KALLATTIIN, Ameerikaa fi Iraan haleellaa walirratti eegalan guyyaa lammaffaaf itti fufan

Ameerikaa fi Iraan haleellaa erga Ebla darbeetii yeroo jalqabaaf walirratti eegalan guyyaa lammaffaaf itti fufaniiru. Biyyoonni kunneen Baha Giddu Galeessaa keessatti iddoowwan adda addaatti wal haleelaa jiru.

Guduunfaa

  • Ameerikaa fi Iraan wal haleeluu itti fufan, haleellaan guyyaa lammataa erga Pirezidant Doonaald Tiraamp Iraanitti dhaadatee dhagahame
  • Biyyoonni lameen erga Ebla 8, 2026 dhukaasa dhaabuurratti waliigalanii amma wal haleeluutti deebi'an
  • Haleellaa US raawwatte booda Iraanis buufataalee US biyyoota Baha Giddugaleessaa kanneen akka Bahreen fi Kuweet keessa jiran haleeluun haaloo baate
  • Tamsaasa kallattii duraan ture asii banachuun dubbisaa!
  • Odeessaalee keenya karaa Marsariitii, YouTube, Facebook, WhatsApp fi TikTok argachuu dandeessu

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. US fi Iraan guyyaa lammaffaaf wal haleeluu itti fufan

    Alaabaa Iraan fi US

    Madda suuraa, Getty Images

    Biyyoonni lameen Ebla 8, 2026 dhukaasa dhaabuurratti waliigalanis ergasii darbanii darbanii wal qoccolloo fi walitti dhukaasaa turaniiru.

    Garuu guyyoota lamaan kana kallattiin haleellaa walirratti bananii jiru.

    Amma Baha Giduugaleessaa keessatti waraanni US fi Iraan deebi'eera.

    Ajaji Giddugalaa US (Centcom) kibba Iraanitti buufata waraanaa, basaasaa fi raadaarii irratti xiyyeeffachuun haleellaa haaloo ba'uu raawwachuu ibse.

    Haleellaan kun erga Pirezidant Doonaald Tiraamp ''haleellaa hamaa'' Iraan irratti raawwachuuf dhaadatee mudate.

    Tiraamp yoo Iraan waliigaltee hin mallatteessine haleellaa hamaan akka ishee eeggatu ibsee ture.

    Iraan haaloo ba'uuf qabeenya US Baha Giddugaleessaa keessaa qabdurratti haleellaa raawwatteetti.

    Akka ibsa Eegdota Warraaqsa Islaamaa biyyattiitti buufataaleen waraanaa US kanneen Bahreen, Kuweet, Jordaan keessa jiran haleelamaniiru.

    Akkasumas Ulaa Hormuuz irratti taankariiwwan boba'aa lama rukutuu ibseera.

    Kunis erga mootummaan Iraan Ulaa Hormuuz guutummaatti cufuu ibseeti.

  2. US'tti waggaa sadiitti gatiin akkaan dabalus Tiraamp 'qaala’insicha jaaladheera' jedhe

    Donaldi Tiraamp

    Madda suuraa, Getty Images

    Baatii darbe gatii Ameerikaatti waggaa sadii keessatti saffisaan dabalus Pireezidantiin Ameerikaa Donaaldi Tiraamp garuu ‘’qaala’insicha jaaladheera,’’ jedhe.

    Waajirri Istaatistiksii Humna Namaa biyyattii akka jedhutti baatii Caamsaa keessa qaala'insi gatii %4.2'n dabale. Kunis isa Ebla %3.8 ture irraa lola Ameerikaa-Israa’el fi Iraaniin gatiin boba’aa dabaluun booda dha.

    ‘’Jaaladheera. Lakkoofisis gaarima dha. Maal akkaan jaaladhu beektaa? Qaala’insicha jaaladheera,’’ jedhe Tiraamp Waayit Haawusitti.

    Tahus gatiin ol ka’aa jiru kuni yeroo waraanni Iraan dhaabbatu ‘’akka dhakaatti gad konkolaataa,’’ jedhe. Kana jedhee sa’atii booda waraanni Ameerikaa Iraan haleele.

    Roobii kaleessaa yaada kenneen oppireeshinii galgala raawwateen humnooti US‘’boba’aa barmeela miiliyoonaan’’ Iraan iraa fudhataniiru, kanaan gatiin boba’aa xiqqoo gad bu’e jedhan.

    ‘’Yeroo waraanni kuni dhaabbatu ni argitu gatiin boba’aa iddoo duraaniitti deebi’a,’’ jedhan.

    Haa tahu malee boba’aan jikitaa waraanaan dura isa turerraa gatii akkaan olaanaa taheen gurguramaa jira.

    Tiraamp boodarra waan inni jedhe akka malee jalaa hiikamuu himuun ‘’isa tilmaamameen gaditti,’’ jechuusaa akka tahe hime.

  3. Akkam bultan?

    Ameerikaa fi Iraan Ebla darbe erga waliigaltee dhukaasa dhaabuurra ga'anii booda amma wal haleeluu eegalan.

    Dhimma kana hordofnee kallattiin isin biraan geenya.

    Odeeffannoo kaanis gola addunyaa hundarraa hordofnee isiniif dhiheessina.

    Nu hordofaa!