Injifattootaa fi injifatamtoota: Waraanni Iraan akkamiin maallaqa addunyaa raasaa jira?

Nootiiwwan baankii Hindii fi Chaayinaa, Yuwaanni Chaayinaa fuuldurarraa hogganaa duraanii biyyattii Maa'o Zedoong qaba

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Wayita waraana Iraan, maallaqoonni muraasni gadi bu'aniiru, kaan hin raafamne, muraasni-kan akka Yuwaanii Chaayinaa caalaatti dandamatanii argamaniiru.
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 6

Waraanni Ameerikaa-Israa'el fi Iraan gidduutti dhuma ji'a Guraandhalaa wayita ka'etti, miidhaan isaa naannoo Baha Giddugaleessaa qofatti hin daangeffamne.

Waraanni kun imala dooniiwwan daldalaa fi daddabarsa oomishaalee addunyaa gufachiise, gatii boba'aa ol kaase; qaalayiinsa olkaasuun gabaa addunyaas raase.

Yeroo baay'ee akkuma mudatu, yeroo shakkii kanatti, investaroonni baay'een investimantoota lafaa dhufan kan biyyoota guddachaa jiranii keessaa baasanii, maallaqa isaanii gara dolaara Ameerikaatti naannessaniiru; dolaarri ammoo yeroo hundumaa akka maallaqa amansiisaatti ilaalama.

Kunis maallaqa biyyoota baay'ee irratti dhiibbaa uumeera – gariin gatiin isaanii gadi bu'eera, kaan jeeqaman, muraasni immoo caalaatti jabaatanii argamaniiru.

Gatiin boba'aa "hunda irratti dhiibbaa uuma… haa ta'u malee, jijjiiramni gatii maallaqaa dhiibbaa boba'aa sana caalaatti hammeessuu ykn qabbaneessuu danda'a," jedha, hayyuun dinagdee Biraaziil André Perfeito dhaabbata gorsa daldalaa APCE hoogganu.

Kanaafuu, dhimmoota dinagdee biroo waliin yeroo walitti dabalamu, jijjiiramni gatii maallaqaa kun biyyootaa fi lammiilee isaaniitiif maal jechuudha?

Akka malee haleelamuu

Nama kireedit kaardii baatee suuqii jiru

Madda suuraa, Bloomberg via Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Humni bittaa maallaqaa kan akka nyaataa dabalatee gatii wantoota guyyaa guyyaatti bitamuu irratti dhiibbaa qaba,

Biyyoonni inarjii, keessattuu boba'aa, harka caalu alaa galchan warra maallaqni isaanii dhiibbaa jala gale keessaa isaan jalqabaati.

Biyyootni kunneen keessaa Hindii, Indoneeshiyaa, Filippiinsi, Taayilaandi fi Masrii fa'i yoo ta'an, hundi isaanii kaffaltii boba'aa ol ka'ee fi hanqina sharafa alaa yeroo dheeraaf ture irraan kan ka'e dhiibbaa haaraaf saaxilamaniiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Yeroo investaroonni maallaqa isaanii gara dolaara Ameerikaatti naannessan, fedhiin maallaqoota biyya isaaniif ture gadi bu'eera; gatiin isaaniis dadhabeera.

Kun immoo baasii liqii dolaaraan fudhatame deebisuuf ba'u caalaatti ol kaasa.

Boba'aa fi oomishaaleen kuun uggura Ulaa Hormuuziin gufatanis bittaan isaanii dolaaraan ture.

Wayita gatiin maallaqaa gadi bu'u, oomishaaleen alaa galan baasii guddaa gaafachuun waan barame; kun immoo inarjii irraa kaasee hanga pilaastikii fi xaa'ootti hunduma irratti dhiibbaa uuma.

Kun ammoo gatii nyaataa fi meeshaalee guyyaa guyyaan dunkaanatti gurguraman irratti dhiibbaa mataa isaa qaba.

Hindii keessatti, erga waraanni ka'ee kaasee ruupiin dolaara Ameerikaa waliin yeroo madaalamu gara dhibbeentaa 5%tiin gadi bu'eera; akkuma gatiin boba'aa ol ka'eenis irra deddeebiin gara kufaatii seenaa keessatti mul'atee hin beeknetti kufe.

Maallaqni Hindii waraana kanaan duras dadhabaa kan ture yoo ta'u, dhiibbaan waraanichaa ammoo adeemsa kufaatii isaa caalatti saffisiise.

Baankonni giddugaleessaa gariin gatii maallaqa isaanii qaban deeggaruuf, dhala liqii ol kaasuu fi kuusaa dolaara Ameerikaa qaban gurguruun tarkaanfii fudhatan.

Baankiin Indoneeshiyaa tarkaanfiiwwan kanneen lamaan fudhateera; fedhiin isaa akka dabaluuf irra deddeebiin dolaara gurguruun maallaqa biyya isaa, ruupiyaa bitachaa jira.

Yeroo dhalli liqii ol ka'u, namoonni qusannoo isaanii irraa bu'aa caalu argatu jechuudha; haa ta'u malee, kun immoo kaffaltii liqii manneenii (mortgages) fi liqiiwwan biroo deebisuuf baasan caalaatti ol kaasa.

Raafamaa fi ol ka'iinsaa mul'atu

Hojjettoonni buufata boba'aa gubbaa yoo socho'an

Madda suuraa, Bloomberg via Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Erga waraanni Iraan ka'ee, maallaqni Raashiyaa, ruubiliin Dolaara Ameerikaa waliin yeroo shallagamu gatii gaarii qaba ture. Kunis Raashiyaan oomishtuu boba'aa guddoo ta'uu isheetiini.

Maallaqoonni biroo ammoo raafama gara olii fi gara gadiitti keessa turanis jiru.

Maallaqoonni Afrikaa Kibbaa, Kolombiyaa, Chiilii fi Meeksiikoo kana jalatti ramadamu.

Maallaqoonni kunneen yeroo baay'ee haalaa gabaa addunyaatiif saffisaan deebii kennu: yeroo investaroonni gara maallaqoota amansiisoo kan akka dolaaratti baqatan ni dadhabu, garuu yeroo gatiin meeshaalee bu'uuraa ol ka'u ykn wayita fedhiin yaaddoo keessatti daldaluu deebi'u saffisaan bayyanachuu danda'u.

Biyyoonni boba'aa alatti ergan gariin, kanneen akka Biraaziili fi Maalezhiyaa gatii boba'aa ol ka'e irraa gariin fayyadamoo ta'aniiru; kunis galii gurgurta alaa isaanii kan guddise yoo ta'u, fedhii investarootaas utubeera.

Baankonni gurguddoon akka Goldman Sachs fi Bank of America dabalatan, gabaasa isaan Eebila keessa maamiltoota isaaniif dhiyeessan irratti liqii mootummaa Biraaziil (bonds) fi aksiyoona kaampaniiwwanii irratti fedhiin jabaan akka jiru ibsaniiru; isaan keessaa Goldman Sachs Biraaziil filannoo isaa isa jalqabaa kan biyyoota guddachaa jiranii taasisee maqaa dhaheera.

Haa ta'u malee, dursaan qorannoo Laatiin Ameerikaa kan Institiyuutii Maallaqa Idil-addunyaa, Martín Castellano, gatiin boba'aa ol ka'uun Biraaziil keessatti qaalayiinsa jireenyaa ol kaasuu akka danda'u dubbatan; kun immoo murtii dhala liqii gadi buusuu kan tursiisuu fi yaa'insa kaapitaalaa kan miidhudha.

Biraaziil oomishaalee boba'aa qulqullaa'an kan akka naafxaa fi beenzilaa alaa kan galchitu yoo ta'u, kunis baasii boba'aa biyya keessaa ol kaasa.

Saantimoota Biraazil lama

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Maallaqni Biraaziil, riyaaliin jabaatee argameera

Dabalataanis, gabaasadhiheenya kana bahe irratti, ogeettiin diinagdee Luiza Pinese kan dhaabbata maallaqa Biraaziil XP keessaa akka barreessitetti, filannoo pirezdantii dhihaachaa jiru kan ji'a Onkololeessaa waliin wal qabatee shakkiin siyaasaa "yaaddoon kaffaltii jijjiirama sharafaa" ni dabala.

"Gareen maallaqoota biroo garuu sababa adda addaatiif caalaatti dandamatoo turan.

Maallaqni Chaayinaa bifa xiqqoo tasgabbaa'aa ta'ee kan ture yoo ta'u, kunis harka caalu to'annoo kaapitaalaa fi gidduu-seenummaa imaammata gabaatiini.

Kanneen keessaa maallaqa biyya keessaa ba'uu fi seenu, daangessu akkasumas gidduu-seenummaa baankii giddugaleessaa kan gatii sharafa yuwaanii dhiyeenyaan hordofuun bulchu dabalata.

Maallaqni Raashiyaa ruubil kan erga waraanni Iraan ka'ee kaasee maallaqoota dolaara waliin sharafa gaarii qaban keessaa isa tokko ture.

Innis galii inarjii ol ka'aa ta'ee fi to'annoo kaappitaalaa jabaatiin deeggarama.

Kunis tarkaanfiiwwan akka daldaltoonni oomisha alatti ergan galii sharafa alaa gara ruubiliitti akka jijjiiran dirqamsiisuu fi yaa'insa maallaqa biyya keessaa ba'u daangessuu dabalata.

Haalli diinagdee badhaadhanii hoo?

Suuraan kuusaa albuuda oorii ayiranii diimaa fi bifa cuquliisa qabu, maashinoota gurguddoo daldalaa fi kuusaa bishaanii duuba isaanitti mul’atu argisiisu.

Madda suuraa, Bloomberg via Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Dolaarri Awustiraaliyaa kan hin raafamne kan ture harka caalu Awustiraaliyaan daldaltuu meeshaalee bu'uuraa gurguddoo, keessumattuu oorii ayiranii ta'uu isheetiini.

Maallaqoonni karaa barameen akka dahoo (safe-haven currencies) tajaajilan, jalqaba gaaga'ama waraanaa sanaa irratti wayita investaroonni nagaa fi wabii barbaadanitti caalaatti jabaatanii turan.

Dolaarri Ameerikaa fi Farankaan Siwiis ol ka'anii booda, gara iddoo waraanaan dura tureetti deebi'anii tasgabbaa'aniiru.

Maallaqoonni boba'aan wal qabatan, kan akka Kiroonii Noorweey, gatiin jikitaa boba'aa ol ka'uu irraan kan ka'e deeggarsa guddaa argataniiru.

Haa ta'uu malee, Yeeniin Jaappaan akka dahoo amansiisaa barsiifataatti hin deebisne; bifa dadhabaa ta'een dhihaate, kunis harka caalu Jaappaan anniisaa alaa galchu irratti baay'ee hirkachuu isheetiini.

Maallaqoonni Kanaadaa fi Awustiraaliyaas gatii jabaa meeshaalee bu'uuraa ( biyyoonni isaanii alatti ergan kan akka boba'aa, gaasii, sibiilotaa, oorii ayiranii fi cilee irraa fayyadamaniiru; haa ta'u malee, yaaddoon guddina dinagdee addunyaa fi gaaga'amni daldalaa bu'aawwan kanneen daangesseera.

Yuuroon fi Paawundii Biriitiish gama isaaniitiin raafama mataa isaanii qabu turan; kunis yaaddoo baasii boba'aa ol ka'aa, qaalayiinsa jireenyaa cimee fi guddina dinagdee Awurooppaa keessatti tirataa jiruun kan dhiibamedha.

Itti aanee maaltu ta'a?

Hayyoonni dinagdee akka jedhanitti, haleellaan qilleensaa jalqabaa Iraan irratti raawwatame investaroota gara qabeenya amansiisaatti (safer assets) kan dhiibe fi dolaara kan jabeesse yoo ta'u, ergasii maallaqni Ameerikaa dadhabeera; kun immoo gabaa biyyoota guddachaa jiraniif gargaaruu danda'a.

"Dolaarri dadhabuun yeroo baay'ee haala maallaqaa salphaa ta'e, biyyoota guddachaa jiran keessatti dhala liqii gadi buusuuf carraa bal'aa fi yaadoo daldalaa xiqqaa jechuudha – kun hundis gabaa biyyoota guddachaa jiraniif haala mijataa uuma," jedhan hayyuun dinagdee dhaabbata investimantii idil-addunyaa UK kan ta'e AllianceBernstein gabaasa dhiheenya kana baaserratti.

Gaheen dolaaraa ijoo ta'ee ittuma fufa; kunis harki caalu liqii dinagdee biyyoota guddachaa jiranii dolaara Ameerikaatiin kan liqeeffame ta'uu isaa fi meeshaaleen bu'uuraa ijoonis dolaaraan gatiin isaanii murtaa'uu isaaniiti.

Kanaafuu, dolaarri dadhabuun haala abdii dinagdee isaanii fooyyessuu danda'a.

Haa ta'u malee, Fandiin Maallaqa Idil-addunyaa (IMF) ji'a Eebilaa keessa akka akeekkachiisetti, burjaaja'iinsi waraana Iraan irraa ka'ee itti fufe kun dinagdee addunyaa gara haala "hamaa" jedhamutti dhiibaa jira; kunis walitti dhufeenya guddina dinagdee dadhabaa fi qaalayiinsa jireenyaa ol ka'aa ta'een kan ifu dha.

Haala kanaan gatiin boba'aa ol ka'ee yoo ture, qaalayiinsi yoo hin wayyoofne, fi haalli maallaqaa yoo jabaate guddini dinagdee addunyaa gara 2.5% gadi bu'uu danda'a; qaalayiinsi ammoo gara 5.4% ol ka'uu danda'a.

IMF guddina 3.1%, qaalayiinsa jireenya 4.4% jedhee raagee ture.

Fandiin Maallaqa Idil-addunyaa haala kana caalaa hammaatu kan biraas raageera; guddini dinagdee addunyaa gara 2.0% gadi bu'uu danda'a, qaalayiinsi ammoo 6% ol darbuu danda'a.

IMF'n raaga isaa kana ji'a Adoolessadabalataan ni haaromsa jedhamee eegama.