Qarqara du'aatii hanga goota Waancaa Addunyaatti - imimmaan Raawul Himenees Meeksikoof lola'e

Madda suuraa, Getty Images
Galgalli kaleessaa guyyaa Raawul Himenees jireenyasaa guutuu eegaa tureedha. Garuummoo galgalli kun taatee waggoota muraasa dura isa mudateen yoo ilaalamu waan dhugoomu hin fakkaatu ture.
Jifataan Meeksikoo kun Sadaasa 2020 balaa tapharra osoo jiruu isa mudateen buqqeen mataasaa cabe.
Waggoota shan booda kaleessa galgalammoo taphataan waggaa 35 kun mataasaatiin kubbaa jifatee biyyasaa Meeksikoof galchii lakkoofsise.
Galchiinsaa kunis biyyisaa Meeksikoon tapha jalqabaa Waancaa Addunyaa 2026 galchii 2-0n Afrikaa Kibbaa akka mo'attu gargaare.
Taateen Himenees imimmaan akka lolaasu taasise kun daqiiqaa 67ffaarratti uumame. Taphatichi kubbaa gama sarara harka mirgaan Robeertoo Alvaaraadoon ol ka'ee rukkutame utaalee mataadhaan jifate, kubbaanis saaphana galchii keessa qubatte.
Galchii lakkoofsisuusaa kan bare taphatichi ni fiige, ni utaale, qubootasaa harka lamaanii gara samiitti olkaasee, abbaasaa ji'a Bitootessaa keessa lubbuun darbe kan yaadate fakkaata.
Yeroo kanatti daawwattoota 80,000 isteediyeemicha keessa turan keessaa baay'eensaanii sagalee guddaan gammachuusaanii ibsatan. Taphattoonni Meeksikoo kunneen biroos Himenesitti fiiguun isa hammatan, gammachuusaa qooddatan. Himeneesis miira keessa galuun imimmaan gammachuu lolaasuu eegale.
Tapha Waancaa Addunyaa meeksikoofi Afrikaa Kibbaatiin daqiiqaa 9ffaa irratti Meeksikoof galchii jalqabaa kan lakkoofsise Juliyaan Kuniyoones, "akkaan baga gammadne jenneen, sababnisaas garichaaf baay'ee gummaachaa jira waan ta'eef" jechuun waa'ee Himenees hime.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Himenees hanga ammaatti al 125 biyyasaatiif hiriiree kan taphate yemmuu ta'u, galchiin kaleessa lakkoofsisees galchiisaa 46ffaadha. Kunis Meeksikoof galchii 52 kan lakkoofsise Haaviyer Hernaandeezitti aanuun taphataa Meeksikoof galchii isa olaanaa galche isa lammaffaa isa taasiseera.
Gama biraatiis Himenees Waancaawwan Addunyaa bara 2014, 2018 fi 2022 gaggeeffamerratti jijjiramee seenuun kan taphate yemmuu ta'u, kaleessa garuu taphattoota jalqabuma hiriiran keessaa tokko ture.
Haala kanaan gara dirree erga seenee boodas daqiiqaa 4ffaa irratti yaalii galchii cimaa taasise. Haa ta'u malee yaaliinsaa kun karra eegaa Afrikaa Kibbaa Ronwen Wiliyaamsin fashale.
Jalqaba torbee kanaatti Pirimerliigii Ingiliz keessatti kilaba Fulhaam irraa gara Wolverhaampitan Waandararsitti kan jijjiirame taphataan kun, biyyasaaf daqiiqaa 67ffaarratti galchii lakkoofsisuun ture injifannoo biyyasaa kan mirkaneesse.
Taphataan sarara ittisaa Ingilaand duraanii Gaari Neevil, "kuni jireenya kubbaa miilaa Himenees keessatti taatee isa guddaa ta'uu kan danda'udha. Isteediyeemii sana keessatti namoota 80,000 fulduratti biyyasaaf galchii lakkoofisuun isaaf yeroo addaati" jechuun ITV irratti dubbate.
Balaa jiruu kubbaa miilaa jijjiire
Himenees kilaboota akka Kilab Ameerikaa, Atileetikoo Maadrid fi Benefikaaf erga taphatee booda ture bara taphaa 2018-2019 keessa ergisaan Wolverhaampitan Waandararsitti makamuun Pirimerliigii Ingiliz keessatti taphachuu kan eegale.
Waqtii sanattis galchiiwwan 13 lakkoofsisuun kilabni Woolvis dorgomicha sadarkaa 7ffaa qabachuun akka xummuru gumaache.
Kilabnisaa Woolvisis maallaqa waqtii sanatti rikardii kilabichaa ta'ee paawundii miliyoona 30'n Himenees mallatteesise. Himeneesis bara Pirimerliigii 2019-2020 keessa kilabasaaf galchiiwwan 17 lakkoofsise.
Haa ta'u malee jireenyi taphataa kanaa Sadaasa 29, 2020 jijjiirame.
Taphatichi tapharra osoo jiruu taphataa sarara ittisaa Arsenaal, Deevid Luiz waliin mataa keessa walitti bu'e, battalattis of wallaalee.
Daqiiqaawwan itti aananiifis Himenees dirreedhuma keessatti meeshaa oksijiiniin harganaa ture. Taphattoonni gareesaafi leenjisaansaa akkasumas maatiinsaa garuu Himenees lubbuun hafuusaa yaadda'aa turan.
Himenees balaa dirreerratti isa mudate kanarraa suuta ture akka dandamatu kan taasifame. Taphatichi ji'oota jahaaf taphattoota biroo walin shaakallii akka hingoone dhorkamee ture, ji'oota saddeetifs kilbasaaf hintaphanne.
Fulbaana 2021 immoo Saawuzhaampitan irratti galchii tokko lakkoofsisuun kilabnisaa akka injifatu taasise.
Waggoota lama booda bara 2023'tti immoo Himenees gara Fulhaamitti jijjiiramuun waggoota sadiif kilabicha keessa erga turee booda jalqaba torbee kanaatti gara Woolvisitti deebi'eera.
Bara 2022-2023'tti leenjisaa gargaaraa Woolvis kan ture Edu Ruubiyoo, Himenees Waancaa Addunyaarratti galchiisaa jalqabaa lakkoofsisuusaatiin akka gammade hima.
"Biyyasaatiif taphachuusaatti ni boona, biyyasaa ni jaalata. Tapha jalqabaa, iddoo daawwattoonni heddun jiranitti galchii lakkoofsisuun isaafis ta'e maatii isaatiif akka waan abjuun dhugoometti" jedhe.
'Taphataa beekamaa garuummoo of mul'isuu hin jaalanne'
Qormaata fayyaa cimaa kan dabarse Himeneesif milkaa'inni kaleessa galgalaa akka maluuf Edu Ruubiyoo hima.
"Miidhaa mataasaarratti qaqqabe booda gara taphaatti deebi'uuf yeroo itti fudhatee ture.
Yaaddoo fayyaa qofa osoo hintaanee Himenees yeroo dirreetti deebi'eyyuu gara dandeettii galchii galchuusaatti ni deebi'aa kan jedhu gaafii ture" jedha.
Gama biraatiin taphatichi nama jaalataamaafi maatii gaarii isa gargaaru qabu akka ta'es Ruubiyoon hima.
"Nama maatiiti. Taphataa beekamaadha garuu akka taphataa beekamaatti of hin mul'isu, nama baay'ee gadi of qabudha. Baay'een gammadeef" jechuunis leenjisichi hima.
Balaan Himenees mudatee ture lubbuusaaf yaaddessaa kan ture ta'us, kutannoo cimaa kan qabu Himenees garuu Pirimerliigii Ingiliz keessatti al 233 hiriiruun galchiiwwan 68 lakkoofsiseera.
Haa ta'u malee Himenees ammallee wayita kubbaa taphatu maratti mataasaa miidhaa biraarraa ittisuuf marxoo qal'aa hidhachuu qaba.
Kutannoofi cimina Himenees kan jaju Ruubiyoon, taphatichi kilaba Woolvis keessattillee jaalatamaa ta'uu hima.
"Woolvisitti nama hundatu isa jaalata, fayyee dirreetti akka deebi'uufis miseensonni kilabichaa hundi xaaraniiru. Kanaafuu taateen kaleessaa miira namaa kan tuqe sababa jiruu kubbaa miilaa Himeneesif qofa osoo hintaanee taphatichi nama jaalatamaa waan ta'eefi" jedha.
Turtii Waancaa Addunyaasaa haala bareedaan kan eegale Himenees, gara Ingiliizitti deebi'ee Woolvisiif taphachuusaan dura Waancaa Addunyaarratti galchii lakkoofsisuuf carraawwan isa eeggatan qaba. Biyyisaa Meeksikoonis gara marsaa moo'anii darbuutti ce'uuf haala fooyyeerratti argamti.






![Artaan Omaar [Somaaliyaa], Piiree Aachoo [Gaabon], Musxafaa Gorbaal [Aljeeriyaa]](https://ichef.bbci.co.uk/ace/ws/660/cpsprodpb/1510/live/48f184b0-63ee-11f1-b1db-af71d47507d6.jpg.webp)








