KALLATTIIN, Tiraamp buufata Niwukilaraa Iraan haleeluuf dhaadatan

Waraanni Ameerikaa fi Iraan gidduutti adeemsifamaa jiru guyyaa 11ffa seeneera. Tiraamp buufata nuukileeraa Iraan haleeluuf dhaadate

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Waliigaltee Ameerikaa fi Sa’uudii irratti yaaddoon ka’e

    Tiraamp fi Mohammed bin Salman

    Madda suuraa, Getty Images

    Ameerikaan fi Sa'uud Arabiyaan waliigaltee humna niwukilaraa siiviilii mallatteessuuf qarqara irra jiru.

    Miidiyaaleen Ameerikaa akka gabaasanitti, mootummaan Pirezidaantii Doonaald Tiraamp fi kan Sa'uud Arabiyaa waliigaltee tumsa humna niwukilaraa irratti waligaluun isaanii yaaddoo uumera.

    Waliigalteen kun yeroo dhiyootti ifatti ni beeksifama jedhamee eegama.

    Yoo waliigalteen kun hojii irra oole, Sa'uud Arabiyaan humna niwukilaraa warshaalee boba'aa ishee keessatti fayyadamun oomishuu fi qopheessuu akka dandeessu taasisa.

    Gaazexaan Niwu Yoorki Taayims Kibxata darbe qondaaltota Ameerikaa maqaan isaanii hin ibsamne lama wabeeffachuun akka gabaasetti bulchiinsi Doonaald Tiraamp waliigaltee Sa’uudii Arabiyaa torban dhufu ifatti mallatteessee labsuuf karoorfateera.

    Ameerikaan fi Sa'uudi Arabiyaan waggoota hedduuf tumsa damee humna niwukilaraa kana irratti mari'achaa turan.

    Haa ta'u malee, miseensonni Kongireesii Ameerikaa muraasni yaaddoo isaanii ibsaniiru.

    Akka isaanii jedhanitti, Sa'uud Arabiyaan pirojektii kanaan gara fuulduraatti meeshaa waraanaa niwukilaraa horachuuf itti fayyadamuu dandeessi yaaddoo jedhu qabu

    Yoo waliigalteen kun ragga'e, hariiroon Ameerikaa fi Sa'uudi Arabiyaa,laafee ture akka fooyya'u ni eegama. Akkasumas, dhaabbilee daldalaa Ameerikaatiif carraa hojii fi invastimantii bal'aa uumaa jedhamee eegama.

  2. Lolli Iraan Ameerikaa Doolaara Biiliyoona 37.5 Baasise

    Ministira Raayyaa Ittisaa Ameerikaa Piit Heegseet

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Ministira Raayyaa Ittisaa Ameerikaa Piit Heegseet

    Ministirri Raayyaa Ittisaa Ameerikaa Piit Heegseet akka jedhanitti, lolli Iraan waliin gaggeeffamaa jiru hanga ammaatti Ameerikaa gara doolaara biiliyoona 37.5 baasiseera.

    Kunis tilmaama baatii Caamsaa keessa kenname irraa doolaara biiliyoona 8 caalaa dabaleera.

    Heegseet Koree Baajata Seenaatii Ameerikaa maallaqa dabalataa doolaara biiliyoona 87 Peentaagoniif oolu akka raggaasisan gaaftan.

    Isa keessaa doolaarri biiliyoona 67 hojii waraanaa Bahaa Giddugaleessaaf oolu jedhan.

    Akka isaan jedhanitti, baajanni kun yoo hin raggaane, mootummaa waraanaa keessatti hanqinni guddaan uumamee leenjii waraanaa, kaffaltii miseensota waraanaa fi meeshaalee waraanaa guutuun rakkisaa ta'a.

    Miseensonni Paartii Dimookiraatii garuu gaaffii mootummaa kana mormaniiru. Baasiin waraanaa kun yeroo lammiileen Ameerikaa rakkoo jireenyaa keessa jiranitti mootummaa "maallaqa daangaa hin qabne waraanaaf gaafachaa jira" jechuun mootummaa Tiraamp qeeqan.

    Waayit Haawus bara baajataa itti aanutti Peentaagoniif doolaara tiriliyoona 1.5 Ebla keessa Kongireesii gaafate, kunis baasii waraanaa U.S keessatti kan sadarkaa olaanaatti ol guddisudha.

    Lolli Ameerikaa fi Iraan gidduutti torban darbe irraa eegalee deebi'ee jalqabee, biyyoonni lamaan walii isaanii fi michoota isaanii irratti haleellaa wal jijjiiruun itti fufaniiru.

  3. Tiraamp buufata Niwukilaraa lafa jalaa Iraan haleeluuf dhaadatan

    -

    Madda suuraa, Reuters

    Waraanni Ameerikaa fi Iraan gidduutti adeemsifamaa jiru guyyaa 11ffa seeneera.

    Ameerikaan Kibxata galgala galgala yeroo 11ffaaf walitti aansuun Iraan irratti haleellaa kan raawwatte yoo ta’u, Teehiraan Ameerikaan dhaabbilee niwukilaraa ishee irratti xiyyeeffachuu akka hin qabne akeekkachiifteetti.

    Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp mootummaa Iraan keessatti Naataanzitti kan argamu buufata niwukilaraa lafa jalaatti ijaarame irratti tarkaanfii waraanaa fudhachuu akka danda'an dhaadatan

    Akeekkachiisa kana booda mootummaa Iraan, Ameerikaan yoo buufata kana rukutte deebii cimaa akka kennitu beeksifte.

    Ajajni Waraana Giddugaleessaa Ameerikaa (CENTCOM) akka jedhetti, duulli waraanaa Iraan irratti gaggeeffamaa jiru dandeettii Iraan Ulaa Hormuuz keessatti doonii daldalaa sodaachisuu fi miidhuu dadhabsiisuuf kan kaayyeffatedha.

    Miidiyaan mootummaa Iraan akka gabaasetti, sirnoonni ittisa qilleensaa Teehiraan keessatti hojii jalqabaniiru.

    Miidiyaaleen mootummaa Iraan akka gabaasanitti,sirni ittisa qilleensaa magaalaa guddoo Tehran keessatti hojiirra oolera. Dhohinsi Tabriz, Chabahar, Konarak, fi Bushehr naannawa warshaan niwukilaraa Iraan lafa jalaa itti argamuutti gabaafameera.

    Ameerikaa fi michoota ishee Baha Giddu Galeessaa irratti haaloo baahaa kan jirtu Iraan, Doonaald Tiraamp Ameerikaan yeroo dhiyootti bakka niwukilaraa lafa jalaa naannoo Naataanz rukutti erga jedhanii booda haaloo bahuuf akeekkachiifteetti.

    Biyyoonni lamaan yeroo muraasaaf waliigaltee waraanaa dhaabuu irratti walii galanii turan. Haa ta'u malee, wal-dhabdeen Galaana Hormuuz waliin walqabatee yeroo ammaa irra deebiin gara wal waraanuutti ce'aniiru.

    CENTCOM akka himetti,Iraan ji'oota sadan darban keessa ''doonii daldalaa 30 ol irratti haleellaa raawwachuu himate

    Kanaafis Ajajni waraanaa Ameerikaa, buufatawwan waraanaa Iraan, humna galaanaa, humna qilleensaa fi bu'uuraalee waraanaa biroo hedduu irratti haleellaan raawwachii isaa ibseera.

  4. Ashamaa! Tamsaasa kallattii jalqabneerra

    Tamsaasa kallattii kanaan odeessa gurguddaa biyya keessaa fi alaa argattu.

    Nu hordofaa.

    Guyyaa gaarii!