'Harka keenya galeera, ABO-WBO beektaa naan jedhe' - Maatiin Obbo Daani'el maal jedhu?

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 5
  • Qabiyyeen odeessa kanaa miira keessan jeequu mala.

Haleellaa hidhattoonni Godina Wallagga Lixaa Aanaa Ganjii warshaa omisha warqii Tulluu Kaappiitti raawwataniin maatiin miseensa maatii dhaban akka qoratamu gaafatan.

Dhaabbatichi ibsa haleellaa booda baasen hojjetaa isaa tokko dabalatee ''[namoonni] baay'ee ajjeefamuu'' beeksiseera.

Ta'us, namoota meeqa akka ta'an lakkoofsaan hin ibsine. Lubbuu namootaan ala qabeenyillee manca'uu viidiyoowwan qoodamaniifi BBC'n qoratee adda baaseera.

Haleellaa torban lama dura raawwateen namoota lubbuu dhaban keessaa tokko Obbo Daani'el Qalbeessaa jedhamu.

Akka BBC'n seenaa jireenya isaanii yeroo owwaalchaa dubbifamerraa akka hubatetti, waggoota saglan darbaniif dhaabbata kana keessa hojjetaniiru.

Miseensonni maatii Obbo Daani'el gadda keessa osoo jiranii BBC'tti akka himanitti, Obbo Daani'el akkamiin akka lubbuu dhaban addatti mirkaneessuu hin dandeenye.

Haata'u malee, waan lama dhagahuu himu. Guyyaa haleellaan raawwate Jimaata ALI Hagayya 29, 2018 maatiin isaanii Obbo Daani'el bilbilaan argachuu rakkatuu himu.

Obbo Daani'el yeroo yeroon maatiitti nama bilbilan ta'us, gaafas ganamarraa ka'un maatiin isaanii isaanitti bilbilanis bilbilli akka dide dubbatu.

Haata'u malee, waaree booda naannawa sa'aatii 9:30, namni isaan hin beekne bilbila Obbo Daani'eliin maatiitti bilbilee waan dubbate jedhan akkanaan himu.

''Heloo naan jedhe namni wayi…silkiin [bilbilli] kuni kan Daani'el miti jennaani ''eyyee kan Daani'eeli [ jedheen]. 'Daani'el maal keeti' naan jedhe.

'''Egaa har'a harka keenya galeera. ABO-WBO beektaa naan jedhe. Kaabineedha mitii?' naan jedhe. Lakki kaabinees miti Daani'el. Hawaasuma duukaa hojjeta.

''Kaampaanii kanatti hojjeta jedheen itti hime. Isa duragaa maal naan jedhe 'otuma beektuu as ergite mitii' naan jedhe. Maalii? Daani'eliifoo haaraa miti waan akkasii.

''Hojii siyaasaati hojjeta miti' [jennaan] hojii ogummaa isaa hojjeta jedhee itti hime jennaani 'si[siif] ajjeesuuree?' naan jedhe. Waan baay'ee na gaggaafate.

''Anis suutuma jedhee deddeebiseefi. Yoo ajjeeste seenaan si gaafata, tokkommoo Waaqayyoon si gaafataan jedheen,'' jedhu BBC'tti yoo dubbatan.

Ergasii booda bilbila irra deddeebiin bilbiluu isaaniifi sagalee Obbo Daani'el akka isaan dhageessisan nama kana gaafatanis ''giruuppii [garee] biraatu gaafachaa jira naan jedhe'' jedhu.

'Mataafi gurra gidduu rukutameera'

Dhaabbanni Tulluu Kaappii haleellaan erga raawwate booda ibsa baasen ajjeechaa raawwateen ''gadduu'' ibseera.

Hanga haalli hojjetaafi hawaasa naannichaaf mijataa yookiin balaarra hin buusne uumamutti battaluma hojii dhaabuu beeksise.

Miseensonni maatii biraa BBC'n dubbise, jalqaba wanti isaan dhagahan Obbo Daani'el akka qabametti akka ta'e himu.

Boodammoo haleellaadhuma raawwate keessa lubbuun isaanii darbuu dhagahuu himu.

BBC'n akkaataa du'a yookiin ajjeechaa Obbo Daani'el waan adda baafate hin qabu.

Miseensa maatii reeffa Obbo Daani'el adda baafachuuf Hospitaala Minilikii Finfinneetti argamu deeman reeffa miseensa maatii isaanii kana adda baafachuuf xiqqoo akka isaan rakkisee ture himu.

''Fuula isaa adda baafachuuf xiqqoo na rakkisee ture. Garuu, rifeensa isaa, miila isaa, qeensa isaa'' ilaaluun Obbo Daani'el akka ta'an baruu himu.

Reeffi Obbo Daani'el gara Finfinneetti osoo hin ergamiin dura hospitaala aanaadhuma Ganjii jirutti geeffamanii turuu BBC'n odeeffateera.

Xalayaan Hospitaal Ganjiirraa isaaniif ergame ''tokkoffaa rasaasaan laphee isaarra karaa bitaa bakka lamaafi mataa isaa keessas rukutamee dhiigni baay'ee dhangala'uudhaan du'uu isaa'' himuu dubbatu.

''Mataa isaafi gurra isaa gidduu baay'ee rukutamee jira. Inni lammaffaammoo qoma isaarra laphee isaarra karaa mirgaas karaa bitaas rukutamee jira,'' jedhu miseensi maatii reeffa Obbo Daani'el hospitaalatti arguu himan.

Akka maatiin namoota haleellaa kanarraa lubbuun oolanirraa dhageenye jedhanitti, hojjettoonni dhaabbatichaa bakka hojiitti ''ganama akka marfaman.

''Warra as keessa jiraniifi qaamni alaa dhufe akka dhukaasa walirratti bane. Kutaa ciisichaa hundumaa balbala bananii bananii akka namoota keessaa barbaadaa turan.

''Kana keessatti [Obbo Daani'el]..kutaa ciisichaa isaa keessa ture. Namni kuni akka jedhutti yeroo kaan wajjiinin baqanna. Yeroo kana garuu inni kutaa isaa keessa ture.

''Ani akkuma isaatti durseen bahe jedha. Kutaama isaa keessatti ajjeesani. Bakkeetti akka kufe gaafa rukutamu jechuudha.

''Boodarra dhufeemmoo namni kuni kaaseenii akka hospitaala geessani kan nutti himu,'' jedhu.

Akkaataa ajjeechaan kuni raawwate BBC'n odeeffannoo dabalataa argachuu hin dandeenye. Aangawoonni godinaafi naannoo Oromiyaa garri caalu hin dubbanne.

Dubbi-himaan Poolisii Federaalaa Obbo Jeeylaan Abdii dhimmicharratti akka dubbachuu hin dandeenyeefi koreen ijaarame ibsa kennuuf jira jechuun BBC'tti himan.

Kampaanichis ibsa baaseen qaama haleellaa irratti raawwate adda baasee maqaa dhahuun hin ibsine.

Aangawaan godinaa tokko maqaa dhokfatanii BBC'n dubbise tokko badii raawwate kanaaf hidhattoota WBO kan mootummaan 'ABO Shanee' jedhu himatani.

Dhimma kanarratti hidhattoonni parlaamaan Itoophiyaa 'shororkeessaa' jedhee labse waan dubbatan hin qaban.

BBCn yaada gama isaaniin jiru mirkaneeffachuuf bilbila gorsaa ajajaa olaanaa WBO irratti ergaa barreeffamaa erguufis deebii hin arganne.

BBC Verify viidiyoowwan lama wayita hidhattoonni buufata kampaanichaa dhukaasa gaggeessan mul'isu ilaaluun bakkaafi guyyaa inni itti raawwatame mirkaneesseera.

Hidhattoonni kuni Afaan Oromoo kan dubbataniifi hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo akka fakkaatan viidiyichi ni akeeka.

Haleellaan raawwatee torban booda garuu hidhattoonni kuni dhaabbilee biyya alaa fi biyya keessaa naannoo Oromiyaa keessaa albuudaa baasaniifi qabeenya uumamaa misoomsuurratti hojjetan akeekkachiisaniiru.

Kanaaf ammoo tarkaanfii Lixa Oromiyaatti Pirojektii Warqee Tulluu Kaappii irratti fudhachuu hime akka fakkeenyaatti kaasuun akeekkachiise.

Hidhattoonni kuni kana duras bakkee warashaa kanaafi bakkeewwan birootti haleellaa raawwachuun himatamu.

'Akka tasaa ajjeefame jennee hin amannnu'

Miseensi maatii BBC'n dubbise akkaataa ajjeechaan raawwateerratti gaaffii akka qabaniifi haqni Obbo Daani'el akka bahu akka barbaadan himu.

''Kaampaanichas gaafachuu hin barbaanna. Eegumsa gochuufi qaba ture akka kaampaanitti'' jechuun Obbo Daani'el akkamitti ajjeefame kan jedhus gaafatu.

Kaan qabamanii akka lubbuun oolan, Obbo Daani'el immoo achumatti akka ajjeefamanitti yaadu miseensi maatii BBC'n dubbise. Dhimma kana BBC'n addatti waan mirkaneesse hin qabu.

Duuni Obbo Daani'el ''akka tasaa miti.. itti yaadameedha'' jedhu reeffa arganirraa.

''Abbaan keenya abbaadhas haadhadhas. Garaa haadhaa nuuf qaba,'' jedhuun abbaan isaanii isaan guddisuuf guddoo dhamahuu dubbatu.

Miseensi maatii biraas Obbo Daani'el ''Nama nagaa, nama hojjetee ijoollee isaa guddisuuf oliif gadi fiigu. Dhugaan isaa beekamuu qaba,'' jechuun dubbatu.

Akka seenaa isaaniirraa BBC'n hubatetti, Obbo Daani'el godinoota wallagga garagaraa, Biiroo Bishaan Albuudaa fi Ineerjii Oromiyaatti dabalatee itti gaafatama garagaraarratti ogeessa qonnaafi ogeessa qabeenya uumamaa ta'un tajaajilaniiru.

Abbaa ijoollee afur akka ta'anis seenaan isaanii yeroo owwaalchaa dubbifame ni ibsa.

Walitti bu'iinsaafi haleellaa bakkeewwan Itoophiyaa garagaraatti itti fufeen lubbuun lammiilee nagaa balaarra bu'uu dhaabbileen mirga namoomaa dubbachaa turaniiru.