Waraanni Iraan ji'a jaha guute Baha Giddugaleessaa akkamiin jijjiire?

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Ameerikaafi Israa'el daboo wal-waammatanii Iraanirratti gaafa duulan yeroo gabaatti xumurra jedhanii waraanni itti seenan amma ji'a jaha guutee akka isaan yaadan osoo hin taane waraana abbaan mo'ate itti hin beekamne ta'ee jira.

Guraandhala 28, US-Israa'el haleellaa bananiin guyyaa jalqabaa gaggeessaa olaanaa duraanii biyyattii Ayaatolaa Alii Kameenii dabalatee ajajoota waraanaa olaanoo ta'an ajjeesan.

Gaggeessaa olaanaa biyyattii dabalatee qondaalonni waraanaa jajjaboon gaafa jalaa ajjeefaman mootummaan Iraan battalatti waan kufu namatti fakkaatee ture. Haa ta'u garuu Iraan misaa'elaafi diroonii qofa osoo hin taane, ulaa boba'aan addunyaa %20 keessa darbu Ulaa Hormuuz akka meeshaa waraanatti itti fayyadamtee jala dhaabbatte.

USfi Israa'el torbanootaaf walitti fufiinsaan Iraanirratti haleellaa guddaa gaggeessanis mootummaa Iraan jilbeenfachiisuu hin dandeenye. Iraan misaa'elootafi dirooniwwan waggootaaf omishaa turteen, buufataalee US Baha Giddugaleessaa qabdu, magaalota Israa'elifi biyyoota Galoo Galaanaa haleeluun deebii addunyaan hin eegne kennite.

Doonaald Tiraamp dabalatee qondaalonni siyaasaafi waraanaa US, 'waraanni Iraan torbanoota caala kan hin fullaane ta'uu irra deddeebiin lammiilee Ameerikaafi hawaasa addunyaaf waadaa galaa turan. Dubbiin akka isaan jedhan hin taane, waraanni yeroo gabaabatti dhumata jedhame osoo xumura hin godhatin, gara tokkottis hin bahin walakkaa waggaa guute.

Torbanoota jalqabaa waraanichaa

USfi Israa'el haleellaa waloon bananiin sirna ittisaa, warshaawwan misaa'elaafi diroonii omishaniifi industiriiwwan waraanaa Iraan haleelan.

Keessumaa humni galaanaa Iraan haleellaa kanaan mancaatii guddaaf saaxilame. Haa ta'u garuu Iraan misaa'elotaafi dirooniishee dhoksuu dandeessetti.

Meeshaalee waraanaa dhokfatte kanneen fayyadamuun buufataalee waraanaa US Baha Giddugaleessaa keessaa qabdu haleeluu dandeesse.

Bu'uuraalee waraanaa Iraan haleellaa US-Iraaniin miidhaan guddaan irra gahus, Iraan waraanni kun yeroo dheeraaf akka turu gochuurraa ishee hin hanqisne.

USfi Isrsa'el haleellaa cimaa gaggeessuun waraana gaafa eegalan, humna Iraan salphaatti burkuteessuun dhiibbaa Iraan naannichatti qabdu dadhabsiisuuf yaada keessa galchaniiti.

Haa ta'u garuu waraanichi erga eegalee ji'a jaha guutuus Iraan misaa'elaafi diroonii dhukaasuu dhaabsisuu hin dandeenye.

Ulaan Hormuuz ijoo waraanaa ta'uu

Waraana kanaan wantoota jijjiiraman keessaa inni guddaan Ulaan Hormuuz ijoo ta'uusaati.

Ulaan ijoo kan ta'e waraanichi eegalee guyyoota muraasa keessatti yeroo Iraan ulicha cufuu beeksistuttiidha.

Dhiyeessiin boba'aa addunyaa %20 karaa Ulaa Hormuuz kan darbu yoo ta'u, Iraan ulaa kana cufuu hordofee xiyyeeffannoon US gara Ulaa Hormuuz bansiisutti deebi'e.

Iraan ulaa kana to'achuun imala dooniwwan boba'aafi meeshaalee daldalaa fe'an ugguruufi haleeluun gatiin boba'aa addunyaa akka dabalu goote.

Waraanni osoo hin eegalin dura dooniwwan boba'aafi meeshaalee daldalaa fe'an bilisaan ulaa kana qaxxaamuran, erga waranni eegalee hayyamashee malee socho'uu akka hin dandeenye Iraan addunyaatti agarsiifte.

Misaa'elotaafi dirooniisheen cinaatti Iraan Ulaa Hormuuz akka meeshaa guddaatti fayyadamuun mata duree marii gootee dhiyeeffatte.

Boba'aan addunyaaf dhiyaatu harki walakkaa ol biyyoota waraan Baha Giddugaleessaa irraa yoo ta'u, Iraan ulaa kana cufuusheen boba'aa gabaa addunyaaf akka hin dhiyeessine danqaa guddaa itti ta'uu gabaasni Rooyitars ni agarsiisa.

Tattaaffii dippilomaasii nagaa waaraa fiduu dadhabe

Waraana kana dhaabsisuuf torbanoota jalqabaa irraa kaasee tattaaffiin garaa garaa taasifamaa tureera.

Paakistaan USfi Iraan walitti fiduuf tattaaffii guddaa kan goote yoo ta'u, Caamsaa keessa ammoo Kaatar waliin ta'uun Waliigalteen Wal-hubannoo waraana dhaabsisuutti akka cehu godha jedhame akka mallattaa'u taasisaniiru.

Waa'ee sagantaa gabbisa nikularaa Iraan, qoqqobbii Iraanirraa kaasuufi egeree Ulaa Hormuuz irratti waliigaluu dhabuurraa kan ka'e waliigaltichi diigameera.

Biyyoonni lamaan waliigaltee qabatamaarra gahuu dhabuunsaanii naannichi yaaddoo 'waraanni deebi'ee ka'uu mala' jedhu keessa akka jiraatu taasisee jira.

Iraan dhiibbaa diinagdee keessa seenuun jilbeenfachiisuu danda'aa?

Waraanni kun diinagdee Iraanirra miidhaafi dhiibbaan diinagdee qaqqabsiise guddaadha.

Haleellaa waraanaa USfi Israa'eel gaggeessaaniin bu'uuraaleen misoomaa biyyattii heddu kan manca'an yoo ta'u, akka ta'e shakkii hin qabu.

Qoqqobbiifi Iraan omisha boba'aashee gabaa addunyaaf akka hin dhiyeessine US karra galaanaa itti cufuun rakkoo diinagdee duraanuu turerratti danqaa cimaa uumera.

US qabeenya Iraa dolaara hanga biliyeena 100 ta'u akka hin sochoone uggurtee jirti.

Gama biraan ammoo dandeettiin bituu maallaqa Iraan baay'ee gadi bu'uurraa kan ka'e meeshaalee bu'uuraa irratti daballiin gatii mudatee jira; akkasumas hanqinni boba'aa Iraan mudataa jira.

Iraanitti daballiin gatii %70 akka gahu kan tilmaamu yoo ta'u, diinagdeen biyyattii baay'ee akka kufutu eegama.

Diinaagdeen Iraan rakkoo cimaa keessa galus, Iraan gaaffilee US salphaatti fudhachuuf harka hin laanne.

US bifa haaraan qoqqobbii cimaa Iraanirra kaa'uu hordofee, qondaalonni Iraan tarkaanfii US akka kana akka waraana diinagdeetti fudhachuun mormaa jiru.

Ejjannoo US jijjiirama

Iraan qofaa osoo hin taane Ameerikaanis waraana ji'a jahaaf ture kanaan kasaaraan guddaan ishee mudateera.

Erga waraanichi eegalee as loltoonni 20 kan jalaa du'an yoo ta'u, bu'uuraaleen waraanaa Baha Giddugalaa keessa jiran, akkasumas xayyaaronni waraanaa heddu jalaa manca'aniiru.

Iraan haleellaa buufataalee waraanaa US biyyoota Baha giddugalaa saddeet keessaa qabdurratti gaggeessiteen, sirna ittisaa ammayyaa dabalatee, xayyaarota waraanaa qaalii ta'an jalaa mancaastetti.

US waraana kanaan meeshaalee waraanaafi misaa'eloota sirna ittisaa akkaan qaalii ta'an fayyadamuurraa kan ka'e dolaara biliyeena heddu akka baastu ishee dirqisiisera.

Buufaataaleen waraanaashee Baha Giddugaleessaa keessa jiranis, haleellaa Iraan gaggeessiteen dhiibaa keessa galuuf dirqamaniiru.

Waraanni kun lafarra harkifataa ta'uusaafi abbaan mo'ate kan itti hin baramne ta'uunsaa Tiraamp gara dhiibbaa diinagdee Iraanirratti geessisuutti waan fuulleffate fakkaata.

Kuni ammoo Washingtan bu'aa siyaasaa barbaaddu waraana qofaan galmaan gahuu akka hin dandeenye waan hubatteef, gara dhiibbaa diinagdee uumutti fuulleffachuuf murteessuu kan agarsiisudha. Kuni bulchiinsi Tiraamp waraana Iraanirratti bane ilaalchisee ijjannoosaarratti jijjiirama taasisuu kan akeekudha.