Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

KALLATTIIN, US fi Iraan haleellaa walirratti raawwachuu himan

Humni US buufatawwan Iraan lama Odola Laraak irra jiru haleeluu aanga'oonni biyyattii himuu hordofee biyyoonni lamaan haleellaa walirratti banuu dubbachaa jiru.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Liivarpuul paawundii miliyeena 123 baasuun Barkollaa PSG irraa mallatteessise

    Kilabni Liivarpuul kilaba taphataa sara duraa Biraadlii Baarkollaa kilaba Faransaayi kan ta'e PSG irraa mallatteessise.

    Liivarpuul paawundii miliyeena 123 baasuun Barkollaa kan mallatteessise yoo ta'u, waliigaltichi waggaa shaniif kan turuudha jedhame.

    Barkollaan lakkoofsa 29 akka uffata jedhame. Baarkollaan Liivarpuuliif mallatteessuu booda kilabichatti makamuusaaf gammachuu guddaa akka qabus ibseera.

    Taphataan sarara duraa ganna 23fi lammii Faransaayi kun, "Liivarpuuliif taphachuun kabajaa guddaadha" jechuun "gammachuu guddaatu natti dhagahama" jedhee yaada kenne.

    Mariin isa gara Liivarpuulitti fiduu yeroo dheeraa fudhachuu kan ibse taphataan kun, dhumarratti garee warra "Daddiimotti" makamuusaatti gammachuu guddaa akka qabu dubbate.

    "Liivarpuuliif taphachuu kootiif gammachuu guddaatu natti dhagahama. Dirreerratti argamee taphachuu qofan barbaada" jedhe Barkollaan.

  2. Barsiisaan Neeppaal barattoota 900 lolaadhan akka nyaatamne godhe jajamaa jira

    Balaa lolaa Neppaal mudateen namoonni heddu du'anii kumaatamaan kan lakkaa'aman achi buuteensaanii dhabamee biyyattiin gadda hamaa keessa yeroo jirtutti, barsiisaan barattoota 900 ta'an lolaadhan nyaatamuu oolche 'goota' jedhamuun jajamaa jira.

    Raajeendiraa Dawaadii barsiisaa duree mana baruumsa sadarkaa lammaffaa Tiriibhuvaan Tirishuulii jedhamuu yoo ta'u, akkamitti barattoota mana baruumsichaa lolaadhaan nyaatamuu akka oolche BBCtti himeera.

    Lolaan bakka mana baruumsaa osoo hin qaqqabin daqiiqaa 10 dura bilbilli akka bilbilameef kan himu Rejeendiraan, barattoonni gara lafa olka'aatti akka baqatan godhe.

    Barattoonni mana baruumsichaa keessa jiran achii bahanii gara lafa olka'aatti akka baqatan gochuu qofa osoo hin taane, konkolaattoonni barattoota deddeebisan barattoota fuudhanii akka ofirra deebi'an gochuun lubbuu heddu baraaruu ibsa.

    "Osoo yeroo sana murtee sana fudhachuu baannee, daqiiqaa 10 booda ana dabalatee, hundi keenyaa lubbuun hin jirru ture," jechuun lubbuu barattoota hedduu oolchuusaatti akka gammadu hima.

    Balaa lolaa Neeppaal walakkaan mancaasefi lubbuu namoota hedduu nyaate kanaan, manni baruumsichaa barattoonni heddu murtee barsiisaan kun fudhateen keessaa baafaman amma mallattoofuu hin jiru; jijjigiifi biyyoon irra tuulamee hin mul'atu.

  3. Barselonaan Gabreel Yesuus Arsenaalirraa fudhachuuf fiixerra gahe

    Kilabni Ispeen Baarseloonaan jifataa Arsenaal kan ta'e Gabreel Yesuus Yuuroo miliyeena 10 baasuun fudhachuun fiixerra gahe.

    Hanga ammaa kilaboonni lamaan taphataa lammii Biraaziil kanarratti waliigalteerra gahuu baatanis, mariin itti fufuutu ibsame.

    Guyyaan itti jijjiirraan taphattootaa goolabamu sa'aatiin 24 yeroo hafetti xumuruuf tattaaffii cimaa taasisaa jira.

    Yeroon jijjiirraa taphattootaa Kibxata halkan kan xumuramu yoo ta'u, yeroo gabaabduu hafte kana keessatti kilaboonni hedduun taphattoota barbaadan bituuf sardamaa jiru.

    Jifataa Arsenaal kana Barseloonaa qofa osoo hin taane kilabni Xaaliaanii Naappoolinis abbalaa jira.

    Haa ta'u garuu, Gabreel Yesuus Baarsaa seenuu seenuu akka barbaadutu himama.

    Gabreel Yesuus yeroo amma ganna 29 yoo ta'u, bara 2022 Manchestar Siitii irraa gara Arsenaal deeme.

    Turtii Arsenaalitti taasiseen, taphoota 123 irratti galchii 32 yoo lakkoofsisu, 22 ammoo mijeessee kenneera.

  4. Raashiyaan haleellaa Yukireen irratti gaggeessiteen kitaabota barnootaa miliyeena 12 ta'u mancaaste

    Yeroo Yukireenitti manni barnootaa eegaluuf jedhutti, Raashiyaan haleellaa Yukireen irratti gaggeessaa jirtuun kitaabonni barataa miliyeena 12 ta'u manca'an.

    Raashiyaan haleellaa manneen maxansaa magaalota Yukireen irratti gaggeessiteen kitaabonni barnootaa miliyeena heddu mancaaste.

    Haleellaan Raashiyaa kun kan gaggeeffame yeroo barattoonni bara barnootaa haaraa eegaluuf jiranittiidha.

    Miidiyaan Yukireen akka gabaasanitti, Raashiyaan kitaabota bara kana Yukireen keessatti maxxanfamanii mana maxaansaa jiran tokko sadaffaa mancaastetti.

    Manneen maxxansaa qofaa osoo hin taane, iddoowwan hambaalee seenaafi aadaa Yukireen agarsiisan heddus haleellaa Raashiyaa kanaan miidhaan guddaan irra gahuutu gabaafame.

    "Raashiyaan itti yaaddee kana gooti," kan jedhu daayireektara mana maxxansaa Konvi kan ta'e Haayidayi "Raashiyaan mana maxxansaa kan mancaastuuf Yukireen balleessuu barbaaddeti" jedha.

  5. Hojjetoonni mormii hojii dhaabuu itti fufnaan imaltoonni buufata xiyyaaraa Keeniyaa keessa rafuuf dirqman

    Sababa hojjetoonni aveeshinii mormii itti fufaniin imaltoonni dhibbaan lakkaa'aman buufata xiyyaaraa Keeniyaa, Jomoo Keeniyaataa (JKIA) keessatti Dilbatarraa kaasee achi keessa rafuuf dirqaman.

    Imaltoonni karaa buufata xiyyaaraa guddicha Keeniyaa keessa darbuuf turan daandii xiyyaarotaarraa qajeelfama eeggachaa fuula keessummaa itti simatanitti walitti qabamuun rafaniiru.

    Ganama kana ammoo, daandiiwwan xiyyaaraa baayyeen imaltoota isaanii gara hoteelaatti geessuurratti hojjechaa jiru.

    Taateen kun hojjetoonni aveeshinii, Yuuniyeenii Hojjetoota Aveeshinii Keeniyaa (KAWU) jalatti Dilbata buufata xiyyaaraa keessatti mormii gaggeessuu beeksisuu hordofeeti.

    Hojjetoonni kunneen sababiin mormaniif, faayidaawwan, haala hojii mijataafi faayidaawwa kanaan dura waadaa isaniif galame akka raawwatamuuf gaafachuufidha.

    Barreessaan Olaanaa KAWU Moos Nideemaa akka jedhetti, miseensonni Yuuniyeenichaa Abbaa Taayitaa SIvil Aveeshinii Keeniyaa, Abbaa Taayitaa Buufata Xiyyaaraa Keeniyaa gi Jaamboojeeti keessa hojjetan hanga gaaffileen sadan isaan gaafatan deebii argatanitti hojii isaanii dhaabaniiru.

  6. Tiraamp viidiyoo Odolli Kaargi haleelame fakkatu AI'n hojjatame maxxanse

    Pireezidaantiin Ameerikaa Donald Tiraamp, viidiyoo teknooloojii AI (Artificial Intelligence) fayyadamuun qophaa’e tokko marsariitii isaaTruth Social irratti maxxansan. Viidiyoon kun buufatni guddaan tokko dhohee wayita gubachaa jiru kan agarsiisudha.

    Tiraamp viidiyoo sana waliin, “Odolli Kaarg guutumaan guutuutti barbadaa’eera” jechuun barreessan.

    Viidiyoon kun kan maxxanfame yeroo Ameerikaa fi Iraan gidduutti muddamni waraanaa cimee jirutti.

    Kaleessa humnoonni Ameerikaa sirna misaa’ela Iraan lama Odoola Laraak kan Iraan fanjii galaanaa awwaaluuf yaalte xiyyeeffannoo keessa galchuun haleeluu ibsan.

    Koreen Eegdota Warraaqsaa haleellaa kanaaf deebii kennuun buufataalee Ameerikaa naannawaa Baha Giddugaleesssa keessa jiran irratti misaa’elaa fi diroonii fayyadamuun irratti xiyyeeffachuu beeksiseera.

    Odolli Kaarg, Iraan keessaa bakka ijoo boba’aa gara biyya alaatti erguuf Iraan itti fayyadamtudha.

    Waa'ee Odola kanaa dabalataan hubachuuf asii argattu

  7. Lakkoosi namoota balaa lolaa Neeppaliin achi-buuteen dhabame 4,000 ol darbe

    Balaa lolaa mudateen Neeppaalitti lakkoofsi namoota achi-buuteen dhabamee 4,247 qaqqabe

    Balaa lolaa Neeppaalitti mudate hordofee lakkoofsi namoota lubbuun darbee 900 yoo darbu, kanneen achi-buuteen dhabame ammoo 4,247 qaqqabe.

    Namoota balaa kanaan bakki bu’an dhabame keessaa 3,655 lammilee biyyattii yoo ta’an, 592 ammoo lammilee biyya alaati.

    Namoonni lubbuu baraaran hojjetoota humna ibsaa 933 onaa Raasuwaa bakka humna ibsaa Tiriishulii -3A jedhamu keessatti danqaman barbaachuutti jiru.

  8. Iraan buufata waraanaa UAE, Qaaxar fi Joordaan haleeluu beeksiste

    Iraan Wiixata kana haleellaa adda addaa lama buufata waraanaa Emereetota Arabaa Gamtoomanii (UAE) keessa jiru haleelte.

    Akkasumas buufata waraaanaa Qaaxar fi Jordan keessa jiru haleeluu fi diroonii Ameerikaa MQ-9 ulaa Hormuz irratti kuffisuu beeksifte.

    Ibsa waraanni Iraan baaseen, buufata waraanaa Al Minhad UAE keessatti argamu irratti xiyyeeffatee, iddoo helikoptarootaa fi humnoonni Ameerikaa keessa jiran haleeluun haaloo bahuu ibse.

    Iraan buufata Al Minhad bakka ijoo humnoota alaa deeggaruu fi dabarsuuf gargaaru keessaa tokko jechuun ibsite.

    Gareen Warraaqsa Islaamaa Iraan (IRGC) ammoo diroonii Ameerikaa MQ-9 jedhamu misaa’ela ittisa qilleensaa fayyadamuun kuffisuu beeksise. Diroonittiin erga rukutamteen booda bishaan Galaana Arabaa keessatti kufte jedhe.

    Haleellaan kun kan raawwatame Ameerikaan Dilbata galgala odola Laark, Ulaa Hormuz keessa jiru irratti, iddoowwan misaa’elli Iraan irraa dhukaafsaman irratti haleellaa qilleensaa raawwachuu ishee erga beeksistee booda.

    Akka miidiyaan mootummaa Iraanii gabaasetti, haleellaa Ameerikaa kanaan loltootaa fi jiraattota Iraanii tokko tokko du’uu fi madaa’uu isaaniitu ibsame.

    Kana malees IRGC Wiixataa buufata waraanaa tokko Qataar keessa jiru fi buufatawwan waraanaa sadii Jordaan keessa jiran irratti haleellaa raawwachuu beeksise.

    Haleellawwan kunneen muddam Ameerikaa fi Iraan gidduu jiru, keessumaa naannawa ulaa Hormuz irratti, daran hammeessera.

  9. Atileetiin Itoophiyaa rekardii cabsuun maraatoonii Siidinii injifate Addisuu Goobanaa eenyu?

    Atileetiin Itoophiyaa umrii waggaa 21 Addisuu Goobanaa dorgommii figicha maraatoonii Siidinii rekardii cabsuun injifateera.

    Atileetiin kun bara darbe lammaffaa kan ba'e yoo ta'u barana garuu 2:04:42n xumuruun rekardii bakkichaa qabateera.

    Atileet Addisuu Goobanaa xumura irratti atileetii biyyasaa Cimdeessaa Dabalee bira kutuun sekendii sadiin caalee xumureera.

    Atileetiin Itoophiyaa umrii waggaa 22 Cimdeessaa Dabalee lammaffaan xumure.

    Atileetota Itoophiyaatti aanuun sadaffaa kan ba'e atileetii Lesuutoo Tebello Ramakongana yoo ta'us innis sekendii 10 irraa fagaachuun 2:04:57n xumure.

    Atileetiin kun atileetii Keeniyaa Alfoonsi Simbuu injifachuun sadaffaa ba'e.

    ''Baayyee gammadeera. Bara darbe lammaffaan ture. Dogoggora kiyyarraa baradhee har'a rekardii cabseera,'' jedhe Atileet Addisuu Goobanaa.

    Atileet Addisuu Goobanaa injifannoo isaa kanaaf Doolaara Awustiraaliyaa kuma 100 argateera.

    Akkasumas ammoo rekardii bakkichaa waan fooyyesseef maallaqa dabalataa doolaara kuma 25 argata.

  10. US buufatawwan Iraan Odola Laraak jiru haleelte

    Humni US buufatawwan Iraan lama Odola Laraak irra jiru haleeluu aanga'oonni biyyattii himan. Kun ammoo erga dhuma Adoolessaa as haleellaa Ameerikaan Iraan irratti gaggeessite isa jalqabaati jedhameera.

    Humnoonni Eegumsa Warraaqsaa Rippablika Islaamaa Iraan (IRCG) osoo rookkeettii kara Ulaa Hormuuzitti dhukaasuuf qophaa'anii argamaniiru," jechuun US keessatti michuu BBC kan ta'e CBS dubbi himaa Ajajaa Giddugaleessaa US Tiim Awukiins waabeffachuun gabaaseera.

    IRGC Dilbata haleellaan US gaggeessite kun namoota lama ajjeesuun lama biroo madeessuu isaa himuun, "deebii haaloo ba'uu akka kennu" dhaadateera.

    IRGC gara boodaarra buufata waraanaa US Yordaanos keessa jirurratti xiyyeeffachuun haleellaa gaggeessuu miidiyaan mootummaa Iraan gabaaseera.

    BBC'n yaada akka kennuuf Ajajaa Giddugaleessaa US gaafateera.

  11. Handaara galaanaa kaaba Saayipirasitti dooniin dhidhimuun namoonni 8 du’an, 18 achi buuteen dhabame

    Kaaba Saayipiras handaara galaanaatti bidiruun dhidhimuun yoo xiqqaate namoonni saddeet yoo du’an, 18 kan ta’an achi buuteensaanii dhabamuu bulchiinsi Turkii naannawa sanaa ibse.

    Naannawa kanatti bulchiinsa Turkii ofiin of bulchitu kan taate kan hoogganan Unal Ustel, bidiruun kun imaltoota 259 fi hojjettoota sadedeet qabattee Dilbata handaraa Kyrenia irraa ka’uu ibsan.

    Taatee kanaan walqabatee kaapteeniin bidiruttii fi miseensonni hojjettootaa torba to’atamuun akkaataa balaan kun itti mudaterratti qorannoon gaggeeffamaa jiraachuu qondaalli kun miidiyaa hawaasummaa isaaniirratti barreessaniiru.

    Aanga’oonni Turkii hojii lubbuu baraaroo qindeessuun hojjechiisaa jiru, namoonni bidiruu irra turan hedduun baraaramuu fi kanneen dhabaman barbaaduun itti fufuu himan.

    Bidiruun kun yeroo ammaa galaanatti dhidhimtee jirti, aanga’oonni waan mudate sirriitti hubachuuf bilaak booksii bidiruttii barbaadaa jiru.

    Naannawa balaan kun itti mudatetti helikooptaroonni, bidiruuwwan eegdota handaara galaanaa fi ambulaansiiwwan hedduun ramadamaniiru.

    Kaaba Saayipirasitti Rippaabilika Turkii ofiin of bulchitutti ministira geejjibaa kan ta’an Erhan Arikli imaltoonni 100 ta’an hadaara galaanaatti baafamuu ibsan.

    Rippaabiliki Turkii kun ofiin of bulchuu haa labsattuyyuu malee beekamtii kan qabdu gama Turkii qofaani.

    Pirezidantiin Turkii Resip Taayip Erdohaan balaa mudateen gadduu ibsanii, hojiin lubbuu baraaruu osoo adda hin citin itti fufa jedhan.