Tiraamp waraana daldalaa narratti bane jette Kanaadaan

Madda suuraa, Getty Images
USfi Kanaadaan taarifa daldalaa Tiraamp kaa'e irratti waliigaluu dadhabuun mariin taasisaa turan adda cite.
Waggoota hedduuf michuu daldalaa cimoofi daldalaa bilisaa kan walitti gurguraafi bitaa turan biyyoonni ollaa kun lamaan amma waraana daldalaatti seenaniiru.
Ministiirri Muummee Kanaadaa Maark Kaarneey kaleessa halkan marii dhimma daldalaafi taarifaa irratti Tiraamp waliin taasisan adda kutaniiru.
Sababni maricha adda kutuu ibsaniif ammoo, "US waan heddu gaafatti, garuu waanti namaaf kennitu muraasa" jechuun ibsan.
Ministiirri Muummee Kanaadaa gaggeessaa addunyaa jalqabaa taarifa Tiraampitti waliigaluu diduun wal-gahii dhiisanii bahaniidha.
Maark Kaarneey, "Tiraamp waraana daldalaa nurratti baneera" jechuun kan himatan yoo ta'u, Kanaadanis omishaalee US irra taarifa dabalataa akka keessu ibsan.
Maark Kaarneey, mala Tiraamp taarifa fayyadamuun dhiibbaa uumuu barbaadu diduun dura erga dhaabbatanii booda, taarifa %50 Tiraamp kaa'een dhiibbaa diinagdee lammiilee Kanaadaa mudachuu malu akka dandamataniif amansiisuun hojii manaa isaan eeggatuudha.
Kanaadaan omishaalee ishee alatti ergitu keessaa %70 UStti ergiti.











