Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Maanchister Yuunaayitid Paawondii miliyoona 35niin Edersan mallattessisuuf waliigale
Maayikil Kaarik leenjisaa Maanchister Yuunaayitid tahee dhaabbataan erga waliigaltee mallatteessee taphataa haaraa jalqabaa mallatteesisuef waliigaltee xumure.
Edersan jedhama. Taphataa sarara gidduu yoo tahu kileba Xaaliyaanii Atalaantaa jedhamuuf taphataa ture.
Lammii Biraazilidha. Taphataan lammii Biraazil Kaazemiiroon Maanchister Yuunaayitidiin waan gadhiisuuf kilebichi isa bakka buusuuf Edersan mallatteesisuuf waliigaleera.
Yuunaayitid taphataa ganna 26 kana Atalaantaa irraa fudhachuuf paawondii miliyoona 35 kaffala. Kontiraata waggaa afurii kenneeraafi.
Amma kan hafe qorannoo medikaalaa taasisuu yoo tahu jalqaba ji'a dhufuu mallatteessa jedhamee eegama. Yuunaayitid taphoota yeroo gannaa qabuuf osoo hin deemiin dura waliigalticha xumuree fudhatee deemuu barbaada.
Edersan Waancaa Addunyaaf jalqabuuf jedhuuf biyya isaa Biraaziliif hin filamne.
Garuu isa dura si'a sadii Biraaziliif taphateera.
Yuunaayitid yoo xiqqaate taphattoota sarara gidduu sadii baruma kana mallatteesisa jedhamee eegama.
Dabalataan taphataa West Haam Fernaandez mallatteessisuu kan barbaadu Yuunaayitid gatiin taphataa kanaa garuu qaalii tahe.
West Haam yeroo Saawuzhampitan irraa mallattesisan gara paawondii miliyoona 40 itti baasan.
Gatii isaanii kana dachaan guddisuun gurguruu barbaadu. Fernaandez Arsenaalii fi Cheelsiinis gaafataa turaniiru.
Taphataan biraa maqaan isaa Yuunaayitid waliin ka'u kan Nootiingihaam Foorest Eeliyoot Andersanidha.
Inni garuu gara Maanchister Siitii deemuu filata. Foorest taphatichaaf paawondii miliyoona 100 ol gaafataniiru.
Saandiroo Toonaalii fi taphataan Riyaal maadirid Ooriyeen Shuumenii keessaa tokko kan argatu yoo tahe Yuunaayitid ni mallatteesisa jedhamee eegama.
Edersan sarara gidduu bakka adda addaa irra taphachuu danda'a. Taphoota 180 Atalaantaaf taphate irratti goolii 16 galcheera.
Ittisa cinaa gama bitaan ammoo Niwkaasil irraa Lewis Hool maqaan isaa ka'eera.
Taphataan Luuk Show kan dorgomu tokko gara Yuunaayitid akka dhufu ni eegama.
Karra eegaan Maanchister Yuunaayitid biraa Raadek Viitek ejdhamu ergisaan Biristool Siitiif taphataa ture. Achitti cimina guddaa waan agarsiiseef badhaasa taphataa cimaa hunda kilebicha keessaa mo'ateera.
Garuu Senee Laamensitti aanee filannoo lammaffaa tahee gara Yuunaayitid deebi'uu hin barbaadu, yeroo taphaa guutuu argachuun qaba jedhe.
Andiree Onaanaas waan deebi'uuf Yuunaayitid isas deebisee gurguu barbaada.
Onaanaan waan Maanchister Yuunaayitid hirmaannaa Shaampiyoonsi Liigii argateef miindaan isaa 25% ni dabala. Kilebni kana guutefii fudhatu waan argamu hin fakkaatu.
Arsenaal Morgaan Roojersiin Astoon Viilaa irraa, Juuner Kiruuppii Barnimooz irraa mallattesisuu barbaadu.
Astoon Viilaan garuu Roojersiin barana gurguruu akks hin barbaanne ibsan. Hirmaannaa Shaampiyoonsi Liigii kan argate Viilaan Roojersi dhabuu hin barbaadu.
Taphataa kana Cheelsiinis haalaan barbaada.
Maarkas Raashfoord Baarseloonaa dhaabbiidhaan galuuf ammayuu eeggataa jira.
Baarseloonaan gatuu Yuunaayitid gaafate paawondii miliyoona 25 kaffaluu hin barbaadu. Leenjisaan kilebichaa Hansii Filiikii fi daarikteri kilebichaa Deekoon garuu hatattamaan Raashfoord mallatteeisuu barbaadu.
Yuunaayitid yoo Baarseloonaan gatii kana hin kaffalu tahu kileboota birootti gatii dabalataan gurgurachuu barbaada.