US qiyyaafannoo Iraan 170 yoo rukuttu, Iraan immoo biyyoota sadii qiyyaafatte

US halkan lama keessatti Iraan keessatti qiyyaafannoowwan 170 rukutuu himte. Kuni haleellaa marsaa lammataa US Iraan keessatti sa'aatii 48 darbe raawwattedha.

Guduunfaa

  • Ulaa Hormuuz irratti dooniiwwan haleelamuu booda US fi Iraan wal haleelan
  • US bidiruwwan Iraan 60 dabalatee qiyyaafannoowwan 80 caalan haleeluu himte
  • Iraan ammoo wiirtuuwwan waraanaa US kanneen Bahreen fi Kuweet keessatti argaman haleeluun haaloo ba'uu himte
  • Biyyoonni lameen waliigaltee walhubannoo ji'a darbe irra ga'an booda marii eegalan sababa sirna awwaalchaa hoogganaa duraanii Iraan torbee tokkoof adda kutanii jiru
  • Haleellaan amma eegalame kun waliigaltee kana faallessa jechuun biyyoonni lameenuu himata dhiheessaa jiru
  • Odeessaalee keenya karaa Marsariitii, YouTube, WhatsApp, Facebook fi TikTok keenyaa argachuu dandeessu

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. 'Israa'el marsaa sadaffaaf Iraan haleeluuf qophii dha' - Ministeera Ittisaa Israa'el

    -

    Madda suuraa, EPA

    Ibsa waa'ee suuraa, Israa'el Kaatz

    Ministirri Ittisaa Israa'eel Israa'el Kaatz akka jedhanitti, loltootni biyyattii Iraan keessatti "duula jalqabuuf dammaqinaa fi qophiitti" jiru.

    "Duulli kun, wayita barbaachisaa ta'e "yeroo sadaffaaf" duuluu dabalachuu akka danda'u, haasaa sagantaa eebba paayileetotaa irratti taasisan irratti dubbachuu isaanii miidiyaaleen naannichaa gabaasaniiru.

    Israa'el jalqaba waraanni Iraan qabatee irraa eegalee lola kanatti kan hirmaatte yoo tahu, Guraandhala 28 keessa US waliin ta'uun miidhaa guddaa geessisan.

  2. Sirni gaggeessaa Ayaatolaa Kaamenii kadhannaa nama guddaa ganna 101tiin goolabama

    -

    Madda suuraa, Creative Commons

    Sirni gaggeessaa Hogganaa Olaaanaa Iraan duraanii Ayaatolaah Alii Khamenei, kadhannaa manguddoo umrii waggaa 101 Ayatolaah Huseen Nuurii Hamedaaniitiin akka xumuramu televizhiniin mootummaa Iraan gabaaseera.

    Hameedaanii, bara 1925 dhalate, qondaaltota amantii Iraan keessaa tokkoof fi nama mataa jabaatan keessayi.

    Namoonni kumaatamaan lakkaa'aman gaggeessaaawwaalcha Kaamenii eeggachuudhaaf daandiiwwan Maashad keessatti kan argaman yoo ta'u, kunis qaama jila gaggeessaa Ayaatolaa guyyoota jahaaf deemaa turee ti.

    Reeffi hogganaa olaanaa Ayaatolaa kutaalee Iraan adda addaa keessa, dabalataanis iddoowwan Amantii Shiyaa lamaan biyya ollaa Iraaq keessatti argaman keessatti akka raawwatamu godhamee jira.

    Namoonni baay'een awwaalcha Hogganaa Olaanaa duraanii Alii Kaamenii irratti hirmaachuuf magaalaa Kaaba-Baha Iraan taate Maashad keessatti walitti qabamaniiru.

    Magaalaan kun Tehraanitti aansuudhaan magaalaa biyyattii ishee guddittii lammeessoo yoo taatu, magaalaa hundarra qulqulleettii fi iddoo dhaloota Kaamenii ti.

    Magaalittiin iddoo waaqeffannaa Imaam Reezaa itti argamusi. Imaama Shiyaa saddeettaffaa fi qofaasaa kan Iraan keessatti awwaalame jedhamee amanamuudha.

    Hogganaan olaanaa duraanii kun bakkee awwaalcha isaa kan ta'e iddoo qulqulluu kana keessatti kan awwaalamu ta'a.

    Iddoon kun iddoo amantaa murteessaa ta'uun UNESCO fi musliimotaa fi lammiilee Iraan addunyaa guutuu biratti beekama.

    -

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, uummata gaggeessaaf magaalaa Mashaaditti bahe
  3. Waa'ee wal haleellaa US fi Iraan tibbanaa maal beekna?

    -

    Madda suuraa, Telegram

    Ibsa waa'ee suuraa, wal haleellaan US - Iraan hammaate

    Wayita muddamni Baha Giddugaleessaa keessatti ammas dabalaa jirutti, US fi Iraan walitti dhukaasaa haaloo ba'aa jiru.

    Walhaleellaan Kibxata miilanaa ture erga Waliigaltee wal hubannoo jedhamee beekamu Waxabajjii 17, 2026 mallatteeffamee as, isa hamaa jedhameera.

    Ameerikaa fi Iraan gidduutti godhame kan isa hammeenya guddaa qabu ture.

    Ministeerri Fayyaa Iraan haleellaa Kibxataa fi Roobiitiin namoonni 14 ajjeefamuu mirkaneesse.

    Haleellaan Roobii halkanis itti fufeera. haleellawwan dabalataas raawwatamaa jiru:

    Haleellaa US halkanoota walitti aananiif:

    • Waraanni US halkan lammeessootti qiyyaafannoowwan 90 rukutuu beeksise.
    • Suurotni mirkanaawwan bantii buufata xiyyaaraa fi riqicha daandii baaburaarratti mancaatiin gahuu agarsiisu.
    • Miidiyaan Iraan har'a waaree booda buufatni nukilarii haleelamuu gabaasan.

    Iraan buufataalee waraanaa US qiyyaafatte

    • Waraanni Iraan buufataalee waraanaa US kan Kaataar, Kuweetii fi Baahireen keessa jiran dirooniin haleeluu beeksise.
    • Baahireen ganama haleellaawwan qilleensaa Iraan qolachuu beeksifte. Kuweet immoo namni tokko caccabaa dirooniitii fi misaayelaan madaawuu beeksiste.
    • Eegdonni Warraaqsaa Iraan buufataalaa waraanaa US kan Jordaan keessaa misaayeloota 10'niin haleeluu miidiyaaleen Iraan gabaasan. Jordaan misaayelootaa Iraanirraa dhukaafaman saddeet qolachuu beeksise.
  4. Ministeerri dhimma alaa Iraan muddama hir'isuun akka barbaachisu hubachiise

    -

    Madda suuraa, EPA

    Ibsa waa'ee suuraa, Abbaas Araagchii

    Ministeerri dhimma alaa Iraan muddama hir'isuun akka barbaachisu hubachiise.

    Ministirri dhimma alaa Iraan Abbaas Araagchii wal haleellaa US fi Iraan tibbanaa hordofee gita isaanii Omaanii fi Turkii faana bilbilaan dubbachuu himan.

    Biyyoonni lamaanuu waamicha marii akka godhan ibsan Araagchiin.

    Abbaas Araagchii "dhimma naannichaa fi muddama hambisuurratti" barbaachisummaa waliin hojjechuun akka barbaachisu biyyoonnio kunneen hubachiisuu dubbatan.

    Abbaas Araagchii tarkaanfii dhiheenya kana Ameerikaan biyya isaanii irratti fudhatte "cimsanii balaaleffataniiru.

    "Araagchii ibsa kennaniin gochi kun waliigaltee ji'a darbe biyyoota lamaan gidduutti mallatteeffame, kan qabxiilee 14 of keessaa qabuu fi waliigaltee wal hubannoo (MoU) kan cabse ta'uu ibsan.

    Gabaasni akka agarsiisutti, Araagchii dhimma kana Ajajaa olaanaa waraanaa Fiild Maarsaal Paakistaan, Asim Muniir, kan araara keessatti tattaaffii gochaa turanitti himaniiru.

    Kunis, yoo weerarri dabalataa Ameerikaa irraa dhufe, Iraan of ittisuuf qophii ta'uu ishee mirkaneessaniiru.

    -

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, -
  5. Ameerikaan haleella itti fufnaan ''guutummaa baha giddu galeessaa barbadeessina''-Iraan

    -

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, -

    Gareen Eegdotni Warraaqsaa Iraan Ameerikaan halellaa amma eegalte itti fufnaan buufataaleen waraanaa Ameerikaa Baha Giddugaleessaa keessa jiran tokkollee hin hafan jechuun Ameerikaa akeekkachiise.

    Ameerikaan Baha Giddugaleessaa keessatti haleellaa dabalataa yoo raawwatte, buufataaleen waraanaa ishee naannicha keessatti argaman akka nagaa hin taane beektee itti deemuu qabdi jedhan.

    Kunis erga buufata waraanaa Ameerikaa Jordaan keessatti argamu irratti haleellaan raawwatame jedhamee gabaafameen booda ibsa kanname.

    Akka miidiyaaleen Iraan gabaasanitti, IRGC “Ameerikaan deebitee haleellaa yoo raawwatte, buufata waraanaa Ameerikaa naannicha keessa jiru keessaa tokko illee haleellaa hamaa keenya irraa hin hafu” jette.

    US fi Iraan haaloo ba’uu itti fufanii yeroo jiranitti, naannoo warshaa niwukilaraa guddicha Iraan Bushehr fi Bandar Abbaas keessatti dho’iinsi uumamuu isaa gabaafameera.

    Joordaan misaa'eloota Iraan irraa dhukaafaman saddeet to'achuu ishee ibsiteetti. Ministeerri Dhimma Alaa Iraan haleellaa Ameerikaan bu’uuraalee misoomaa siiviilii irratti raawwatte “yakka waraanaa” jechuun kan waamu yoo ta’u, Teehiraan ammoo bakka Ameerikaan Kuweet, Baahireen fi Kaataar irratti xiyyeeffachuun haaloo ba’uu ishee ibsiteetti.

    Dhaabbanni oduu Iraan Mehir akka gabaasetti Iraan haleellaa marsaa haaraa dhaabbilee Ameerikaa irratti xiyyeeffatte haleellaa jirti.

    Haleellaan kunis haleellaa Ameerikaan galgala naannoolee kibba Iraan irratti raawwatteef deebii kennuuf ta'uu ibsiteetti.

    Miidiyaaleen mootummaa Iraan waliin hidhata qaban akka gabaasanitti, iddoowwan Kuweet keessatti argaman misaa’ela Eegdota Warraaqsa Islaamaa Iraan dhukaafameen haleelamuun isaanii gabaafameera.

    Buufatni Ameerikaa Joordaan keessa jiru haleellaa misaa'elaan akka irratti xiyyeeffatamee ibseera.

    Akkasumas miidiyaaleen mootummaa Jordaan akka gabaasanitti waraanni biyyattii misaa'ela saddeet gara daangaa qilleensa Joordanitti dhukaase.

    Iraaq Baagidaad keessttis dhiyeenya dhohinsi gabaafameera.

  6. Bantiin buufata xiyyaaraa fi daandiin baaburaa Iraan haleellaan manca'an

    -

    Madda suuraa, Instagram

    Ibsa waa'ee suuraa, Bantii buufata xiyyaaraa Beheshtii

    Viidiyoowwan lama BBC'n mirkaneesse akka agarsiisanitti bantiin to'annoo balallii qilleensaa buufata xiyyaaaraa guddaa Iraan kan magaalaa kibba baha biyyattii Chabaahaaritti argamu haleellaa eda US irratti raawwatteen manca'eera.

    Viidiyoowwan lamaan kunneen tokko halkan edaa, kuun immoo ganama waraabame. Haleellaan bantii kana akka malee akka mancaase mul'isu. Baaxiin bantii Buufata Xiyyaaraa Beheshtii gariidhaanis manca'eera.

    Viidiyoo kana waliin barreeffamni sa'aatii haleelamee agarsiisa. barreeffama : Kun nuuf bantii qofa hin turre... qaama buufata xiyyaaraa Chabaahaari" jedha

    Mancaatii guddaan bantii to'annoo buufata xiyyaaraa Iraan irratti raawwatame kun haleellaa halkan edaa US gooteeni.

    Viidiyoowwanii fi suuraawwan biroo miidiyaa Iraaniin maxxanfaman mancaatii riqicha daandii baaburaa kaaba magaalaa Aqqaalaarra gahe agarsiisu.

    Viidiyoowwan lama galgala waraabaman mancaatii riqicha daandii baaburaa Agh Tekkeh Khan irra gahe mul'isu. Daandiin baaburaa kun kutaa bulchiinsaa Goleestaan kan galaana Kaaspiyaan irraa gara bahaatti 40km argama.

    Suurawwan miidiyaaleen Iraan ganama kana baasan riqicha kanarratti boolli fi golbi uumamuu agarsiisu. Daandiin miidhameera, caccabaan isaas ni mul'ata.

    Eegdonni Warraaqsaa Iraan haleellaa US misaayeloota kiruuziin haleellaa dhaqqabsiisuu ibse, garuu namni du'e hin jiru jedhe.

    -

    Madda suuraa, Tasnim

    Ibsa waa'ee suuraa, Riqicha manca'e
  7. Eegdotni Warraaqsaa Iraan Ulaa Hormuuz guutummatti cufuu ibsan

    Ulaa Hormuuz

    Madda suuraa, AP

    Ibsa waa'ee suuraa, Ulaa Hormuuz

    Waraannni Iraan kun yaaliin kamuu Ulaa Hormuuz seenuuf taasifamu yoo jiraate deebiin isaa balaa hamaa akka ta'u akeekkachiise.

    Torban lamaan darban keessa "nageenya ulaa kanaa eeguu" fi "dhawaata deebi'ee banamuu" akka jalqabe ibsi dhaabbata oduu Iraan Tasnim garee Eegdota Warraaqsaa waliin hidhata qabu irraa bahe ni mul'isa.

    Akka ibsi isaanii jedhuutti, yeroo ammaa geejjibni doonii Ulaa Hormuuz kana waraana dura ture wajjiin yoo ilaalamu naannoo %50 gaheera.

    Dooniin mootummaa Iraan irraa hayyama argatan qofa akka darbuu danda'an, lakkoofsi isaanii immoo dabalaa akka jiru ibsame.

    Garichi, “Humnoonni alaa ulaa kana irratti mirga hin qabanI” jedhe.

    Namni yookaan mootummaan biyyaa kamiyyuu hojii isaanii keessa yoo seene, “deebii cimaa fi jabaan” akka isaan eeggatu akeekkachiise.

    BBC'n odeeffannoo geejjiba doonii qorateen Kaleessa Adoolessa 8 doonii daldalaa fi doonii boba'aa 23 ta'an ulaa Hormuz keessa darbuu mirkaneeffateera..

  8. Iraan Ameerikaa Mana Maree Nageenyaa UN'tti himannaa bante

    -

    Madda suuraa, AP

    Ibsa waa'ee suuraa, -

    Iraan haleellaa waraanaa Ameerikaan raawwatte hordofuun Pirezidaantii Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyooota Gamtoomanii fi Barreessaa olaanaa dhaabbatichaaf xalayaa komii dhiyeessuu ibsiteetti.

    Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanitti bakka bu’aan Iraan Sa’iid Iraavaanii, Ameerikaan “haleellaa waraanaa gurguddaa abbaa biyyummaa fi daangaa Rippabiliika Islaamummaa Iraan irratti” deebiftee eegalteetti jedhan.

    Tarkaanfiin kun Chaartara Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii akkasumas dirqama seera idil addunyaa jalatti qabdu ifatti kan cabsu ta’uu himan.

    Iraavaaniin akkasumas haleellaan kun keewwata waliigaltee Islaamaabaad Iraanii fi Ameerikaa gidduutti mallattaa’e kan cabsu ta’uu ibsan.

    Waraanni Ameerikaa guyyoota lamaan darban walitti aansuun Iraan keessatti bakka 170 haleeluu beeksiseera.

    Ergaa toora miidiyaa hawaasaa X irratti viidiyoo haleellaa xiyyaaraa waliin maxxanfameen, Ajajni Giddugaleessaa Ameerikaa (CENTCOM) kaayyoon hojii kanaa ''dandeettii Iraan doonii daldalaa fi dooniiwwan kaan ulaa Hormuz keessatti haleeluu itti fufuu akka ta'e ibseera.

    Akka CENTCOM jedhutti haleellaan kun sirna ittisa qilleensaa, dhaabbilee hordoffii fi ittisaa qarqara galaanaa, bakka kuusaa misaa’elaa fi diroonii, dandeettii humna galaanaa, akkasumas bu’uuraalee waraanaa fi geejjibaa meeshaalee waraanaa qarqara galaanaa Iraan irratti kan xiyyeeffate ta’uu ibsameera.

  9. Doktarri dhukkubsattoota 15 ajjeese hidhame

    Ga'eessi umrii waggaa 41, dhukkubsattoota 15 ajjeese

    Madda suuraa, Getty Images

    Doktarri Jarmanii namoota garmalee dhibamanii hospitaala seenan yaaluun beekamu namoota dhibamanii isa bira deeman keessaa 15 waan ajjeeseef hidhaa umrii guutuun itti murtaa'e.

    Namni kun maqaansaa Johannes M yoo ta'u umriinsaa waggaa 41 jedhe manni murtii Berlin.

    Namni kun bara 2021 fi 2024 gidduutti dubartoota 12 fi dhiirota sadi ajjeesuun balleessaan itti murame.

    Aanga'oonni ajjeechaawwan namni kun raawwate keessaa lakkoofsi ibsame kun baayyee muraasa jedhan.

    Yeroo ammaa abbootiin alangaa ajjeechaawwan kaan doktarri kun ittiin shakkame qorataa jiru.

    Namoonni harka doktara kanaatti du'uun mirkanaa'e umriinsaanii waggaa 25 fi 94 gidduudha.

    Namoonni kunneen baayyee dhukkubsatanii turanis garuu dhukkubaan du'uunsaanii mirkana hin turre.

    Abbootiin seeraa mana doktara kanaa deemuun qorannaa gaggeessan namni kun beekamtii dhukkubsattootaa malee qoricha nama ajjeesu walitti makuun kennaafii ture jedhan.

    Doktarri kun namoota ajjeese faana balleessuuf ykn akka hin shakkamne gochuuf mana dhukkubsattoota ajjeeseetti balaa abiddaa uumuuf yaalaa ture jedhan abbootiin seeraa.

    Doktarri kun Adoolessa 2024 battala qabamuuf jedhu dura dubartoota lama umriinsaanii waggaa 75 fi 76 ta'e ajjeesee ture.

    Ergasii mana dubartii tokkootti abidda qabsiisuuf ture, garuu hin milkoofne.

    Adeemsa seeraa waggaaf gaggeeffamaa ture keessatti doktarri kun homaa hin jenne.

    Garuu ji'a darbe ''namoota ajjeesuu'' amanuun, kanneen ajjeese keessaa 12 akkaan kan dhukkubsatan ta'uu eere.

    Dhukkubsattoonni kunn dhiphina hin barbaachifne keessa galuurra jedhee ajjeesaa akka ture mana murtiitti hime.

    ''Kana hunda yeroon raawwadhu, tarkaanfii baayyee filatamaa akka ta'etti hubadheeni,'' jedhe.

    Dararaa namootarratti raawwate hundaaf dhiifama akka gaafates hime.

    Aanga'oonni namoota hedduu akka ajjeese shakku, abbootiin seeraa ajjeechaawwan biroo 76 irratti qorannoo gaggeessaa jiru.

  10. Daandiin baaburaa bakka hoogganaa olaanaan Iraan itti awwaalamutti geessu haleellaa USn manca'e

    Xiyyaara reenfa Ayaatollaa Alii Kaameenii gara Mashhad geesse

    Madda suuraa, IRIB

    Daandiin baaburaa magaalaa guddoo Iraan, Tehraan irraa gara iddoo dhalootaa hoogganaa olaanaa duraanii Iraan Ayaatollaa Alii Kaameeniitti geessu haleellaa Ameerikaan raawwatteen manca'eera.

    Guyyaan xumuraa sirna gaggeessaa Alii Kaameenii har'a gaggeeffama.

    Miidiyaan mootummaa Iraan US daandii baaburaa irratti xiyyeeffachuun haleeluu gabaase.

    Ministeerri dhimma alaa biyyattii daandiiwwan baaburaa lama barbadaa'uu ibse.

    Daandiin baaburaa Tehraan fi Mashhad wal quunnamsiisu kun Iraan keessatti daandii imaltoota hedduu keessummeessuun beekamuudha.

    Daandiin baaburaa kun manca'us reenfi Alii Kaameenii garuu Mashhad seeneera.

    Reenfi Ayaatollaa Alii Kaameenii guyyoota ja'aaf kutaalee Iraan adda addaa keessa erga naanna'ee booda xiyyaaraan gara magaalaa qulqullittii jedhamtu kanaa seene.

  11. Guyyaa awwaalchaa hoogganaa duraanii irratti haleellaan mudachuu mala

    Sirna awwaalchaa hoogganaa olaanaa duraanii Iraan Ayaatollaa Alii Kaameenii kaleessa Iraaq keessatti gaggeeffamerratti kumaatamni hirmaataniiru

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Sirna awwaalchaa hoogganaa olaanaa duraanii Iraan Ayaatollaa Alii Kaameenii kaleessa Iraaq keessatti gaggeeffamerratti kumaatamni hirmaataniiru, awwaalchi inni dhumaa Kamisa har'aa Mashhad keessatti raawwata

    Har'i guyyaa xumuraa sirna gaggeessaa Ayaatollaa Alii Kaameeniiti. Sirni guyyaa ja'affaasaa qabate kun magaalota Iraan shan fi biyya ollaa kan taate Iraaq keessattis gaggeeffameera.

    Sirna awwaalchaa kaleessa Iraaq keessatti gaggeeffamerratti kumaatamni hirmaataniiru, awwaalchi inni dhumaa Kamisa har'aa Mashhad keessatti raawwata.

    Sirni awwaalchaa kun Iraan qofa keessatti osoo hin taane biyyoota Muslimaa (Shi'aa) keessattis akka gaggeeffamu kan godhe hoogganaa olaanaa yeroo ammaa Iraan Mojtabaa Kaameeniiti.

    Kunis, hoogganaa olaanaan wayita waraanni Guraandhala 28 eegalu ajjeefaman kan Iraan qofa osoo hin taane kan biyyoota Muslimaa (Shi'aa) hundaa ta'uu mul'isuufi.

    Magaalota sirni gaggeessaa keessatti raawwate hundatti uummanni biyyattii kumaatamaan ba'uun miira gaddaa ibsateera.

    Iddoo dhaloota Ayaatollaa Alii Kaameenii kan taate magaalaa Mashhad- bakka reenfi itti awwaalamu, keessattis uummanni kumaa kitilaan ba'uun gadda ibsachaa jira.

    Iraan waliigalteen walhubannoo ji'a darbe mallattaa'e sirni gaggeessaa kun waraanaan akka hin gufanne wabii ta'uu danda'a jettee abdatti.

    Haata'u malee akkaataa US fi Iraan waliigaltee kana itti hubatanii fi waraanni isaan deebi'anii walirratti banan kun sirna kanaaf yaaddoo guddaa ta'eera.

    Biyyoonni lameen hanga sirni gaggeessaa kun xumuramutti marii gidduusaanii torban tokkoof dhaabuurratti waliigalaniiru.

    Garuu Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp wayita sirni gaggeessaa kun eegalu ''qondaalota Iraan walitti qabaman dhukaasa tokkoon fixuu dandeenya,'' jedhee ture.

    ''Garuu ammoo nama waliin mari'annu dhabuu waan dandeenyuuf hin rukunnu,'' jedhee ture.

    Amma biyyoonni lameen Ulaa Hormuuz keessatti dooniin halaalamuu akka sababaatti eeruun wal haleeluutti deebi'aniiru.

    Tiraamp ammas haleellaa cimaan Iraan akka eeggatu ibseera. Iraanis hatattamaan akka deebii kennitu himteetti.

    Sirni gaggeessaa Iraan seenaa ishee keessatti isa guddaa ta'uu himtu kun dhumarratti balaafamaa saaxilama sodaan jedhu dabaleera.

  12. Iraan haleellaa US akka haaraatti eegalteen namoonni 14 jalaa ajjeefamuu himte

    Ministeerri Fayyaa Iraan haleellaa US akka haaraatti eegaluun halkan lamaaf walitti aansuun gaggeessiteen namoonni 14 ajjeefamuu ibse.

    Haleellaa Ameerikaan Adoolessa 8 fi 9 bulchiinsota Iraan shan keessattu raawwatte kanaan namoonni 78 madaa'uu ibse ministeerichi.

    Kanneen madaa'an keessaa 47 hospitaalatti yaalamaa jiru jedhe.

    Bulchiinsa kibba Iraan, Iranshahr keessatti haleellaa US gamoo buufata xiyyaaraa irratti raawwatteenis namni tokko ajjeefamuu miidiyaan mootummaa Iraan gabaaseera.

  13. Iraan biyyoota Galfii sadiirratti qiyyaafachuu himte

    Waraana Iraan

    Madda suuraa, Getty Images

    Waraanni Iraan buufatawwan waraanaa US biyyoota Galf sadii kanneen akka Kuweet, Kataar fi Baahireen jiran irratti dirooniin haleeluu beeksise.

    Sistama misaa'ela Paatriyoot Kuweet jiru, sistama anteenaa saatalaayitii akeekkachiisa dursee kennuufi Kataar jiru akkasumas bakkeewwan kuufama boba'aa US Baahireen jiran diroonii ''gosa garaagaraafi baay'een'' haleelamu dubbate.

    Haleellaan kuni ''yeroo gabaabaa dura'' raawwachuufi haleellaa waraanni Iraan raawwatuufi ''itti fufe'' akka ta'e beeksise.

    Ibsi waraana Iraan kuni miidiyaa biyyaalessaa biyyattiin dabalatee miidiyaalee Iraaniin gabaafameera yookiin qoodameera.

    Kana dura biyyoonni Galfii kanneen akka Baahireen, Kuweet fi Kataar haleellaan irratti raawwachuu yookiin akeekkachiisa baasaniiru.

  14. US halkan lamaan qiyyaafannoo Iraan 170 rukutuu himte

    US halkan lama keessatti Iraan keessatti qiyyaafannoowwan 170 rukutuu himte.

    Kuni haleellaa marsaa lammataa US Iraan keessatti sa'aatii 48 darbe raawwattedha.

    Haleellaan kunis marsaa lamaan raawwate jedhan.

    Gaafa Kibxataa haleellaa qarqara Ulaa Hormuzitti raawwateen loltoonni saddeet duraa ajjeefamuu Iraan beeksisteetti.

    Kana malees haleellaa US kanaan namoonni nagaa sadi ajjeefamuu miidiyaan Iraan gabaaseera.

    Bulchaan itti aanaan bulchiinsa kibba-lixa Iraan, Khuzestan, haleellaa handaara magaalaa Ahvaz jedhamtutti raawwateen namoonni hedduun miidhamuu ibse.

  15. 'Yeroo nu rukutan dachaa 20'n isaan dhoofna' - Tiraamp

    Pirezidant Tiraamp

    Madda suuraa, EPA/Shutterstock

    Pirezidant Tiraamp Iraan Ameerikaa irratti haleellaa yeroo raawwattu dachaa baay'een deebisanii akka rukutan himan.

    Xiyyaara isaanii 'Air Force One' irraa ''Jabeessinee rukunne'' jedhan.

    ''Yeroo isaan nu rukutan dachaa 20'n [jabeessinee] isaan rukunna.''

    Dabaluunis, waraanaan Iraan mo'achuufi Iraan immoo Ameerikaa waliin waliigalteerra gahuuf ''baay'uma barbaadu,'' jechuunis himan.

    Walitti bu'iinsi Iraan waliin jiru ''waraana'' miti jedhan.

    Kaayyoon ijoo Iraan meeshaa nikularaa akka hin hidhanne gochuudha jechuun ibsan.

    ''Kuni meeshaa nikularaa fudhachuudha, Iraan nikulara akka hin hidhanne. Kanammoo hunduu jaalatuu qaba.''

  16. Ashamaa!

    Tamsaasni kallattii BBC Afaan Oromoo guyyaa Kamisaa eegale.

    Ameerikaafi Iraan guyyaa lammataaf wal haleelaa jiru. Waan haaraa jiru akkasumas Itoophiyaafi biyyoota biroo irraa waan haaraa jiran isin biraan geenya.

    Lafa nagaa oolaa!

  17. Finfinneetti daballiin kiraa manaa 11.5% akka hin caalle murtaa'e

    -

    Madda suuraa, Mayor Office of Addis Ababa

    Ibsa waa'ee suuraa, Finfinneetti daballiin kiraa manaa 11.5% akka hin caalle murtaawe

    Magaalaa Finfinneetti daballiin kiraa manaa 11.5% murtaa'uu bulchiinsi magaalaa Finfinnee beeksise.

    Haaromsi galmee waliigaltees kiraa manaas har'a Adoolessa 01, 2018 A.L.I kaasee gaggeeffama jedha waajjirri kantiibaa magaalichaa ibsa karaa miidiyaa hawaasaa isaa maxxanseen.

    "Magaalaa Finfinnee dhiibbaa jireenyaa lammiileerraa hir'isuu fi gochaawwan seeraan alaa gabaa kiraa manaa keessatti mul'atan waaraadhaan ittisuuf tarkaanfii kana fudhachuu beeksise.

    Akka labsii to'annoo kiraa manaa kanaan dura baheetti, daballiin kiraa manaa haqa qabeessi waggaatti11.5% ta'ee kan bara bajataa 2019 A.L.I'tti hojiirra akka ragga'uu isaa Biiroon Misoomaa fi Bulchiinsa Manneenii beeksiseera.

    Kanas hordofuun manneen jireenyaa dhuunfaa magaalattii guutuu keessatti argaman haaromsi galmee waliigaltee haaraa abbaa manaa fi kireeffataa har'a Adoolessa 01 bara 2018 (ALH) irraa jalqabee waajjira bulchiinsa manneenii kiflile magaalaa hundatti ragaadhaan hojiirra ooluu jalqaba.

    Murteen sirreeffama gatii kun tasuma kan murtaa'e osoo hin taane, magaalattiitti i qorannoo saayinsawaa bal'aa gaggeessuun dandeettii kaffaltii qabatamaa jiraattotaa tilmaama keessa kan galche ta'uus ni eera ibsi kun.

    "Hojmaanni kunis gama tokkoon kireessitoota galii haqa qabeessa waqtii fi haala diinagdee tilmaama keessa galche akka argatan kan dandeessisu yoo ta'u; gama biraatiin ammoo kireeffattonni kiraa galii isaanii waliin deemu kaffaluun yaaddoo jalaa oolanii jireenya tasgabbaa'aa akka jiraatan taasisa."

    Murteen kun dhibbaa qaalayiinsa jireenya magaalattii keessa jiru 'sadarkaa ol'aanaadhan hir'isuu' qaba jedha.

    Hariiroo kireessaa fi kireeffataa dawoo seeraan hogganuufis ni fayyada jedheera.

  18. MM Abiy 'waliin utuu hojjannee..' jechuun kan gaafatan Dr. Dassaalanyi Chaannee siyaasa keessa bahe jedhe

    Dr. Dassaalanyi Chaanne

    Madda suuraa, HOPR

    Ibsa waa'ee suuraa, Dr. Dassaalanyi Chaanne

    Kaleessssa MM Abiyyi Ahimad mootumaan isaanii paartilee mormitootaa waliin hojjachuu akka barbaadu eeruun Dr. Dassaalanyi Chaannees mootummaa waliin akka hojjetu waamicha taasisaniifi ture. Haa ta’u malee, Dr. Dassaalanyi kana booda siyaasaa keessa of fo'eeraa jedhan

    Qondaalli siyaasaa kun waggoota shanan darban paarlamaa keessatti paartii ABN (Amhara National Movement) bakka bu’anii tajaajilaa turan.

    Murtii isaanii kanas walga’ii paarlamaa bara hojii xumuraa isaa booda miidiyaa hawaasummaa irratti ibsan.

    Dr. Dassaalanyi waggoota shanan mana maree keessatti dabarsan “ulfaataa fi qormaata kan guute” jechuun ibsan.

    Waggoota saddeet darban keessatti paartii hundeessuu irraa eegalee hoogganaa ta’uun, akkasumas miseensa mana maree ta’uun, “namoota sagalee hin qabneef sagalee ta’uun koo na gammachiisa” jedhan.

    Kanaan durallee filannoo marsaa 7ffaa keessatti akka hin hirmaanne beeksisanii turan.

    Filannoo mootummaa darbe keessatti paartiin Badhaadhinaa bakka filannoo muraasa irratti kaadhimamaa hin dhiyeessine. Kunis paartileen mormitootaa bakka mootummaa keessatti bakka akka argatan jedhuun taasifame.

    Walga’ii Paarlaamaa kaleessaa irratti Dr. Abiy paartiin isaanii bakka harka 15 ta'utti kaadhimamaa akka hin dhiyeessine fi kunis paartilee mormitootaf carraa kennuuf ta'uu eeran.

    Dr. Dassaalanyi duraan filannoon bilisaa, nagaa fi haqaa akka hin jeerre ibsuun dorgomuu akka hin barbannee ibsan.

    Kana booda ogummaa isaanii fayyadamuun biyya isaanii tajaajiluu, hojii dhuunfaa jalqabuu fi yeroo isaanii maatii isaanii waliin dabarsuuf karoora akka qaban ibsan.

  19. Tiraamp, Ameerikaan 'galgala kana Iraan akka hin taanetti haleelti' jechuun dhaadate

    Tiraamp

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Tiraamp

    Pirezidanti Donaald Tiraamp kora NATO irratti Pirezidantii Yukireen Voloodimiir Zileenskii waliin dhaabbachuun miiidiyaaf ibsa kennaa jiru.

    Waa'ee Iraan gaafatamanii, Tiraamp 'halkan dabre akka malee isaaan halleellee jirra, jabeessinee,' jedhe.

    Itti fufuunis, US 'tarii galgala kanas akka hin taanetti isaan haleelti' jedhe.

    Tiraamp dabalataan: 'Akeekkachiisa xiqqoo isaaniif kenneera, halkan kanas jabeesinee isaan haleella,' jedhe.

    Tiraamp, dhimma Iraanitti "akka hin gammadin" ibsee, ejjennoo Ameerikaa kan Tehraan nukilara akka hin hidhanne ittisu irratti qabdu irra deebi'ee mirkaneesse.

    "Wanti ani hunda caalaa irratti xiyyeeffadhu mootummaa jijjiiruu miti," kan jedhe Tiraamp, US sagantaa nukilaraa biyyattii dhaabsisuuf "jijjiirama guddaa" gochuu ishee ibseera.

    Tiraamp, Iraan kana booda Giddu-gala Bahaatti "gooluu akka hin dandeenyes dubbate.

    Hoggansa Iraan irra deebiin Iraan "maraattuuwwan" jedheera.

    Ameerikaa fi Iraan deebi'anii waliigaluusaanii akka shakku hime.

    "Dhukaasa dhaabuun dhumateera" jedhe. Kanaanis waraanni guutuun US fi Iraan gidduutti deebi'ee ka'uu akka danda'u akeeke.

    Prezidantichi waraanni jalqabamuu isaa kallattiidhaan hin dubbanne. Garuu Iraan waliigaltee "guyyaa guyyaadhaan" cabsiteetti jechuun himata.

    Iraan "Sobduu dha, waliin dhooftuu dha" jedheen.

  20. 'Hormuz nutu bulcha, kanaan ala filannoon biraa hin jiru' Iraan

    Ulaa Hormuuz

    Madda suuraa, AFP

    Ibsa waa'ee suuraa, Ulaa Hormuuz

    Iraan 'sirna haaraa ulaa Hormuz bulchuuf baafatte irrattii beekamtiin akka kennamuuf gaafatte.

    Af-yaa'iin Mana Maree Iraan Mohammad Bagher Galibaf Ameerikaan waliigaltee dhukaasaa dhaabuu cabsuu himatte.

    Ameerikaan waligaltee kana ifatti cabsuun jijjiirama Iraan ulaa Hormuz keessatti taasifte kabajuu dhabuu mul'iftee jedhan qondaalli kun

    Miseensi mootummaa olaanaan Iraan Ebrahim Azizi gama isaanin "Tarsiimoon haaraan Iraan ulaa Hormuz keessatti diriirsite beekamuu qaba. Kanan ala filannoon biraa hin jiru." jedhan

    Ulaan Hormuz karaa doonii daldalaa addunyaa keessaa isa baay'ee barbaachisaa ta'e keessaa tokko yoo ta'u dooniwaan akka ulaa kana qaxxaamuruu hin yaallee akeekkachiifni idiladdunyaa kennameera.

    Nageenyi naannawa ulaa kanaa waraanaatti deebi'uu Ameerikaa fi Iraanin ammas yaaddoo cimaa keessa galeera.

    Ameerikaan fi Iraan eenyutu karaa kana fayyadamuu danda'a, akkamitti akka fayyadaman irratti yaada garaagaraa qabu.

    Akka waliigaltee mootummaa Ameerikaa fi Iraan tibba darbe mallatteeffameetti, Iraan doonii daldalaa kaffaltii malee guyyoota 60f nagaan akka darbu gargaarsa guutuu ni taasisti jechuun walii galame.

    Garuu yeroo ammaa Iraan dooniin kamiyyuu ulaa Hormuz keessa darbu dura mootummaa Iraan waliin qindoominaan hojjechuu akka qaban gaafatte.