Iraan Joordanitti xiyyaarota waraanaa Ameerikaa heddu haleelte
Haleellaan Iraan halkan gaafa Kiphxataa fi Roobii ganama Joordaan irratti raawwattee xiyyaarota waraanaa Ameerikaa heddu irratti miidhaa geessiseera.
Miidiyaa Ameerikaa michuu BBC kan ta’e CBS News akka gabaasetti, haleellaa kanaan xiyyaaronni waraana Ameerikaa hedduun miidhamuu isaanii namoonni dhimmicha kallattiin beekan himuu gabaaseera.
Akka maddoonni himanitti, xiyyaarota waraanaa F-15 jedhamuun beekaman keessaa gara saddeetirra miidhaa salphaan gaheera. Xiyyaaroonni kun erga suphamanii booda gara tajaajilatti deebifamuu danda'an gabaafameera.
Akkasumas, misaa’elli tokko Xiyyaara waraanaa Ameerikaa 'Warthog A-10 Thunderbolt' jedhamee beekamu, rukutee baallee isaa keessaa tokko guutumaan guutuutti barbadeesseera.
Maddoonni odeeffannoo iccitii CBS News waliin dubbatan akka jedhanitti, haleellaa kanaan loltoonni Ameerikaa ajjeefamuun hin gabaafamne.
Humnoonni Ameerikaa Joordaan keessa jiran misaa’ela Paatriyaat 30 ol kan haleellaa Iraan Joordaan irratti raawwate irraa ittisuuf furguggisanillee haleellaa kana qolachuu hin dandeenye.
CBS News kana dura akka gabaasetti, qondaaltonni Ameerikaa gosoota meeshaa waraanaa sirrii misaa'ela Iraan qolachuu danda'an kuusaa keessaa hir'achaa dhufuun isaan yaaddessaa jira.
Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp filannoo walakkeessa biyyi isaa Sadaasa dhufu gaggeessitu dursee waraanni Iraan xumura ni argata jedhee akka hin yaadne ibsuun, Iraan filannoo kana irratti dhiibbaa uumuuf abdii kutattee jirti jedhan.