Sa'ud Arabiyaan haleellaawwan garee Huutiin irra deeddebiin irratti raawwataman hordofuun, naannolee biyyattii hedduu keessatti akeekkachiisa nageenyaa baaste.
Akeekkachiisni kunis magaalota qulqulluu akka Makkaa fi Jiddaa dabalatee naannolee adda addaa kan ilaalutudha.
Ameerikaan ammoo lammiileen ishee gara naannoo sanatti imalan karoora isaanii akka irraa deebi'anii ilaalan akeekkachiisteetti.
Tarkaanfiin kunis Huutiin haleellaa Sa'ud Arabiyaa irratti raawwachuu fi naannoo qarqara Galaana Diimaa Yaman keessatti sochii isaanii cimsuu isaanii hordofeeti.
Humnoonni ittisa qilleensaa Sa'ud Arabiyaa, Kibxata galgala, diroonii garee Huutii Makkaa haleeluuf turte, utuu halellaa hin raawwatin Kibba Makkaa irratti qolachuu Gamtaa waraanaa Sa'ud Arabiyaa fi Yaman kan ibse.
Dubbi-himaan Gamtichaa Turkii Al-Maalikii akka jedhanitti, diroonin kun akkuma daangaa qilleensa dhorkamaa Makkaa seenteen tarkaanfiin irratti fudhatame.
Itti dabaluudhaanis, "yaaliin diinummaa fi shororkeessummaa kun yaalii misaa'ela balistikii garichi bara 2017 Makkaa irratti aggaamee booda kun isa lammaffaadha" jedhe.
Nageenyi Masjiidota qulqulluu fi hajjii sarara diimaa ta'uu cimsanii dubbatan.
Gareen hidhattoota Huutii garuu Makkaa ykn iddoowwan qulqulluu Islaamaa biroo irratti haleellaa raawwachuuf yaalii akka hin goone ibse.
Himannaa Sa'udis ''soba'' jechuun haalera.
Huutiin kutaa qarqara Galaana Diimaa Yaman tokko tokko to'achuun, karaa dooniiwwan daldalaa addunyaa keessaa isa baay'ee barbaachisaa ta'e, Bab al-Mandab, irratti dhiibbaa uumaa jiru.
Sochiin isaanii kun al-ergii boba'aa Sa'ud Arabiyaa fi geejjiba doonii addunyaa irratti yaaddoo nageenyaa cimaa uumera.
Haleellaawwan torban darbe keessa raawwatamanis Sa'udiin waraana Baha Giddugaleessaa keessatti caalaatti harkifamtee galaa jiraachuu ishee mul'isa.