Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

KALLATTIIN, Iraan cidharratti namoonni ajjeefamuu 'yakka waraanaati' jette, US waakkatte

Haleellaa Kibba Iraanitti cidharratti raawwate jedhameen lubbuun bahuu hordofee kuni ''yakka waraanaati'' jette Iraan. Ameerikaan immoo lammiilee nagaarratti akka hin xiyyeeffanne himte.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Gaggeessitoonni Iraan waraana gara fuulduraatti US waliin gaggeeffamuu maluurratti garaa garummaa agarsiisaa jiru

    US fi Iraan bifa haaraan waraana eegaluu hordofee yaadi uummata Iraan maal akka fakkaatu tilmaamuun rakkisaadha.

    Iraanonni hedduun dhiibbaa mootummaarraa irra gahu waan sodaataniif ifatti yaada isaanii ibsachuuf ni rakkatu.

    Muraasni isaanii ifatti yaada kennan ammoo "mootummaan Iraan biyya addunyaarratti humna waraanaa guddaa qabdu waraanatti nu galche" jechuun aarii qaban ibsatu.

    Humni waraanaa Iraan US dura dhaabbachuu itti fufeera. Eegdonni Warraaqsa Islaamaa biyyoota Galoo Galaanaa akeekkachiisera.

    US daangaa biyyoota kanaa irraa kaatee Iraanirratti haleellaa kan gaggeessitu taanan, tarkaanfii haaloo bahuu cimaa akka irratti fudhatu beeksiseera.

    Gaggeessitoonni bulchiinsa sirna Ayaatolaaf amanamoo ta'an buufataalee waraanaa US Baha Giddugalaa qabdu haleeluun akka itti fufu barbaadu,

    Garuu pirezidaantiin biyyattii Masuud Pezeeshkiyaan yaada adda ta'e qabu. Washingtan Waliigaltee Wal-hubannoo ji'a tokko dura mallattaa'e kan kabajju yoo ta'e, Iraan mariitti deebi'uuf qophii akka taate dubbatan.

    Yaadi Pirezidaant Masuud Pezeeshkiyaan kennan, falmii qondaalonni biyyattii olaanoon egereen US waliin taasifamu maal ta'uu qabaarratti taasisan kan faallessuudha.

    Qondaalonni biyyattii hedduun Iraan of ittisuuf hanga dhumaatti US loluu akka qabdu amanu.

    Pirezidaant Masuudifi namoonni siyaasaa akka isaanii biroon US wajjin mariin dippiloomaasii yoo itti fufe Iraanif akka wayyu kaasu.

  2. Haleellaan cidharra raawwate jedhame 'yakka waraanaati' jette Iraan

    Dubbii Himaan Ministira Dhimma Alaa Iraan Ismaa'il Baagey waraanni US fi Iraan gidduu jiru ''waraana fedha ofiin eegalame'' jedhan.

    Miidiyaa hawaasummaa X irratti mana cidhi keessatti raawwatamaa jiruurratti Ameerikaan raawwate jedhameerratti waan mudate viidiyoon qoodaniiru.

    Akkasumas ''waraanni seeraan alaa Ameerikaan Iraan irratti gaggeessitu eda galgala ifa bahe'' jedhanii barreessan.

    Dabaluunis, viidiyoon kuni ''yakka waraanaa agarsiisa,'' jechuun ibsan.

    Waldaan Urjii Diimaa Iraan daa'ima dabalatee namoonni afur caccabaa misaa'elli Ameerikaa Kibba Iraanitti cidharratti bu'ee galaafate jedheera.

    Waraanni Ameerikaa gama isaan gabaasa akkanaa dhagahuufi lammiilee nagaa irratti akka hin xiyyeeffanne dubbate.

  3. Eebbisaan ajjeefamuun akkamiin jireenya maatiisaa miidhe?

    Weellisaa Eebbisaa waggaa 30 dura bara 1996 erga ajjeefamee hanga yoonaa haqi isaa hin baane jechuun harmeensaa himatu.

  4. Jarman haleellaa diroonii buufata xiyyaaraa keessatti yaalameef Raashiyaatu itti gaafatama jette

    Jarman haleellaa diroonii ji'a darbe buufata xiyyaaraa Leeppizhiing kan baha biyyattiitti argamutti raawwatameef Raashiyaan akka itti gaafatamtu ibsuun, qoontsilaa Mooskoo biyyattii keessatti argamu cufuuf akka jirtu beeksifte.

    Dhuma baatii Adoolessaa keessa buufata xiyyaaraa leeppizhiingitti xiyyaarota fe'umsaa Yukireen cinaatti dirooniin fanjii qabattee turte argamtee ture.

    Fanjii sana wanti akka dhohu taasisu rakkoon waan isa mudateef dirooniin sun osoo hin dhohiin hafeera. Dirooniin lamaffaa garuu xiyyaara fe'umsaa bakka sanatti dhiyoo ture waliin walitti bu'eeera shakkiin jedhu qorattootaan ka'eera. Guyyoota 10 booda ammoo dieooniin sadaffaan buufaticha xiyyaaraatti dhiyootti akka argame gabaafameera.

    Ministirri dhimma biyya keessaa Jarmanii Aleksaader Doobiriinedit, haleellaan buufata xiyyaara aLeeppizhiing " haleellaa makaa Raashiyaa xiyyaara keessatti baratamedha," jechuun ibseera. Jarman ammallee irratti xiyyeeffatamuu danda'a shakkiin jedhus jiraachuu ibsameera.

    Pirezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutin garuu Jarman yaalii haleellaa buufata xiyyaaraa Leeppizhiingirratti raawwatameef Mooskoo itti gaafatamtuu gochuudhaaf ragaa uummacha ajirtu jechuun himateera.

    Embaasiin Raashiyaa barliin keessatti argamu gamasaatiin Raashiyaan itti gaafatamtuudha himannaa jedhu "akkasumaanidha" jechuun kufa ataasiseera.

  5. Iraan biyyoota Ameerikaaf tumsan "deebii hamaatu" isaan eeggata jette

    Haleellaa Ameerikaan irra deebiin Iraan irratti bante hordofee Iraan Kibxata galgala haleellaa erga raawwatteen booda ajajaan waraanaa Iraan biyyoota naannicha amichuu Ameerikaa ta'an akeekkachiise.

    Ajajaan waraana Iraan Ameerikaa waliin taasiftu hogganu, Kataam Al Anbiiyaa, erga Ameerikaan kibba Iraan keessatti haleellaa gaggeessiteen booda biyyoonni qaxanaa sanaa Ameerikaaf tumsan "deebii hamaatu isaan eeggata" jechuun akeekkachiise.

    Ajajaan Roobii har'aa ibsa kana baase, Eegdonnu Warraaqsaa Iraan fi humni waraanaa biyyattii haleellaa Ameerikaan raawwatteef deebii kennuu eeruun, dhaabbileen Ameerikaa fi buufataaleen waraanaa naannicha keessa jiranirra miidhaan gahuu eereera.

    Itti dabaluun, biyyoonni naannichaa humnoonni Ameerikaa keessa buufatan, "deebii hamaa humna waraanaa Ameerikaa haleellaa raawwachaa jiru waliin tumsuun qabu fudhachuu qabu," jedheera.

    Ameerikaan Kibxata halkan qarqara galaanaa kibba Iraan keessatti haleellaa qilleensarraa gaggeessuu jalqabdee sa'aatii tokkoon booda, Eegduun Warraaqsaa Iraan fi waraanni Iraan Yordaanos, Baahireen fi Iraaq magaalaa Eerbiil keessatti buufataaleen waraanaa argaman misaa'eliifi dirooniin haleeluu isaa beeksiseera.

    Dabalataan, humni waraana Kuweet sababa haleellaa Iraan irraa dhufuun sirni ittisaa qilleensaa biyyattii dammaqee akka eegu taasifamuun ibsameera.

    Haleellaa qilleensarraa Kibxata halkan ganda naannoo Siiriik keessatti argamu Kohistaas keessatti gaggeessiteen Ameerikaan, namoota cidharra turan keessaa yoo xiqqaate shan ajjeefamanii, 60 kan ta'an ammoo mada'auun isaanii ibsameera.

    Akka sabaa-himaaleen Iraan jedhanitti, namoota du'an keessaatti daa'imni tokko kan argamtu yoo ta'u, kanneen madaa'an garri caalan ammoo dubartootaa fi daa'imman ganda Daahistaas keessaa ta'anidha.

  6. Israa'el UKn qoqqobbii kan irra keessu yoo ta'e deebii haaloo ba'uu akka fudhattu akeekkachiifte

    Yunaayitid Kingidam (UK) qubsuma West Baank keessatti gaggeeffamu babal'isuu waliin walqabatee Israa'elirra qoqqobbii kan keessu taanaan biyyi isaa tarkaanfii haaloo ba'uu akka fudhattu ministirri dhimma alaa Israa'el Geediyoon Saaraa ibse.

    Ministirri dhimma alaa UK Eed Miiliibaand, biyyi isaa Israa'el ilaalchisee imaammanni poolisii hunda galeessa fooyyeeffame torbanoota itti aanan keessa akka ifoomsan paarlaamaatti dubbateera.

    Ministeerichi muudamichaan booda yeroo jalqabaatiif mana maree bakka bu'ootaatiif haasaa taasiseen, West Haam humnaan qabatametti kampaaniiwwan Israa'el "qubsumawwan haaraa maallaqaan deeggaran, ijaaran, akkasumas beeksisan" akkamitti akka dhaabsisuu danda'an mootummaan isaanii qorachaa jiraachuu dubbate.

    "Tarkaanfii kan fudhatan taanaan, dogogora guddaa hojjetu jedheen yaada," jedhe itti dabaluun.

    Israa'el naannawaa West Baank 'E1' jedhamee beekamu manneen qubsumaa 1,200 ta'u ijaarsisuudhaaf ji'a darbe kampaaniiwwaniif caalbaasii baasteetti.

    Caalbaasiin ijaarsa manneen haaraa kan ba'eef E1, bakka gama baha Yerusaalem keessatti argamu faayidaa tarsiimawaa ta'e qabudha.

    Tarkaanfiin kun garuu falmii ballaan sadarka aaddunyaarraa isa mudateera.

    Ijaarsi haaraan kun West Baankiin lamatti kan qooduufi Yerusaalemiin adda kan baasudha.

    Ministirri dhimma alaa UK Miiliibaand karoorri kun, "bu'uura seera idil-addunyaatiin gocha seeraan alaadha" erga jedhee booda, "wiirtuu West Baank keessa kan qaxxaamuruufi biyya Filisxeem hundeessuudhaaf balaa waan ta'eef kan sarara diimaa darbudha," jechuun qeeqeera.

  7. 'Iraan gara marii nagaatti akka dhuftu dirqisiisaa hin jiru'- Tiraamp

    Pirezidaantiin Ameerikaa Donald Tiraamp mootummaan isaa Iraan gara marii fi araaraatti akka deebitu dirqisiisaa jira jedhuun gabaasa bahe morme.

    Tiraamp Kibxata galgala toora miidiyaa hawaasaa 'Truth Social' irratti “akka ABC gabaasetti Iraan gara mariitti akka dhuftuuf dirqisiisuuf yaalaa hin jiru. Isaan waliigaltee gatii hin qabne mallatteessanis ykn mallatteessuu baatanis na hin yaaddessu,” jedhe.

    Tiraamp haala yeroo ammaa Ameerikaan qabdu akka isa gammachiisu ibse. Akka inni jedhutti Ameerikaan ulaa Hormuz '' guutumatti to'annoo ishee jala oolchutti' dhihaatte jirti.

    Inni itti dabaluudhaanis ''dinagdeen Iraan kufaa jira, adeemsa fudhachuun isaanii hin oolle tursiisaa jiru” jedhe.

    Tiraamp ergaa isaa xumura irratti, “Ummanni Iraan yoom ka’ee fincilaafi qabsoo jalqaba?” jechuun gaafate.

    Tiraamp, yoo Iraan tarkaanfii haaloo ba'uu fudhatte, Ameerikaan haleellaa caalaatti cimaa ni raawwatti jechuunis akeekkachiise.

    Gama biraatiin, Iraan haleellaa Ameerikaa kana keessatti namoonni nagaan sirna cidhaa irra turan shan ajjeefamuu himatte. Namoonni 60 ol ta’anis haleellaa kanaan madaa’uu miidiyaaleen Iraan gabaasaniiru.

  8. Haleellaa Ameerikaa cidha irratti namoota shan ajjeese booda Iraan haaloo baate

    Humnoonni Ameerikaa Kibxata darbe Iraan irratti haleellaa haaraa raawwachuu isaanii Ajajni Giddugaleessaa Ameerikaa (CENTCOM) beeksiseera.

    Akka Waraanni Ameerikaa kun jedhetti, ''haleellaa dhiheenya kana'' Gareen Eegdota Warraaqsa Islaamaa dooniiwwan daldalaa ulaa Hormuz irratti raawwaachuuf yaalii taasisan hordofee raawwatame.

    Dhaabbanni Addeessa Diimaa Iraan caccabaan misaa’ela Ameerikaa mana sirni cidhaa itti gaggeeffamaa ture Kibba Iraan Sirik keessatti erga kukkufee booda, daa’ima xiqqaa dabalatee namoonni shan du’uu fi 50 ol madaa’uu isaanii ibseera.

    Iraan haleellaa kanaaf deebii kennuuf buufatawwan waraanaa Ameerikaa Iraaq fi Jordaan irratti haleellaa raawwachuu ishee miidiyaaleen mootummaa gabaasaniiru.

    Haleellaan akkasii Kuweetii fi Baahireen keessattis gabaafameera.

    IRGC Kibxataatti haleellaa Sirik irratti raawwatameef haaloo ba’uuf buufata waraana galaanaa Ameerikaa Aqabaa, Joordaan keessatti argamutti misaa’ela balistikii walduraa duubaan dhukaasuun ishee dhaabbati oduu Iraan Tasnim gabaaseera. Waraanni Joordaan misaa'ela balistikii 13 akka qolate ibseera.

    Haleellaa Iraan kanaan lubbuun darbee fi miidhaa gahe irratti hanga yoonaa gabaasni mul'isu hin baane.