Tiraamp maqaa Hara Ontaariyoo jijjiiruu hordofee Kanaadaan barjaa guddaa maqaa durii hara kanaa qabu dhaabde
Pirzidantiin US Doonaald Tiraamp hara US Kanaadaa waliin qooddattu ''Ontaariyoo'' maqaa jijjiiruu hordofee bulchaan naannawa kanaa Daag Foord barjaa maqaa durii hara kanaa qabu dhaaban.
Barjaa guddaa kanarra barreeffama ''Hara Ontaariyoo, ammas, yoomillee'' jedhu ofirraa qaba.
Tiraamp ajaja pirezidantii Kamisa darbe mallatteesse keessatti maqaan hara kanaa ''Hara Ameerikaa (Lake America) akka ta'u'' kan jedhu jira.
Pirezidant Tiraamp hara daangaa US fi Kanaadaa irratti argamu kana ilaalchisee viidiyoo AI dhaan hojjetame maxxansaa ture.
Bulchaan Ontaariyoo Foord ''Pirezidant Tiraamp osoo hin dhufin yeroo dheeraa duras harri kun Lake Ontario jedhamee waamamaa ture. Pirezidant Tiraamp erga deemee waggoota dheeraa boodas akkasumatti waamama,'' jedhe.
Atakaaroon kun erga mariin daldalaa US fi Kanaadaan mari'ataa turan darbeeti.
Kana hordofee US oomishaalee Kanaadaa doolaara Ameerikaa biiliyoona 20 baasan irratti qaraxa haaraa dhibbeentaa 50 keesse.
Kanaadaan ammoo ji'a dhufurraa eegalee ''qarxa walfakkaataa'' oomishaalee Ameerikaarra akka keessu ibsiteetti.
Tiraamp hari kun maqaa ''Lake America'' jedhuun akka waamamu ajaji mallatteesse battaluma sana akka hojiirra ooluu eegale ibsameera.
Tiraamp maqaalee Ameerikaa keessatti argaman jijjiiruuf aangoo qabaatus, biyyoonni biroon maqaa inni jijjiire fudhachuuf dirqama hin qaban.
Aanga'oonni Kanaadaa tarkaanfii Tiraamp kana kuffisaniiru.