Waldaan Kubbaa Miilaa Awurooppaa Tiraamp dhimma kubbaa keessaa galuu cimsee balaaleffate

Madda suuraa, ge
Waldaan Kubbaa Miilaa Awurooppaa (UEFA) murtii FIFA'n kaardii diimaa taphataa sarara duraa Ameerikaa Foolaarin Baalooguniif kenname akka haqamu murteessuu hordofee murtee FIFA cimsee qeeqera.
Murtiin akka kanaa kun ''waan kana dura ta'ee hin beekne, kan sabaabni hin ibsamne fi fudhatama hin qabne" jedhe.
Baaloguun tapha Ameerikaan Boosiniyaa Herzegoviniyaa waliin taasisuun 2-0 mo'atan irratti kaardii diimaan ari'ame ture.
Kanaaf tapha marsaa 16 keessatti Beeljiyeemii waliin taphatamu keessaa hafuu qaba ture.
Kamisa Donaald Tiraamp michuu isaanii pirezidaantii FIFA kan tahan Jiyaanii Infaantinoof bilbiluun akka kaardii diimaan taphatichaa haqamu gaafatan jedhe gabaasni CBS
Kanaanis FIFA'n adabbiin sun akka hin raawwatamne murteesse.
Waldaan Kubbaa Miilaa Awurooppaa murtii kana "seera kubbaa miilaa cabsuudha" jedhee balaaleffate.
Seenaa waancaa Addunyaa keessatti kaardiiwwan diimaan 188 kennamaniiru. Isaan keessaa taphataan adabbiin irraa kaafame yeroo tokko qofa ture.
Tiraamp akka jedhetti, Baaloogun dogoggora guddaa hin hojjenne jedhee waan amanuuf murtiin sun akka irra deebi'amee ilaalamu gaafate. Yoo adabbiin sun hojiirra oole, maqaa gaarii waancaa Addunyaa irratti miidhaa guddaa geessisa ture . Ta'us garuu, "ani murtii jijjiiraa jedhee hin ajajne, irra deebi'anii akka ilaalan qofa gaafadhe" jedhe.
Dilbata darbes Traamp FIFA'n adabbii Baaloogun irraa kaasuu isaaf galateeffateera.
Waldaan Kubbaa Miilaa Beeljiyeemis tapha itti aanu irratti Baaloogun taphachuun isaa seeraa cabsuu ta'uu ibsuun mormii dhiyeessuuf akka jedhu beeksise.
UEFA ibsa isaa keessatti, "Yoo seerri hin kabajamne, amanamummaan taphaa fi haqni dorgommii ni badaa" jedhe.
Baaloguun dorgommii waancaa Addunyaa kana irratti galchii sadii lakkoofsisuun Ameerikaaf taphataa galchii baay'ee lakkoofsise ta'uun dursaa kan jirudha.
Dorgommii Waancaa Addunyaa kana irratti taphattoonni 11 kaardii diimaa argatan hundi adabamanii akkamiin taphataan Ameerikaa kun qofti adabbii jalaa baha kan jedhu ammaleee mormii cimaa ta'ee itti fufeera









