US fi Iraan Galoo Galaanaa keessatti walitti dhukaasan

Suuraa blaak and waayit aara agarsiisu

Madda suuraa, AFP

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Waliigalteen dhukaasa dhaabuu US fi Iraan bu'uura jabaa hin qabne ammas raafamuu itti fufeera. Humnoonni Ameerikaa Galoo Galaanaa keessatti buufataalee dirooniifi raadaarii Iraan irratti xiyyeeffataniiru. Iraanis buufata waraanaa US naannicha jirutti misaayeloota dhukaafteetti.

Waraanni Ameerikaa dirooniiwwan Iraan haleellaa raawwatanii achumaan manca'an afur haleeluu beeksiseera. Dirooniiwwan kun gara Ulaa Hormuuz ergaman jedheera. Dirooniiwwan yabala galaanarraa naannichaarratti yaaddoo guddoo uumuu himeera.

Ajajni giddugaleessaa US ''raadaarii to'annoo daangaa Iraan kan Kibba biyyattii jiru haleellaa dabalataa hanqisuuf jecha rukutneerra'' jedheera.

Iraan haleellaa US kanaaf deebii yoo kennitu buufataalee waraanaa US Kuweet keessaa qabdutti misaayeloota baalistikii dhukaafte.

Akka ejensiin oduu Iraan Irib jedhamu gabaasetti humna galaanaa US Baahireen jiruttis dhukaafameera.

Ajajni Giddugaleesaa misaayeloota Iraan torba gara biyyoota Galoo Galaanaa lamaanitti dhukaafaman keessaa jaha qolatamaniiru tokko ammoo xiyyeeffannoosaa bira hin geenye jedheera.

Walitti dhukaasni US fi Iraan kun kan eegale waliigakteen dhukaasa dhaabuu biyyoota lamaanii guyyoota dura waliigalame bu'uura jabaa dhabuusaatiini.

Roobii darbe haleellaa diroonii Iraan buufata xiyyaaraa Kuweet irratti raawwatteen namni tokko du'rr 60 kan ta'an miidhamauu aanga'oonni naannichaa himaniiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Humni Warraaqsa Islaamaa Iraan haleellaa buufata xiyyaaraarratti raawwateef gaafatama akka hin fudhanne ibseera. Dogoggora farra misaayelii US balaan sun akka qaqqabe hime.

Ajajni Guddugalaa US ammoo himannaan Iraan kun sobaa jedhee, Iraan ''ta'e jettee, itti yaaddee haleellaa fudhatama hin qabne raawwatte'' jedhe.

IRGC amma dura haleellaa US taankara boba'aa Iraaniifi odola Qeshm irratti raawwatte haaloo bahuuf buufataalee US Galoo Galaanaa keessa jiran akka xiyyeeffatu ibsee ture.

Ammoo muddamni biyyoota lamaani walitti bu'insatti deebi'aa wayita jiru kanatti gareen biyyaalessaa Iraan Waancaa Addunyaarratti hirmaachuuf viizaa argatee jira. Taphni garee Iraan inni jalqabaas Los Anjalisitti gaggeeffama.

Haleellaan tibba kanaa kun gaggeeffamuu kan eegale mariin dhukaasa dhaabuu biyyoota lamaanii wayita gufatee jiruttidha.

Israa'eliifi US lola qindaa'aa Iraanirratti kan eegalan Guraadhala 28 ture. Waraanni sun gara Baha Giddugalaatti babal'ateera.

Iraan haleellaa isheerratti banameef deebii kenniteen michoota US naannicha jiran rukutuun ulaa boba'aan addunyaa 20% keessa yabalu, Ulaa Hormuz cufteetti. Kunis gatii boba'aa addunyaa qalesseera.

Ebla gara jalqabaa USfi Iraan waliigaltee dhukasa dhaabuurra gahuu booda US buufataalee UStti uggura tolchite. Tiraamp hanga Iraan waliigalteen amansiisaan hanga raawwatamutti uggurri kun itti fufa jedheera.