KALLATTIIN, Iraan “Tarkaanfiin haaloo bahuu kan maluu fi kan hin oolle ta'uu" akeekkachiifte

Eegdonni Warraaqsaa Islaamummaa Iraan, sarbama dhukaasa dhaabuu Ameerikaan raawwattu kamiifuu "tarkaanfiin haaloo bahuu kan maluu fi kan hin oolle ta'uu" beeksifte

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Iraan keessatti ji'oota booda interneetiin deebi'e

    -

    Madda suuraa, Anadolu via Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Iraan keessatti ji'oota booda interneetiin deebi'e

    Uggura ji'oota sadi booda Iraanitti interneetiin deebi'uu pireezdantii itti aanaan biyyattii beeksisan.

    "Tarkaanfiin jalqabaa tajaajila saayibarii walabaa fi to'atamaa ta'e bakkatti deebisuu fudhatameera," jedhan Mohammad Reezaa Aref Kibxata fuula X isaaniirratti ergaa qoodaniin.

    Jaarmiyaaleen Intarneetii hordofan Netblocks fi Kentik biyyattiitti intarneetiin ganama 01:00 akka lakkoofsa GMT'tti walakkaadhaan deebi'uu hime. Garuu immoo saffisa intarneetii ammallee gad aanaa dha jedhe.

    Mootummaan Iraan interneetii kan adda kute waraaana Ameerikaa fi Israa'el Guraandhala 28 Iraanirratti banan hordofeeti.

    Aangawoonni sababa isaa yoo ibsan, basaasamuu hanqisuu, hordofamuu fi haleellaa saayibarii hambisuufi jedhan. Akka addunyaattuu uggurri interneetii yeroo dheeraa isa Iraan uggurte kana.

    Iraan irraa namni qabiyyee miidiyaa hawaasummaa dalagu Kibxata tajaajila interneetii WiFi argachuu hime.,

    "Wanni guddaan, galiiwwan koo amma naa galu," jedhe.

    Netblocks, tajaajilli interneetii baname kun itti fufuu isaa irratti wanti mirkanaaye hin jiru jedhe.

    "Iraan keessatti muuxannoo tana duraatiin interneetii uggurame bakkatti deebisuun sa'aatiiwwan dheeraa akka fudhatu" hime Netblocks. Kutaalee tokko tokko qaqqabuufis "torbaanota" akka fudhatu eere..

  2. Israa'el ganda baadiyyaa Libaanos keessatti nama 11 ajjeefte

    Caccabaa manaa konkolaataan ijaarsaa bira dhabbatu
    Ibsa waa'ee suuraa, Israa'el mandara baadiyyaa Libaanos keessatti nama 11 ajjeefte

    Waraanni Israa'el haleellaa irra deddeebii qiyyaafannoo Hezboolaati jedhuun kibbaa fi baha Libaanositti raawwate.

    Waraanni Israa'el haleellaan galgala buufataalee Hezboolaa 1000 fi hidhattoota isaaniirratti raawwate isa hamaa dha jedhame.

    Jaarsummaa Ameerikaatiin Libaanosii fi Israa'el walakkeessa Ebla darbee waliigaltee dhukaasa dhaabuu raawwachuun isaanii ni yaadatama.

    Haleellaa sulula Bekaa ganda Mashghara keessatti raawwatameen namoonni 11 ajjeefaman jedhe ministeerri fayyaa Libaanos. Waraanichi buufatni rukutame maandhee "sochii shororkeessitootaa" ti jedhe.

    Tarkaanfiin kun Ministirri Muummee Beenjaamin Neetaniyaahuu "haleellaa hamaan Hezboolaarraatti qiyyaafate akka fudhatamu" ajajuu hordofee tarkaanfii fudhatame.

    Waliigalteen dhukaasa dhaabuu gam-lachiinuu sarbamaa tureera. Keessumaa kibba Libaanos keessatti haleellaan fudhatamaa ture. Kun immoo marii Iraanii fi US jidduu akka hin danqine sodaa uumeera.

    Humni qilleensaa fi meeshaaleen waraanaa jajjaboon Israa'el Kibba Libaanos yoo haleelu, Hezboolaan immoo rokkeettotaa fi diroonota iddoo jireenyaa hawaasa Israa'elii fi qubsuma loltoota Israa'el kibba Libaanos irratti haleellaa raawwachaa ture.

  3. Iraan haleellaan haaraa US raawwattee waliigaltee dhukaasa dhaabuu cabsa jette

    Kibba Iraan

    Madda suuraa, Reuters

    Ameerikaan ofirraa ittisuu sababa jedhuun haleellaa haaraa Kibba Iraanitti erga raawwatteen booda Teehraan Waashingitan waliigaltee dhukaasa dhaabuu cabsite jechuun komatte.

    Ministirri Haajaa Alaa Ameerikaa Maarkoo Ruubiyoo gama isaaniin waraana biyyoota lameen gidduu adeemu dhaabuuf mariin taasifamu "guyyoota muraasa fudhachuu mala," jedhan.

    Ministarri Haajaa Alaa Iraan Ameerikaan kibba Iraan naannoo Hormuuzigaan jedhamutti haleellaa raawwchuu beeksisuun sarbaa "waliigaltee dhukaasa dhaabuu," ifa tahe dha jedhan.

    Biyyootni lamaan hamma kaleessaatti waligaltee wal hubannoo irratti mariin taasifamu faara qabaachuu himaa turan.

    Ameerikaafi Iraan mariin taasisan waliigalteen yoo goolabame waraana baatii sadiif adeemaa ture dhaaba, Ulaa Hormuz bansiisa akkaumas dhukaasa dhaabuun guyyoota 60tti dheerata jedhamee ture.

    Waraanni Ameerikaa kuusaa misaayelaa fi bidruuwwan fanjii dhukaasan kan kibba Iraanitti argaman irratti qiyyaafachuun haleellaa marsaa haaraa banuu beeksisaniiru.

    Waraanni US ''ofirraa ittisuuf'' akka raawwate beeksiseera. Kaayyoonsaas loltoota ''humna Iraaniin balaa dura dhaabbatee jiru tiksuufi,'' jedheera.

  4. 'Galoon Galaanaa kana booda buufata waraanaa US hin ta'u'- Hogganaa Olaanaa Iraan

    -

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, 'Galoon galaanaa kana booda buufata waraanaa US hin ta'u'

    Hogganaan Olaanaan Iraan Mojtaabaa Kaamenii, Israa'eliin"balaafamtuu" jedhanii, kanaa booda naannoon Galoogalaana Faarsi buufata waraanaa Ameerikaa akka hin taane beeeksisan.

    Hogganaan Olaanaan kun ergaa barreeffamaan dabarsanii fi televijiinii mootummaatiin dhiyaate kanaan Israa'eliin "naannichatti dhibee balaafamtuu fi humna ajjeechaa" jechuun "baduu qabdi" jedhuu isaanii maddi oduu Iraan Tasniim gabaaseera.

    Mojtaabaan erga ajjeefamuu abbaa isaanii hordofee aangoo hoggansa olaanaa dhaalanii booda hanga ammaatti ifatti uummatatti kan hin mul'anne yoo ta'u, ergaa isaanii barreeffamaan dabarsaa turaniiru.

    Ergaa isaanii ammaa kanaan waraana Iraan irratti banamee booda wantoonni jijjiiramaa akka jiran kaasuun, buufanni waraana Ameerikaa biyyoota Galoo Galaanaa keessatti bakka akka hin qabaanne ibsaniiru.

    Hogganaan Olaanaan kun, "akkuma yeroo gara duubatti deebisuun hin danda'amne, biyyoonni fi lafti naannichaa kanaan booda dawoo buufata waraana Ameerikaa hin ta'an" jechuun gaheen Ameerikaa naannicha keessatti akka hin jiraanne akeekaniiru.

    Dabalataanis, "naannichatti buufatni waraanaa gocha hammeenyaatiif tajaajilan , akkasumas buufataaleen waraanaa dabalataa hin hundeeffaman" jedhan. "Ameerikaan guyyaa gara guyyaatti sadarkaa kanaan dura irra turte irraa gadi bu'aa jirtis" jedhaniiru.

    Hogganaan Olaanaan kun waraana baatiiwwan darban keessa gaggeeffameen Ameerikaa fi Israa'el irra miidhaan guddaan akka gahe eeruun, "tarkaanfii hamaan Iraan irratti fudhatteen Israa'el dandeettii dhabuu" fi Ameerikaanis "kaballaa hamaa akka dhandhamte" ibsaniiru.

  5. 'Gaaga'ama hambisuuf weerara Iboolaaf deebii jabaan kennamuu qaba'- Aangawaa DRC

    -

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, 'Gaaga'ama hambisuuf weerara Iboolaaf deebii jabaan kennamuu qaba'

    Rippaablika Dimookirataawaa Kongootti bulchaan kutaa Ituurii, bulchiinsa wiirtuu weerara Iboolaa taatee, weerara vaayirasichaa waraana wal fakkeessanii ofii immoo weerara dhibichaa to'achuuf hidhannoo gahaa akka hin qabne himan.

    "Namoonni naannolee dhibee kanaan qabaman keessa jiran nyaata gahaa argachaa hin jiran," jedhan Joonii Luboyaa Nikaashamaa miidiyaa Faransaay RFItti yoo himan,

    Dabalataanis "dhibeewwan biroo fi rukkinni uummataa" rakkoolee biroo ta'uu isaanii ibsaniiru. Bulchaan kun haalli kun gara balaa hammaataatti akka hin seenne" ittisuuf, dandeettii hojjettootaa cimsuu dabalatee, "deebii ariifachiisaan" akka kennamu gaafataniiru.

    Tamsa'amni dhibee kanaa Caamsaa 15 erga labsamee as, dhibee Ibolaatiin namoonni qabamuun isaanii shakkaman 900 ol ta'uu fi kanneen du'an immoo 223 ta'uu aangawoonni dubbatan.

    Dhaabbatni Fayyaa Addunyaa dhibeen kun hanga jalqaba irratti yaadame caalaa saffisaan tamsa'aa jiraachuu akka danda'uu fi yaaddoo fayyaa hawaasaa idil-addunyaa ta'uu ibsan.

    Wiixata har'aa, Daayirektarri Olaanaan WHO Teedros Adhaanom, gara Rippabilika Dimookraatawa Koongootti imaluuf jiru, tamsa'amni dhibee Iboolaa carraaqqii ittisuuf godhamu caalaa saffisaa akka jiru dubbataniiru.

    Dabalataanis hojjettoonni saffisa tatamsa'ina isaarraa "booddeetti hafanii dhaqqabaa" akka jiran ibsan.

    Dhibeen Ibolaa kun kutaalee bulchiinsaa DRC kanneen akka Kiivuu Kaabaa fi Kiivuu Kibbaa keessattis kan gabaafame yoo ta'u, akkasumas biyya ollaa kan taate Yugaandaa keessattis namoonni torba dhibee kanaan qabamuun isaanii mirkanaa'eera.

    Kutaalee bulchiinsaa kunneen maal akka barbaadan bal’inaan yoo ibsan, Kaashamaan "hojjettootni dandeettii qaban" saffisaan ramadamuu akka qabanii fi "buufataalee yaalaa amansiisaa ykn nagummaan isaanii eegame" hundeeffamuu akka qabu gaafatan.

    Firoottan reeffa maatii isaanii kanneen dhibee Ibolaatiin du’an jedhamanii gabaafaman fudhachuuf yaalaa turan buufataalee yaalaa lama irratti haleellaa raawwataniiru.

    "Qabeenyi ykn meeshaan keenya inni jiru waraana duriif kan ramadame ture, waraanni lammaffaan amma nutti dhufe kun immoo qabeenya dabalataa hedduu gaafata," jedhan.

  6. Riyaal Maadiriid garee biyyaalessaa Ispeeniif taphataa tokkollee osoo hin gumaachin hafe

    Laamiin Yamaal

    Madda suuraa, Getty

    Waancaa Addunyaa ganna kana gaggeeffamuuf kilabni Riyaal Maadriid taphataa tokkollee osoo hin gumaachin hafe.

    Faallaa kanaa Baarseloonaa irraa Laamiin Yaamaal dabalatee taphatoonni saddeet garee biyyaalessaaf filamaniiru.

    Taphattoonni ittisaa Riyaal Maadriid Diin Huijseen fi Daanii Carvajal garee biyyaalessaa Ispeen keessatti osoo hin dabalamin hafaniiru.

    Riyaal Maadiriid keessaa taphattoonni garee biyyaalessaaf osoo hin filamin hafuunsaa kun kan jalqabaati jedhame.

    "Ani kilaba sana ykn kana miti kanan ilaalu. Ilaalcha mandaraa tarii deeggartoonni qaban hin qabu ani," jechuun kilabarrati xiyyeeffatee xaphattoota akka hin filanne ibse leenjnisaan garee biyyaalessaa Ispeen Luwiis de la Foontee.

    Riyaal Maadriid bara kana waancaa homaa hin arganne. Dorgommii waancaa Laa Liigatiin qabxii saddeetin caalamee Baarseloonatti aanun lammaffaa xumure.

    Dorgommii Waancaa Addunyaa Waxabajjii 11 hanga Adoolessa 19tti gaggeeffamu kanarratti Ispeen kilaboota Piriimeerliigii Ingiliz keessa taphatan torba yoo waamtu, Baarseloonaa irraa ammoo taphattota saddeet filatteetti.

    Taphattoonni akka Deeviid Raayaa, Maartiin Zubimeendii, Peedroo Pooroo, Laamiin Yaamaal Roodrii, Maark Kukureellaa, Yereemii Piinoo kilaboota Ingilizii irraa filamaniiru.

  7. Iraanitti guyyoota 90 intarneetiin deebi'ee akka banamu Pirezidaantiin biyyattii ajajan

    Masuud Pezeeshkiyaan

    Madda suuraa, Reuters

    Pirezidaantiin Iraan Masuud Pezeeshkiyaan erga waraanni Iraan eegalee intarneetiin biyyattiitti guutummaan deebi'ee akka banamu ajaja dabarsuu isaanii Rooyitars gabaase.

    US fi Israa'el wal-ta'uun guyyaa Iraanirratti waraana labsanii kaasee Iraan guutummaatti intarneetii cufte.

    Erga waraanichi eegalee guyyoota 90 boodadha Pirezidaant Masuud Pezeeshkiyaan intarneetiin deebi'ee akka banamuuf ajaja kan dabarsan.

    Lammiileen Iraan akkamiifi yoom intarneetiin akka banamuuf ifaa miti.

    Dhaabbanni addunyaarratti intarneetiin banamuufi cufamuu hordofu NetBlocks akka gabaasetti, lammiileen Iraan hedduun intarneetiin erga jalaa citee guyyoota 87 ta'eera.

    Akka gabaasa kanaatti lammiilee Iraan muraasa qofatu intarneetii gatii qaaliin argachuun danda'amu kan akka VPN fa'aa fayyadama.

  8. Godaantonni Itoophiyaa 200 Jibuutiidhaa deebifaman

    Godaantota Itoophiyaa
    Ibsa waa'ee suuraa, Godaantota Itoophiyaa Kaaba Jibuutii magaalaa Obook keessatti

    Godaantonni Itoophiyaa 200 ta'an Jibuutiidhaa gara Itoophiyaa akka deebifaman taasifamuu Embasiin Itoophiyaa Jibuutiitti argamu beeksise.

    Embaasichi akka himetti, Dhaabbata Godaantota Idil-addunyaa (IOM) waliin ta'uuni baaburaan gara Itoophiyaa kan deebise.

    Godaantota al-idilee jedhee ibse kana biyyatti deebisuu akka itti fufullee beeksiseera.

    Lammiileen Itoophiyaa jireenya wayyoo qabu barbaacha gara biyyoota giddugala bahaa deemuu barbaadan Jibuutii keessa qaxxaamuru.

    Haa ta'u malee, beela, dheebuufi dhibee garagaraaf akkasumas dallaalota waliin dhahan harkatti lubbuun isaaniillee darba.

  9. Lammiileen biyya alaafi dippilomaatonni magaalaa guddoo Yukireen gadhiisanii akka bahan Raashiyaan akeekkachiiste

    Gamoo haleellaa Raahsiyaan manca'e

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Haleellaa Raashiyaan Sambata darbe gaggeessiteen magaalaa Kiiv keessatti gamoowwan heddu manca'aniiru

    Raashiyaan haleellaa guddaa karoorsen jira jechuun lammiileen biyya alaa magaalaa guddoo Yukireen, Kiiv gadhiisanii akka bahan akeekkachiiste.

    Mooskoon kana kan beeksiste haleellaa guddaa magaalattii irratti erga gaggeessitee booda yoo ta'u, haleellicha itti fufuuf karoora qabaachuu ibsite.

    Ministeerri dhimma alaa Raashiyaa akka beeksisetti, haleellaan haaraan karoorfame wiirtuuwwan omisha diroonii, ajaja waraanaa irratti kan xiyyeeffatu ta'uu ibsuun, namoonni naannoo waajjiraalee bulciinsa mootummaafi waajjiraalee waraanaa akkasumas wiirtuwwan waraanan wal-qabatan irraa akka fagaatan akeekkachiise.

    Lammiileen biyya alaafi dippilomaatonni "hatattamaan" magaalaa Kiiv gadhiisanii akka bahaniifi lammiileen Yukireen ammoo gamoowwan bulchiinsafi kan waraanaa irraa akka fagaatan beeksiste.

    Yukireen ammoo sodaachisi Raashiyaa mancaatii gaggeessun "sodaa uumuu" irra kan darbe waan addaa hin qabu jechuun michoonnishee Mooskoo irratti akka dhiibbaa godhaniif waamicha dhiyeessote.

    Yukireen daangaa Raashiyaan to'atte keessatti haleellaa cimaa gaggeessuun namoonni heddu du'uu hordofee Raashiyaan haaloo bahuuf akkuma dhaadatte, Sambata darbe haleellaa guddaa maaglota Yukireen irraatti gaggeessuun mancaatii guddaa qaqqabsiistetti.

    Haleellaa kanaan misaa'ela ammayyaa dhiyeenya ifa gootefi saffisa sagalee dachaa hedduun imalu Oreshinik jedhamus akka fayydamtetu himama.

  10. Xiyyaarota waraanaa US yeroo waraanaa Iraan barbadeessite ilaalchisee gabaasni haaraan bahe

    Loltoota xiyyaara gubate bira dhaabbachaa jiran

    Madda suuraa, Getty Images

    Gabaasni haaraa Kongiresiin US baase waraana Iraan irratti waraanni US hangam akka miidhame mul'ise. Gabaasni kun waliigalatti xiyyaaronni US 42 yeroo waraana kanaa Iraaniin haleelamanii barbadaa'uus agarsiiseera.

    Gabaasni kun Tajaajila Qo'annoo Kongireeshinaalii US [US Congressional Research Service] kan qophaa'e yoo ta'u, odeeffannoo Ministeera Ittisaa US, Ajaja Giddugaleessaarraa, akkasumas miidyaaleerraa argamanirratti hundaa'uunidha.

    Gabaasni kun marsariitii Kongiresii US irratti maxxanfameera.

    Qajeelchi qo'annoo rakkoo kutaa karoora waraanaa mudatee ture ilaalchisee odeeffannoo kenneeraaf.

    Gabaasni kun meeshaaleen manca'an jeettiiwwan waraanaa, dirooniiwwan, helekooptara hidhannoo qaban, akkasumas xiyyaara oppereeshinii addaaf bobba'an hammata.

    Gabaasni kun aanga'aa Ministeera Ittisaa US, Juules W. Harsit jedhamu waabeffachuun Ameerikaan baasii xiyyaarota miidhaman suphuufi bakka buusuu dabalatee waraana kanarratti dolaara biliyoona 29 ol baasuu ishee agarsiiseera.

  11. Waraanni US haleellaa Iraanirratti gaggeesse

    Xayyaara waraanaa US

    Madda suuraa, Getty Images

    US kibba Iraanitti haleellaa haaraa gaggeessuu beeksifte. Haleellaa kanaanis buufataalee misaa'elaa, fi bidiruuwwan waraanaa fanjii kaa'uuf yaalaa turan irratti xiyyeeffachuus ibsite.

    Ajaji Giddugaleessaa US ibsa baaseen "haleellaa of ittisuu" jechuun yaaddoo humnoonni Iraan waraana US irratti uume maqsuuf haleellaa fudhatame ta'uus beeksise.

    Dubbii himaan Ajaja Giddugalaa US Kaapteen Tiim Haawkiins waraanni US "yeroo waliigaltee dhukaasa dhaabuu kanatti loltoota keenya ittisuuf jecha tarkaanfii of-ittisuu ni fudhata" jedhan.

    Iraan haleellaa US kana ilaalchisee homaa hin jenne. Dubbi himaan ministeera dhimma alaa Iraan Ismaa'el Baqayi haleellaa kana dura ibsa kennaniin, marii US fi Iraan gidduutti gaggeeffamuun jijjiiramni hammi tokko jiraatus garuu waliigalteerra gahuun "waan battalatti ta'u miti" jedhan.

    Haleellaa haaraan US Iraanirratti gaggeessite kun marii gaggeeffamaa jiru irratti dhiibbaan inni fidu ifa miti.

    Haleellaa kana booda ministiirri dhimma alaa US Maarkoo Ruubiyoo Iraan waliin waliigalteerra gahuun akka danda'amu ibsuun, ammayyuu biyyoota lamaan gidduu ergaa wal-jijjiiruun akkuma itti fufetti akka jiru ibsan.

  12. Feraariin konkolaataa elektirikii jalqabaa isaa ifa godhe

    Konkolaataa elektirikii Feraarii

    Madda suuraa, Ferrari

    Warshaan konkolaataa qaalii oomishuun kan beekamu Feraariin yeroo jalqabaaf konkolaataa elektirikii hojjete ifa godhe.

    Dhaabbati xaaliyaanii konkolaataa ispoortii oomishuun beekamu kuni gatii konkolaataa kanaa $640,000 jedheera.

    Maqaan ishee 'Luce' jedhamti. Hiikni isaas Afaan Xaaliyaaniin 'ifa' jechuudha.

    Dizaayiniin ishees kan Feraariin itti beekamurraa adda - teessuma shan qabdi.

    Namoonni miidiyaa hawaasummaa irratti yaada isaanii kennan jajanii, kaan busheessanii waa'ee konkolotaattii barreessan.

    Konkolaataa kana oomishuuf waggaa shan itti fudhatuu dhaabbatichi ibseera.

  13. Ashamaa!

    Tamsaasa kallattii keenya har'aa eegalleera!

    US haleellaa haaraa Iraanirratti gaggeessuu ibsite. Iraan haleellaa kanaaf deebii kennuu maltii?

    Odeessawwan biyya keessafi idiladdunyaa isin biraan geenya. Karaa marsariitii, facebook, YouTube fi WhatsApp BBC Afaan Oromoo nu hordofaa.

    Dhiyaadhaa!