Itoophiyaatti miseensonni maatii obboleessa isaanii ajjeesanii mana fincaanii buusan waggaa 11 booda to'ataman

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Naannoo Giddugaleessa Itoophiyaa Godiina Hadiyyaatti namoonni obboleessa isaanii ajjeesanii boolla mana fincaanii keessa buusuun shakkaman to'annoo jala oolan.

Taateen kun kan raawwatame waggaa 11 dura yoo ta'u, poolisiin eeruu argateen miseensota maatii ajjeechaa kanaan shakkaman jedhe to'achuu BBCtti hime.

Dettaamoo Ergodoo ALItti bara 2007 ture ajjeefamee reeffisaa mana fincaanitti kan gatame.

Poolisiin eeruu argateen waggaa 11 booda haadha dabalatee obboloota sadiifi namoota biroo walumaagalatti namoota jaha ajjeechaa kanaan shakke to'achuu ibse.

Godiina Hadiyyaatti Itti gaafatamaa Waajjira Poolisii magaalaa Homachoo kan ta'an Ittaanaa Inispeektaraa Addisuu Zakkiyoos, taateen kun waggaa 11 akkamiin dhokatee akka tureefi waan poolisiin qoratee bira gahe BBCtti himaniiru.

''Shakkamaan mana murtiitti dhiyaatee osoo namni hin dirqisiisin yakkicha raawwachuu amanee jecha isaa kenneera.

Obboloota isaa keessaa tokko yakkichi bara 2007 raawwatamuu amanee jecha kenneera.

Yakkicha irratti eenyu fa'aa akka hirmaataniifi eenyu maal akka godhe waan dubbatan qabu. Yeroo sanatti maalirratti akka wal-dhaban waanti beekamu jiraachuu baatus, dhimma fayidaa wayiirratti ta'uu hin oolu jennee fudhanne'' jedhan.

Itti dabaluun miidhamaafi shakkamtoonni namootuma haadhafi abbaa tokkorraa dhalataniidha jedhan.

Reeffi ogeeyyii foreensikiitiin bahee akka qoratamu ta'eera. Bu'aan qorannoo foreensikii gaafa bahu kan adda bahu ta'ullee yakkichi kan raawwatame halkan natti fakkaata jedhan.

''Bakka inni cinaachan rafee jirutti akka ajjeefame wantoonni agarsiisan jiru. Akka poolisii qorataa yakkaa ta'e tokkoottis kanin hubadhu, reeffi gaafa bahu, paantiinsaa lafeesaa teessumarra jirutti maxxanee jira.

Ajjeechaadhaan kan shakkame maatidhuma. Isaan keessaa yakkicha eenyu fa'aa akka raawwataniifi akkamitti akka raawwatame kan jecha amantaa kenne jira.

Akkasumas ragaa naannoos walitti qabuuf yaallerra. Odeeffannoon akka hin baanef sodaaachisuun fa'aa ture. Fakkeenyaaf, obboleetiin miidhamaa akka hin dubbanneef akeekkachiifamtee akka turte jecha kennite'' jedhan poolisichi.

Kanaaf, waan yeroo sana ture akka ragaa naannotti kan itti fayyadamne tokko jecha obboleettiin kenniteedha. Kanaaf adeemsi yakki miidhamaarratti raawwate himatamaan kan dubbate jira. Mataasaa keessafi miilasaarra irra deddeebiin reebamee akka ajjeefameedha kan dubbatu jedhan.

Yakki waggaa 11f dhokatee ture akkamiin gurra poolisii akka gahe gaafannee, maatiin ajjeechaa kanaan shakkaman wal-dhabanii yeroo wal-arrabsan icciitii baasurraa kan ka'e ta'uu himu Ittaanaa Inispeektaraa Addisuun.

Haati warraa shakkamtootaa waa'ee ajjeechaa raawwatamee icciitii keessa beekan gaafa tokko dhimma wayiirratti wal-lolan.

Shakkamtoonni haati warraasaanii wal-lolan, "obboleessa kee ajjeestee dhoksite qottee akka baastun godha" kan jedhu yeroo walitti dubbatan namoonni bira turan dhagahanii eeruu nuuf kennan'' jedhan inispeekterichi.

Sanarraa ka'uuni qorannoo kan jalqabne poolisiin haati miidhamaas shakkamtuudha jedhe.

''Yeroo inni ajjeefamu, erga ajjeefamee haa awwaalamu jettee callisuu filatte. Ajjeefamee yeroo mana fincaanii keessa buusan isheen harka keessaa qabaachuun shakkamte,'' jedhan.

''Haadhaafi ijoollee eessumaa dabalatee namoota torbatu yakkicharratti hirmaachuun shakkame.

Shakkamaan tokko biyya keessa hin jiru. Yakkichi erga raawwateen booda Afrikaa Kibbaa deemuusaa agarsiisa ragaan nuti qabnu. Haadhasaafi ijoollee eessuma isaa lama akkasumas obboloota isaa sadi, walumatti namoota jaha to'annaa jala oolchineerra.''

Reeffi qorannoof yeroo baafamu bifa seera qabeessan, ogeeyyii foreensikiitini qotamee kan baafame. Erga qotanii baasanii booda lafeensaa kan namaa ta'uu erga adda baasanii booda qorannoo gaggeessan.

Miseensi maatii ajjeefame kun nama akkamii akka ta'eefi waa'een ajjeechaa isaa osoo hin dhagahamin akkamiin waggaa hanga kanaa ture?

Namni ajjeefame kun dargaggeessa. Shakkamtoonni kun kanaan duras gurbicha gaadaa turan jedhe poolisiin.

''Osoon gara magalaatti hin dhufin poolisii aanaa ta'ee yeroon hojjataa ture, bara 2006 keessa miidhamaa kana obboloonnisaa hiisisanii akka turan anuu nan beeka.

Maatiin hunduu isa gaaduu irraa kan ka'eedha odeeffannoon yakkaa dhoksuu kan danda'an. Yeroo yakkichi raawwatu eeruun wayii kennamee bulchaa naannichaa yeroo sanaa namni ture shakkee dhaqee "eessa jira" jedhee yoo gaafatu, raayyaa ittisa biyyaatti makamee deemeera jechuun odeeffannicha dhoksuu danda'an.''

Kanaaf icciitiin kun kan bahe, obboloota miidhamaa keessaa lama haati warraasaanii wal-dhabuurraa kan ka'eedha jedhan inispeekter Addisuun.