Iraan 'Ameerkaan yakka waraanaa raawwatte' jechuun UN'tti himatte

Madda suuraa, Getty Images
Iraan "Bu'uuraalee sivilii haleeluun yakka waraanaati'' jechuun Ameerikaa Mana maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanitti himata dhiyeessite.
UN'tti ergamaan Iraan Amir Saheed Iravani, haleellaan Ameerikaan bu'uuraalee misoomaa sivilii Iraan irratti raawwatte seera idil-addunyaa cabsuu fi "yakka waraanaa" ta'uu Ameerikaa himatan.
Iravani xalayaa Mana Maree Nageenyaa UN'f erganiin haleellaan yeroo ammaa kun riqichoota, daandilee, fi bu'uuraalee geejjibaa, keessumaa daandii fi riqicha baaburaa irratti xiyyeeffachuun raawwatamuu isaa balaaleffatan.
Itti dabaluunis Manni Mareen Nageenyaa tarkaanfii cimaa yoo hin fudhanne, Iraan mirga of ittisuu akka qabdu akeekkachiisan
"Rippabiliikni Islaama Iraan, akka seera idil-addunyaatti mirga ofii qabu irratti hundaa'uun, birmadummaa, guutummaa daangaa biyyattii, uummata ishee fi fedhii bu'uuraa ishee eegsisuuf tarkaanfii barbaachisaa hunda fudhachuu ni dandeessi," jedhan.
Ibsi kun yeroo wal waraansi Ameerikaa fi Iraan torban lammaffaaf itti fufee jiru keessatti dhufe. Ameerikaan halkan 7 walitti aansuun buufataalee waraanaa Iraan irratti haleellaa raawwachaa jirachuu ibsite.
Iraan gama isheetiin, haleellaa Ameerikaa kanaaf deebii kennuun buufata waraanaa Ameerikaa fi michoota ishee Bahireen, Kuweet fi Joordaan keessatti argaman irratti miisaa'elaa fi dooniiwwan qilleensaa fayyadamuun haleellaa raawwachuu beeksifte.
Mootummaan Ameerikaa garuu himata Iraan kana haaluun, humnoonni isaa kanneen kaayyoo waraanaa qofa irratti xiyyeffachuu ibsite.
Barreessaa olaanaan Dhaabbata Biyyota Gamtoomanii Antooniyoo Guuterees wal waraansi kun daran hammaachuu fi haleellaan bu'uuraalee sivilii Iraan fi naannichaa irratti raawwatamu yaaddoo guddaa ta'uu ibsan.


















