Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ameerikatti xiyyaarri daandii balaliin ala qubachuun namoonni 5 du'an
Xiyyaarri fe'umsaa Amaazoon jedhamu buufata xiyyaaraa idil-addunyaa Maayaamii Filooriidaatti osoo qubachuuf jiruu daandii balalii irraa maquun yoo xiqqaate namoonni shan du'anii shan biroo ammoo miidhamaniiru.
Xiyyaarri fe'umsaa Booyingi 767-300, buufata xiyyaaraa idil-addunyaa Luwiis Munoz Maariin irraa ka'ee gara Maayimiitti imalaa ture wayita qubachuuf jedhu daandii balalii irraa bahee konkolattota lafa dhaabbataa turan heddu rukuteera.
Amaazoon ibsa baaseen sababii balaa kanaa adda baasuuf aanga'ootaa fi qaamolee itti gaafatamummaa qaban waliin walitti dhiyeenyaan hojjechaan jira'' jedhe.
Bulchiinsi Aviyeeshinii Federaalaa (FAA) balalii Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Maayamii guutumatti yeroodhaaf dhaabera. Sababiin isaas namoonni abidda dhaamsanii fi hojjettoonni baraarsaa gara bakka balaan kun itti dhaqqabeetti ergamuun hojii baraarsaa hojjataa jiru.
Balaan kun kan mudate jala bultii dhuma torbee guyyaa hojjettootaa irratti yoo ta'u, torbeen kun yeroowwan imala waggaa keessaa baay'ee namaan guutaman keessaa isa tokkodha.
Xiyyaarri fe'umsaa Boeing 767-300 kun Wiixata dura, Dilbata naannoo sa'aatii 2:00 waaree booda, yeroo qubataa turetti daangaa daandii xiyyaaraa darbe. Xiyyaarri kun San Juan, Puerto Rico irraa gara Miamiitti imalaa ture. Yeroo kufetti konkolaattota lafa irra turan hedduus rukute.
Kantiibaan bulchiinsa Miyaamii Dilbata galgala ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin, "Yoo xiqqaate namoonni shan lubbuu isaanii dhabaniiru, namoonni shan ammoo madaa'aniiru," jedhan.
Itti dabaluudhaanis, hojjettoonni baraarsaa taateen kuun muudatee sekondii muraasa booda bakka balaan kun itti dhaqqabe kan gahan ta'uu ibsuun, yeroo ammaa kana xiyyeeffannaan guddaan namoota miidhaman yaaluu, maatii miidhamtootaa deeggaruun, hojii baraarsaa fi qorannoo itti fufuu akka ta'e dubbatan.
Namoota miidhaman keessaa sadii haalli isaanii baay'ee ulfaataa ta'uun ibsameera.
Namoonni madaa'an keessaa muraasni konkolaattota keessa ykn jalatti kukkufanii turan. Hojjettoonni ibiddaa fi baraarsaatu isaan baase.
Qondaaltonni akka jedhanitti sababa balaa kanaa beekuuf tarkaanfii hatattamaa akka fudhatamu akkasumas Boordii Nageenya Geejjibaa Biyyaalessaatiin taatee kana akka qoratamu dubbatu.
Ejensiin federaalaa balaa xiyyaaraa US keessatti mudatu hunda qoratu Wixata kana ibsa gaazexeessitootaaf kennuuf karoorfateera.
Hojjettoonni ibiddaa 200 ol balaa kanaaf gara bakka sanatti argamaniiru. Xiyyaarri kun erga kufee booda ibidda qabatee, aarri guddaan mul'atera.
Haa ta'u malee, hojjettoonni balaa ibiddaa, ibidda sana battalumatti dhaamsaniiru.
Sababni balaa kanaa ammaaf hin beekamne. Dhaabbanni Balaa Geejjibaa Biyyaalessaa Ameerikaa, balaa kana qorachuuf jira. Dhaabbanni kun balaa xiyyaaraa guguddaa Ameerikaa keessatti raawwataman qorata. Odeeffannoon dabalataa akka kennamutu eeggama.
Xiyyaarri kun dhaabbata '21 Air'', kan Kaarolina kaabaa keessatti hundaa'e irraa kireeffamee hojjetaa ture. Amazon akka ibsetti, dhaabbata mootummaa fi qaamolee naannoo waliin ta'uun sababaa balaa kanaa hubachuuf hojjechaa jira. Dhaabbatichi maatii fi aantee namoota du'anii jajjabeessuu ibseera.
Daataan sochii xiyyaaraa akka agarsiisutti, xiyyaarri kun yeroo kutaa daandii xiyyaaraa itti fayyadamamuu danda'u keessaa bahutti sa'aa tokkotti saffisa naannoo kiiloo meetira 207 qabuun socho'aa ture. Yeroo balaa kanaattis Miyaamii keessatti roobni xiqqaa fi bubbeetu ture.
Balaan kun hojii Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Miyaami irratti rakkoo guddaa uumeera. Balaliin hedduun haqamuu ykn yeroo isaanii dheerachuun himameera.
Imaltoonni tokko tokko tikeetii fi karoora imala isaanii jijjiiruuf hiriira dheeraa keessa dhaabbataniiru.
Buufatni Xiyyaaraa Idil-addunyaa Miyaami, Ameerikaa keessatti buufatawwan xiyyaaraa baay'ee hojiin itti heddumatu keessaa isa tokko. Akkasumas, fe'umsa idil-addunyaa, keessumaa daldala Ameerikaa fi biyyoota Laatiin Ameerikaa fi Kaariibiyaan gidduu jiruuf, buufata guddaa dha.