Buufanni Xiyyaaraa Gadaa Nagallee Booranaa eebbifame

Dr Abiy Ahimed, Buufata Xiyyaaraa Nageellee Booranaa eebbisiisan

Madda suuraa, Feesbuukii/ Dr Abiy Ahimed

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa biyya keessatti bakka balaliisaa 24ffa kan tahe, Buufata Xiyyaaraa Gadaa Nagallee Booranaa har'a ifatti eebbisiise.

Daandiin xiyyaarichaa torbanitti si'a sadii gara Nageelleetti balalii taasisa.

Buufanni xiyyaaraa kun bakka qondaalonni mootummaa naannoo fi federaalaa jiranitti MM Abiy Ahimediin eebbifame.

MM Abiy Itoophiyaan buufataalee xiyyaaraa sadarkaa sadii qabaachuu himan.

Buufata xiyyaaraa Idil-addunyaa, biyya keessaa alatti imalsiisuu kan danda'u kan akka Boolee, Maqalee fi Baahir Daar jiraachuu kaasan.

Kan biyya keessaa sadarkaa lammaffaatti ilaalaman akka Jimmaa, Naqamtee, Diree Dhawaa fa'aa tahan baay'ee jiraachuu himan.

Kan sadarkaa sadaffaa kan bakka xiyyaarri buufatu asfaaltii hin taane qaban xiyyaara qubachiisuu danda'an 10-15 tahan jiru jedhan.

Balalii biyya keessaa xiyyaara qubachiisan akka Nageellee ammoo 30 akka gahan himan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Kaaba Itoophiyaa keessa dirree xiyyaaraa 10, gara Bahaatti yoo deemnu dirree xiyyaaraa shan qabna jedhan.

Gara Lixaatti Naqamtee, Dambi Doolloo, Jimmaa, Gambeellaa, Asoosaa, Mattuu, fi Miizan qabna jedhan. Kan Mattuu ji'a tokko booda eebbifama jedhan.

Gara Kibbaatti waliigalaan gara jahaa qabna jedhan.

Afrikaaf boonsaa kan ta'eefi waggaa 80ffaa isaa kan qabate Daandiin Qilleensaa keenya dhugumaan "The New Spirit of Africa" dha.

MM Abiy Nageelleetti yoo dubbatan, uummata hangafa tahe, uummata kabajamaa kanaaf dirreen xiyyaaraa ni barbaachisa kan jedhan.

MM Abiy kana dura sababa hanqina bu'uuraalee misoomaan uummanni Booranaa, Baalee, Gujii fi Tuulamni akka faca'ee jiraatu taasisee ture jedhan.

Uummanni naannichaa sirna Gadaa, aadaa fi afaan isaa tursiisuuf waggaa dhibbaan lakkaa'aman keessatti rakkina hedduu keessa darbeera jedhan.

Garuu bu'uuraalee misoomaa isa madaalan hin arganne jedhan.

Booranni bishaan dheebochaa, bu'uuraalee misoomaan rakkachaa waggaa dheeraa jiraachaa ture jedhan.

Kana booda sa'a tokko keessatti Arsiitii ka'uun Wallagga, Jimma, Bishooftuu dhaquun danda'ama jedhan.

Rakkoon hawwaasa Booranaa lama jedhan Dr Abiy Ahimed.

Tokko bu'uuraalee misoomaa, kan lammataa rakkoo bishaaniiti jedhan.

Dr Abiy akka mootummaatti rakkoo bishaan dhugaatii furuuf akka hojjechaa jiran himanii, ''waggaa tokkoo fi lama booda Booranni rakkoo bishaanii kan dubbatu osoo hin taane uummata Booranaa biyya ollaa jiru iyyaafatee kan bishaan obaasu akka tahu abdiin qaba,'' jedhe.

Nageellee keessaa rakkoon bishaan dhugaatii furamuus ibsan. Booranni waggoota dheeraaf rakkoo bishaan dhugaatiin rakkachaa ture.

MM Abiy Nageelleetti waa'ee tokkummaa uummata Booranaa, Gujii dubbataniiru.

''Diinni Gujii, Boorana jechaa qooduu barbaada. Isin garuu Oromoo jechuu qabdu'' jedhan.

Tokkummaa uummata keenyaa eeguun, maqaa bakka adda addaatti qooduun waaman kana dhaabsisuu qabdu'' jedhan.

Sirn eebba buufata xiyyaarichaan booda oomisha qamadii Boorana keessaa kan daawwatan MM Abiy, haaromsi qonnaa Baha Booranaa imala wabii nyaataa mirkaneessuuf taasisaa jirruuf wabiidha jedhan.

Qonnaan bultoonni godinichaa lafa hektaara 176,223 tahu irra midhaan facaasuun kuntaala miliyoona 3.1 eegu jedhan.

MM Abiy oomisha qamadii, xaafii fi boqolloo godinicha keessaa dinqisiifataniiru.