Itoophiyaan biyyoota 10 Iboolaaf saaxilamoo tahn keessa jirti, Miniisteerri Fayyaa of eeggaannoo gochaa jira

Madda suuraa, Getty Images
Dimookitaatawaa Riippaabliika Koongootti weerarri dhibee Iboolaa akka haaraatti erga dhalatee namoonni 900 tahan dhukkubichaan qabamuun shakkamniiru jedha Dhaabbati Fayyaa Addunyaa.
Kanneen keessaa namoota 101 qabamuun mirkanaa'eera. Dhukkubni talaallis tahe qoricha hin qabne gara Yugaandaattiis tamsa'eera.
Wiirtuun To'annoofi Ittiisa Dhukkubaa Afrikaa CDC'n ammoo Itoophiyaa dabalatee biyyooti kudhan tamsa'ina dhukkuba kanaaf sadarkaa olaanaa taheen saaxilamoo dha jedhe.
Hogganaan Olaanaa dhaaabbatichaa Dr Jiin Kaaseyaa ministiroota fayyaa DRC, Yugaandaa fi Afrikaa Kibbaa waliin walgahii hatattamaa Caamsaa 24/ 2025 taasisaaniin Angoolaa, Burundii, Rippaabliika Gidduugala Afrikaa, DRC, Keeniyaa, Ruwaandaa, Sudaan Kibbaa, Taanzaaniyaa, Zaambiyaa fi Itoophiyaan of eeggannoo akka jabeessan gorsaniiru.
Haaluma kanaan Ministeera Fayyaa Itoophiyaa fi Institiyuutiin Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaa qindoominaan hojii of eeggannoo gochaa akka jiran beeksisaniiru.
Ministeerri Fayyaa Ibsa har'a baaseen dhibeen kun akka mudate erga dhagahmee as hordoffii gochaa akka jiru hime.
Keellaa bahumsaafi galma geejiba lafaa, buufata xiyyaaraa idila addunyaa hundarratti hojiin adda baasuufi hordoffiin taasifamaa jiraachuu ibse.
Kana malees dhaabbilee yaalaa qophii taasisuu akkasumas laaboraatoriifi dhiyeessi wal'aansaa irratti qophiin jabaatee jira jedhe.
Ministeerri Fayyaa biyyoota dhukkubni kuni keessatti mul'ate wajjin hariiroon daangaa kallatti akka hin jirreefi Itoophiyaattis namni dhibee kanaan hamma yoonaa shakkames tahe dhukkubsate akka hin jirre ibseera.















