Tiraamp, US fi Iraan bor Kaataar Dohaatti marii itti fufu jedhe

Madda suuraa, Getty Images
Tiraamp,aangawoonni US fi Iraan Kibxata borii Kaataar Dohaatti marii itti fufu jedhe. Biyyoonni lamaan erga waliigalanii booddee tibbana wal haleelaa turan.
Waliigaltee dhukaasa dhaabuu cabsuun tokko isa kaan himataa turaniiru.
CBS akka gabaasetti Tiraamp beellamni marii nagaa miilanaa gaaffii Iraan dhiyeessan hordofeeti karoorfame jedhe. Tiraamp, bal'ina isaa hin himne.
Iraan waliigaltee nagaa diiguuf dhaadattee turte. Sanbattan darbe gareen lamaan wal haleeluun waliigaltee nagaa balaarra buuseera.
Guyyaa har'aa garuu walitti bu’iinsa guyyoota muraasa darban keessa itti deebiyan “dhaabuuf” waliigaluun isaanii CBS gabaasee ture.
Aanga’oota Waashingitan eeruun miidiyaaleen Ameerikaa akka gabaasanitti biyyoonni lamaan walitti dhukaasuu dhaabuuf waliigalaniiru.
Ulaa Hormuuz fi naannawaa isaatti biyyoonni lamaan walitti dhukaasaa turaniiru.
Aanga’aan michuu BBC kan Ta’e CBS dubbise akka jedhetti, yeroo ammaa kana dooniiwwan karaa Ulaa Hormuuz “bilisaan” darbuu danda’u.
Pirezdantiin Iraan Wixata har'aa qabeenyi Kaataar keessatti jalaa qabame dolaarri biliyoona jaha biyyattiif gadhiifamuufiif jira jechuu isaanii miidiyaan Iraan gabaase.
Qabeenya maallaqaa jalaa uggurame kana gad lakkisiisuun qaama waliigaltee wal hubannoo US fi Iraani.
Aangawoonni Iraan fi Omaan yeroo jalqabaa akkaataa Ulaa Hormuuz bulchuun danda'amurratti mari'atan. Aangawoonni biyyoota lamaanii akkaataa ulaa kana walaba gochuu fi banuun danda'amurratti ergaa wal makaa dabarsaa turan.












