama biraan ammoo michuu Iraan kan ta'e Huutii Yamaan, Saawudiin boba'aa jikita karaa ulaa Bab el-Mandeeb gabaa biyyoota Eshiyaatiif akka hin dhiyeessineef Galaana Diimaa itti cufee jira.

Kanarraa kan ka'e dooniwwan heddu buufata doonii Saawudii seenuus ta'ee achii bahuuf yaaddoo keessa galaniiru. Kaampaaniwwan imala galaanarraa Chaayinaa heddus karaa jijjiirrataa akka jiran ragaaleen akka agarsiisan ibse Rooyitars.

Haleellaan dabalataa kan akka torban dura buufata doonii Saawudii Arabiyaa Yaanbuu jedhamutti hidhattoonni Huutii gaggeessaniifi haleellaan diroonii Hagayya keessa Bo'oo Siwiiz irratti gaggeeffame kan itti fufu yoo ta'e, gabaan boba'aa addunyaarratti garmalee akka dabalu gochuu danda'a.

Biyyoota Lixaa kallattiin haleeluu dandeessi

Biyyoonni Lixaa meeshaalee waraanaa Iraan qabdurraa fagoo yoo ta'an illee, Eegdonni Warraaqsa Islaamaa Iraan karaa biraa ittiin kallattiin haleellaa gaggeessan barbaaduu hin dhiisan.

Dhiyeenya kana haakaroonni Iraan waliin hidhata qaban buufata humna ibsaa xiqqaa ta'erratti haleellaa saayibarii gaggeessuun akka cufamu godhan jechuun UKn himattee turte.

Bifuma wal-fakkaatuun haleellaa saayibarii wiirtuu bishaanii Minesootaa keessatti argamurratti gaggeeffamee ture, Iraan harka keessaa qabaachuu akka hin oolle himan qondaalonni US.

Iraan himata kanneen irratti dhiyaatu ilaalchisee bades toles hin jenne.

Iraan namoota biyyoota Lixaa keessa jiran fayyadamuun haleellaa akka gaggeessan ykn yaalii ajjeechaa akka gaggeessan gochaa jirti jechuun dhaabbileen tikaa biyyoota Lixaa himannaa irratti dhiyeessuu erga eegalanii bubbulaniiru.