Iraan Ulaa Hormuuz irra deebiin banuuf haal-duree kaa'uu aangawaa olaanaan himan

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Iraan Ulaa Hormuuz irra deebiin banuuf haal duree qopheessuuf akka jirtu barreessaa olaanaa Mana Maree Nageenyaa Biyyaalessaa Moohsen Reezaa himan. Tehraan kana kan qopheessaa jirtu gaaffii garee araarsitootaa fedhii ishee akka dhiyeessituuf gaafatan irraa ka'eeti jedhameera.

Reezaan waraana naannichatti qabate dhaabuun haal duree tokko ta'uu eeraniin jiru.

Reezaan akka himanitti Iraan akkaataa ulaa geejjibaa Hormuuz waliin bulchan irratti Omaan waliin walii galuus beeksisan. Kun ulaa gama Omaan akkasumas ganma Iraan lamaaninuu jiru irratti akka ta'e ibsan.

Yoo US haal duree Iraan dhiyeessitetti kan itti waliigaltu ta'e, dooniiwwan bo'oo bishaanii kanarra bakka adda baherra akka imalan gaaffii fi deebii Al Manar TV waliin tolchaniin beeksisan.

Roobii maddi olaanaan Iraan tokko akka himetti Iraanii fi Omaan bulchiinsa Ulaa Hormuuz ilaalchisee waliigaltee hojjechiisuu irratti ammallee marii ba'aa gochaa jiru.

Biyyoonni lamaan akkaataa qoodinsa bulchiinsaa fi galii Ulaa Hormuuz irratti waliigalanii jiru Eegdonni Warraaqsaa Iraan ibsan.

Dubbii himaan Edgdota Warraaqsaa Waashingtan uggura buufataalee boba'aa Iraanirra keesse kaaftu malee Iraan Ulaa Hormuuz irra deebiin akka hin banne himan.

Kana malees mancaatii dhaqqabeef beenyaa kaffaluu akka qabduu fi qoqqobbiiwwan keesse akka kaaftu akkan haal dureeetti dhiyeessiteerti Teehraan.

Waraanni Guraandhala keessa hin eegalin dura Ulaan Hormuuz irraan boba'aa addunyaa keessaa 20% kan ta'utu geejjibsiifama ture. Geejjibni doonii ulaa kanarraa yeroo waraanni eegalee kaasee dhaabbateera.

Waliigalteen dhukaasa dhaabuu Tehraanii fi Waashingtan baatiiwwwan Eblaa fi Waxabajjii keessa waliigalan sochiin tiraafika galaanarraa bakkatti deebisee ture. Garuu fulla'aa hin taane.

Sochiin tiraafikaa doonii Ulaa Hormuuz giddu galeessaan guyyatti 10 gadi ta'aa jiraachuu ragaan ni agarsiisa.

Gabaasni hir'ina guddaa sochii dooniwwan meeshaa fe'anii guyyaa Kamisaa Ulaa Hormuz keessaa ifa godha.

Kamisa dooniwwan 7 qofatu ulaa kanarra qaxxaamure, kunis kan guyyaa tokko duraa (17) fi giddu-galeessa guyyoota 10 darbaniitti (15 turee) gadiidha jedhameera.