Buruunoo Fernaandeez taphataa cimaa Piriimeerliigii bara kanaa jedhamuun filame

Madda suuraa, Getty Images
Taphataan Manchestar Yunaayitid Buruunuu Fernaandeez taphataa cimaa Piriimeerliigii bara kanaa jedhame.
Taphataan sarara gidduu lammii Poorchugaal kun ji'uma kana Waldaa Barreessitoota Kubbaa Miilaa dhiirotaan taphataa cimaa bara kanaa jedhamee filamuunsaa ni yaadatama.
Buruunoo kubbaa galchii 20 mijeessee kennuunis bara kana Piriimeerliigii keessaa dorgomaa hin qabu.
Taphoota 37 irratti hirmaatee galchiiwwan 8 lakkoofsisuun Manchestar Yunaayitid sadarkaa 3ffaan akka xumuru gargaaruu keessatti gahee guddaa bahateera.
Bara kana Piriimeerliigii keessaa carraa uumuunis kan isatti gitu hin jiru- carraawwan 132 uumuun isatti aanee kan jiru taphataa Liivarpuul carraa Doomniik Soboslaayi carraa 43 uumun caalera.
Erga bara 2011 taphataan sarara Viidich taphataa cimaa Piriimeerliigii jedhamuun filamee as Fernaandees taphataa cimaa Piriimeerliigii isa jalqabaati.





