KALLATTIIN, Balaa lolaa Neeppaalitti mudatee torban lama booda namoonni lama bo'oo keessaa lubbuun baraaraman

Balaa lolaa Neeppaalitti mudateen turtii torban lamaan booda namoonni lama bo'uu humna ibsaa keessaa lubbuun bahuu hojjetoonni lubbuu baraaruu BBCtti himan.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Namni jalqabaa boolla keessaa yeroo baafamutti

    Balaa lolaa Neeppaalitti mudateen guyyootaan booda namoonni lama lubbuun baraaraman.

    Namoota kanneen hojjetoonni lubbuu baraaran yeroo baasan viidiyoo agarsiisu.

    Daawwadhaa!

    Ibsa waa'ee viidiyoo, Daawwadhaa: Namni jalqabaa boolla keessaa yeroo baafamutti
    Ibsa waa'ee viidiyoo, Daawwadhaa: Namni lamaffa ayeroo baafama ajirutti
  2. Balaa lolaa Neeppaalitti mudatee torban lama booda namoonni lama bo'oo keessaa lubbuun baraaraman

    Nama balaa lolaa Neeppaalitti mudatee guyyootaan booda lubbuun baraarame

    Madda suuraa, NEA

    Balaa lolaa Neeppaalitti mudateen turtii torban lamaan booda namoonni lama bo'uu humna ibsaa keessaa lubbuun bahuu hojjetoonni lubbuu baraaruu BBCtti himan.

    Hojjettoonni ittisa balaa wayita Sanjaayaa Shaah fi Kabiir Mahaarjaan yeroo bo'oo keessaa baasan gammachuu ibsachaa mul'atan.

    Taateen diraamaa fakkaatu kun hedduun kan hin eegiin ture.

    Jimaata ganama kana sagalee namootaa ulaa lafa jalaa (bo'oo) humna ibsaa balaa lolaan jige kana keessaa sagaleen namaa dhaga'amuu hordofee yoo xiqqaate namoota 42 ta'anitu baraaramuuf deema jedhamee eegama ajira.

    Injiinaroonni ammoo akka lubbuun turan gargaaruuf jecha qilleensa lafa jalatti ergaafiifi jiru (buufaafiif jiru).

    Ulaa lafa jalaa (bo'oo) humna ibsaa laga bishanaii qabatee gola baayyee qabu kana bakka gara garaa keessa namoonni 150 ol ta'an qabamanii jiru jedhamee sodaatama ajira.

    Balaa lolaa Neeppaal kanaan yoo xiqqaate namoonni 1,200 du'aniiru.