Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Namoota sa'aatii afur qofa rafan
Eemii Piiwu erga of barterraa kaasee yeroo dheeraa rafuun yeroo ishee barbaachise hin yaadattu. Amma yeroo baayyee galgala sa'aatii 4tti raftee barii sa'aatii 10:30tti kaati. "Baayyee dadammaqeen ka'a, sireerra turuu hin danda'u" jetti.
Yunvarsiitii Kooloraadootti Piroofeesara sirna Madinummaa kan ta'an, Bernaand ammoo hirriibni battaluma isaan fudhachuu dhiisuu mala. Haala kanaan waliigala guyyaatti sa'aatii shan qofa rafu.
Wanti nama raajummoo Bernaand guyyaa itti aanuus anniisaa gaariidhaan deebiti. Sareeshee qilleensa fudhachiisti, Sa'aatii tokkoof ammoo ispoortii hojjetti ganama sa'aatii 2 dura ammoo yoo xiqqaate sa'aatii tokkoo fi walakkaaf hojii hojjetti.
Sa'aatii muraasa qofa raftee hojii kana hunda hojjechuusheetti Hiriyoonnishee ishee dinqisiifatu. Garuu maatiishee keessatti kuni waan baratamadha. Abbaanshees, obboleessishees amaluma kana qabu.
Dhugaa dubbachuuf hedduun keenya sa'aatii hirriibaa kanaa oliitu nubarbaachisa. Qorannoon dhiheenya Faawundeeshinii Hirriibaa Biyyaalessaa Ameerikaatiin hojjetame akka mul'isutti, namootni umrii 24 fi 64 gidduu jiran guyyaatti sa'aatii torbaa hanga sagalii hirriiba rafuu isaan barbaachisa.
Namootni sa'aatii hirriibaa adda addaa maaliif akka qabaatan gaaffii hanga ammaatti hiibboo ta'ee jiru. Haa ta'u malee waggoota muraasa darban dhimma kanarratti gahee qacceen sanyii qabaatu irratti saayinstistoonnii ragaalee hedduu walitti qaban.
Agarsiistuuwwan jalqabaa
A.L.A bara 2019 Bernaand sa'aatii hirriibaa muraasa qofa barbaaduu isheetiif waan sababa ta'uu malu barte.
Gareen qorattootaa Yunvarsiitii Kaalifoorniyaa hammeentaa sa'aatii hirriibaa namootaa waliin walqabatee jijjiirama qaccee sanyii argatan. Namootni jijjiiramni qaccee sanyii kuni irra jiru yeroo idileetti gara ciisichaa deemanilleen baayyee dafanii hiriibaa dammaqu.
Yeroo hedduus guyyaa keessatti sa'aatii afurii hanga ja'aa fi walakkaa qofa rafu. Bernaand garee qorannoo kanaaf saamuda dhiigashee erga ergiteen booda isheenis namoota kana keessaa tokko ta'uu barte.
Haalli hirriiba muraasa rafuu kuni qaccee sanyiitiin kan daddarbu yoo ta'u, yerooo hirriibaa gabaabaa rafuu uumamaanii jedhama.
Namootni akkanaa yeroo hirriibaa gabaabaa rafanilleen yeroo ka'an haala dadammaqiina gaariirra ta'anii argamu jedhu dursaan garee qorannoo kanaa Yuung Huuyi Fuu.
Abjuuwwan damee qorichootaa
Fuun akka jedhanitti, qorannoon damee kanarratti taasifamu murteessoodha. Qorannoon isaas itti fufeera.
Waggoota muraasa darban garaagarteen qaccee sanyii kuni waa'ee namootaa hubannoo qabaannu irratti akkamiin hojiirra ooluu akka danda'an irratti fedhiin jiru dabalaa dhufeera.
Indaastirii qorichootaa keessatti waa'ee namoota sa'aatii muraasa qofa rafanii irratti argannoowwan argaman gara fuulduraatti jeeqamuu hirriibaatiif dawaa argachuuf yookan hojjettoota akka loltuutiif sa'aatii muraasa qofa rafanii akka hojjetaniif gumaachuu danda'a kan jedhu abdiin jira.
Kanaafimmoo garaagarummaan qaccee sanyii kuni namoota sa'aatii muraasa qofa rafan akkamiin dhiibbaa cinaa itti dhufurraa akka ittisan qofa osoo hin taane, kuni akkamiin akka ta'u qixaan hubachuu isaan barbaachisa. Kana osoo qixaan hin hubatin garuu qorichoota kanaaf oolan omishuutti deemuun balaa fiduu mala.
"Akkamiin akka hojjetan hubachuu feesisa. Sa'aatii gabaabaa rafanii waggoota 5, 10 yookan 20 booda dhibee waa dagachuu, Paarkisanii fi kaansariidhaan qabamuu hin hin barbaadan mitii? jedhu Fuun.
Namoota Ampuulii Elektiriikii omishan keessaa tokko kan ta'e Toomaas Edisan, guyyaatti sa'aatii 4 caalaa rafee akka hin beekne himee ture.
Walliigalatti hammeentaan guyyaatti hirriiba rafnuu harka 30 hanga 65 qaccee sanyiitiin kan murtaa'u akka ta'e tilmaamama.
Koolleejii Kiingis kan London jirutti ogeessi qaccee sanyii Ostiin Zimermaanii fi gareen isaanii akka ibsanitti, nama idilee tokkorratti garaagarteen qaccee sanyii dheerina yeroo hirriibaa keessaa garaagarummaa daqiiqaa 20tti dhihaatu uumuu mala.
Guduunfaatti garuu sababa qaccee sanyiitiin hirriiba xiqqoo rafuudhaaf saaxilamuun yeroo hunda isiniif gaarii hin ta'u.
Miira dogogoraa 'wanti hunduu nagaadha' jedhu
Hirriiba gahaa osoo hin rafin 'Nagaakooti' jedhanii ofamansiisuu fi miirri nagummaa namatti dhagahamuun dhiibbaa isinirratti hin qabu jechuu miti.
Dhimmicha walxaxaa kan godhummoo hirriiba xiiqqos ta'u rafanii 'Sirritti hojjechuu nan danda'a' jedhanii namootni yaadanilleen waa'ee ofiisaanii gamaaggama sirrii osoo hin taasisin hafuu isaaniiti.
Qorannoon tokko akka akeekeetti, ga'eessonni fayyaa qabeessa ta'an guyyaatti sa'aatii afurii hanga ja'aa qofa akka rafan taasifamuun qormaatawwan madaallii fayyummaa sammuu adda addaa dandeettiin darbuu isaanii amma miidhamaa dhufuu akeeka.
Haa ta'u malee namootni qorannoon kuni irratti taasifame torbee lamaan booda yeroo gaafataman 'miira hirriibaa xiqqoo qofatu natti dhagahama' jechuun ibsan.
Yunvarsiitii Waashingitan Isteetitti saayintistii kan ta'anii fi miseensa garee qorannoo kanaa kan ta'an Haans Vaan, dandeettiin namoota kanaa hir'achaa dhufulleen miidhamni kuni garuu isaanitti hin beekamu jedhu.
Dhugaa dubbachuuf namootni tokko tokko namoota kaanirraa yeroo hirriibaa xiqqaan isaan barbaachisuu mala. Qorannoon Vaan doong akka akeekutti namootni tokko tokko dandeettiin hanqina hirriibaa dandamachuu isaanii namoota kaanirra olka'aa ta'uu mala. Dhimmi kuni garuu waan salphaatti hubatamu osoo hin taane walxaxaa akka ta'es akeeku.
Qorannoowwan amma Zimermaanii fi Fuu fa'a taasisaa jiranii fi qorannoo qaccee sanyii irratti bu'uureffate kuni sa'aatii hiriibaa xiqqaa qabaatanilleen namootni dhiibbaan isaanirratti hin dhufne namoota akkamiiti kan jedhu adda baasuuf gargaara.
Kana malees namoota hanqina hirriibaa qaban garuummoo 'Ani nagaadha' jedhanii amanan irra miidhaa gahaa jirus ifa kan godhu ta'a.
Kana malees, bu'aan qorannoowwan kanaa namootni hirriiba gahaa hin arganne miidhaa hanqina hirriiba gahaa dhabuutiin dhufu kan ittiin ofirraa ittisan qorichoota haaraa argachufis karaa saaquu mala.