Tiraamp, Putiniin 'hiriyyaakoo' jennaan Zeleniskiin inni hogganaa 'nama ajjeesu' jechuun qeeqe

Madda suuraa, EPA
Pirezidaantiin Yuukireen, Volodmiir Zeleniskii, pirezidaantii Raashiyaa Vilaadmiir Putiniin "inni nama nama ajjeesu'' jechuun ibse.
Doonaald Tiraamp Putiniin ''michuukoo'' jedhee waamuu isaa hordofee Zeleniskiin ammoo inni [Putin] Yuukireeniif garuu ''diina'' jedhe.
Gaaffii fi deebii CNN waliin taasiseen, Zelenskiin, Tiraamp, Putiniin maqaa barbaadeen waamuu danda'a. Inni [Putin] garuu Yuukireeniif ''diina isaanii fi nama ajjeesaadha'' jedhe.
Tiraamp torban kana Chaayinaa keessatti hogganaa Chaayinaa Xi Jinping fi kan Raashiyaa Vladimir Putin waliin walga'ii irratti hirmaachuun dura, Putin "michuukoo'' jechuun waamee, hariiroon isaanii waggoota hedduuf gaarii akka ture ibse.
Guyyaa Jimaataa immoo haleellaa Raashiyaan magaalaa Yuukireen Kiiv keessatti geessissiteen yoo xiqqaate namoonni sagal lubbuu isaanii dhabaniiru; buufataalee baaburaa fi riqichootnis miidhamaniiru.
Kun erga Yuukireen riqicha Kireemiyaa irratti haleellaa raawwatteeti.
Pirezidaantiin Yuukireen, Volodmiir Zeleniskii, haleellaa yeroo dhiyoo kana Raashiyaan raawwatte "haleellaa bara kana keessatti isa hamaa fi guddaa" jechuun ibse.
Akka inni jedhetti, Raashiyaan misaa'ilota 110, isaan keessaa 27 misaa'ela baallistikii, akkasumas diroononni 400 ol ta'an fayyadamuun Yuukireen irratti haleellaa raawwataniiru.
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Sa'aatii muraasa haleellaa kanaa booda, Doonaald Tiraamp Waayit Haawus keessatti ibsa kennaniin, Putin waraana kana xumuruuf fedhii qaba.
"Zeleniskii fi Putin lamaan isaanii waraanni akka dhaabbatu barbaadu. Anis isaanii waliin hariiroo gaarii qabaachuun koo waan gaarii dha," jedhe.
Tiraamp ammas Putiniin "michuukoo" jechuun waamuusaa irra deebi'uun dubbate.
Haa ta'u malee, Zeleniskiin yaada kana hin fudhanne. CNN waliin yeroo dubbatu, ''Tiraamp Putiniin waan barbaade jedhee waamuun isaa dhimma isaa dha. Garuu nuuf Putin diina keenya, nama ajjeesaa dha," jechuun dubbate.
Zeleniskii akka jedhetti, Putin guyyaa fi halkan biyya isaa irratti haleellaa raawwachaa waan jiruuf namoonni hedduun addunyaa irratti akka nama ajjeesaatti isa ilaalu.
Dabalataanis, Putin "hiriyyaa" jechuun waamuun dhiibbaa gahaa irratti akka hin uumamne kan agarsiisudha'' jechuun dubbate.
Gama biraatiin, Poolaand akka beeksiftetti, yeroo haleellaan guddaan Yuukireen irratti mootummaa Raashiyaatiin raawwatamaa turetti, wantoonni sadii daangaa qilleensaa ishee cabsanii seenuun isaanii mirkaneessite.
Isaan keessaa tokko misaa'ila mootummaa Raashiyaa ta'uu himameera.
Muummeen Ministiraa Poolaand, Doonaald Taaski, yeroo mootummaa Awurooppaa fi NATO naannawaa sana keessatti leenjii waraanaa gaggeessaa turanitti kun dogoggoraan ta'e jechuun amanuun rakkisaa dha jedhe.
Namni miidhame yookaan qabeenyi barbadaa'e hin jiru. Haa ta'u malee, mootummaa Poolaand gocha kana "dubbii barbaacha mootummaa Moskoo irraa dhufe" jechuun ibseera.
Hogganaa Olaanaan NATO, Mark Rutte, gochaa daangaa qilleensaa Poolaand cabsuun raawwatame kana cimsinee balaaleffanna jechuun ibse.
Xiyyaaronni waraanaa NATO balaa kanaaf deebii kennuuf battalatti akka kaafaman beeksiseera. Raashiyaan garuu hanga ammaatti dhimma kana irratti yaada hin kennine.

























