Buusiiwwan iddoo hojiitti gaafatamtan isin dhiphisaa jiraa?

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Iddoo hojiitti jaalattannis jibbitanis sagantaawwan buusii gaafatan inuma jiraatu, guyyaa dhalootaa, cidha, du'a fi sagantaa gaggeessaa ta'uu mala.

Kanaaf jecha buusiiwwan akkasii irratti hangam buusuu qabdu? Tarii buusiiwwan kana sintu qindeessa yoo ta'emmoo akkamiin milkaaa'inaan raawwachuu dandeessu?

'Dhiheenya siif qaburratti hundaa'a'

Dhimmi buusiiwwan waajjira keessaa kuni waan namni ifatti haasa'uun itti hin tolle waan ta'eef namootni yaada isaanii nuuf kennan eenyummaa dhugaa isaanii akka hin ibsamne gaafatan.

Waa'een buusii kuni namoota bajata dhaabbataa fi isumaa akka ta'etti waliin geessisamii jiraatan biratti seera ifa ta'e qabu. Innis kanin buusu naman waliin hojjedhu yoo ta'e qofa.

Buufata fayyaa keessatti Teeraappistii kan taate Luusiin "Yoo naman waliin hojjedhu hin taane deebiinkoo ifa. Gurra hin kennuuf" jetti.

Garuu dhugaan tokkommoo jira. kanin siif buusu 'Yoo walitti dhiheenya qabaannedha' kan jedhu.

Gaazexeesituu muuziqaa kan turte Laayisaanis yaada walfakkaataa qabdi "kanin buusu yoon nama sana nan jaaladha ta'edha' jetti.

Ta'ulleen buusiiwwan waajjira keessaa kuni hojmaata ta'uu hin qabani jettee falmiti.

"Fedhii kiyyaan naman jaaladhu sanaaf kennaa wayii bituun qaba. Kanaan alatti akka dirqamaatti dhiibbaa sirratti uumanii buusiin buufamu baayyee najibbisiisa" jetti.

Hangam kennuu qabna?

Buusii buusuuf erga murteesineen booda gaaffiin itti aanee ofgaafannu ammoo 'hangami' kan jedhudha.

Barker waajjira guddaa waggoota hedduuf keessa hojjete keessatti buusiiwwan akkanaa kana gumaachuu fi qindeessuudhaan muuxxannoo qaba.

Akka inni jedhutti, namoota gumaachan keessaa walakkaa kan ta'an garraamummaadhaan, eenyummaa nama sanaa irratti osoo hin bu'uureffamin kennu.

Hojjettoonni muraasni ammoo giddugaleessaan yuuroo 11.65 ji'oota sadii waggaa tokkoo keessatti nigumaachu. Kuni ragaa Giftworld irraa argamee fi qorannoo namoota 5,000 irratti gaggeeffameeni.

Buusiiwwan kan ilaaluun hojjettoonni haaraan bitaa galumsa keessa bu'u. Felisitiin hojii jalqaba qacarame keessatti dhimma Kanaan waan isa mudate hin dagatu.

Umrii wagga 17 ta'ee Gaaraajii keessa hojjechaan ture. akka carraa namni waggaa dheeraaf gaaraajicha hojjechaa ture tokko soorama bahuuf ka'e. nama soorama bahuuf ammoo maallaqa guuranii kennuun waan baratamadha. Namni hundi akka gumaachu gaafatame"

"Maallaqan kennu hin qabun ture. yeros kaffaltii homaatuu naaf hin kanfalamu ture. rifaatuu keessa bu'een saantima xiqqoon ofharkaaa qabuyyuu gate" jechuun waan barasii yaadata.

Felisiit amma buusiiwwan akkanaatiif paawundii 5 hanga 10 nikenna. Hiriyaa yeroo dheeraaf waliin hojjetan yoo ta'e ammoo hanga paawundii 20 akka gumaachu hima.

Siyaasa waajjira keessaa

Barker akka jedhutti, yeroo hedduu buusii kan kennan namoota sadarkaa qabanii fi hojjettoota faayilaati.

"wanti nama ajaa'ibu waajjira keessatti namootni mindaa guddaan kanfalamuuf buusiiwwan buusuu irratti yeroo kennan hin mul'atani" jedha.

Daren akka jedhutti ammoo, waajjira keessatti daayireektara taatee yoo jiraatte hammi ati akka kennituuf eegamu guddaa ta'uu mala.

"Dhumarratti waan kana hordofee akkan hin dandeenyen bare. Yeroo tokko tokko namootuman hin beekneefuu maallaqa dhibbaan lakkaa'amun kaffala" jedha.

Yeroo tokko tokko ammoo buusiiwwan kuni karaa waajjiraatiin kara keessaa kan hin raawwatamne ta'ee namootni kaashiidhaan kanfalu yoo ta'e eenyu hangam buuse kan jedhu baramuu danda'a.

Ogeessi eegumsa fayyaa kan ta'e Jeefriin, hojjettoonni hojjettuu waajjiraa duuteef maatii isheetiif gumaacha taasisan marii irratti maqaa namootaa fi hamma isaan gumaachan guyyaa tokko waamamee ture hanga amma akka isa gaddisiisu hima.

Hojjettoota adda baafachuu

Gumaacha siif taasifame seecca'uu barbaaddaa? Nama siif gumaachee fi hin gumaachine. Luusiin akkas ta'uu qaba jettee amanti.

"Namoota hin gumaachineef Imeelii tokkon erga. Kana jechuun namootni iimeelii sana keessatti hin eeramne warra gumaachan akka ta'e akka baraniifi. Namootni akkamitti saffisaan akka kanfalan sidinqa" jetti.

Eegasiin boodammoo hojjetaa haaraa ta'e tokko bakka buustee namoota hafan akka kaffalchiisuuf gaafatu gooti.

"Namoota naaf gumaachan kana waraqaa irrattis galmeesseen qabadha. Hin irraanfadhu" jetti.

Barker ammoo yaada kanaan waliingalu.

"Baayyee nama caqacaquu hin jaaladhu" jedha. Isarra nama hundaaf yaadachiisa tokko qofa erguu filata.

Gorsa Ogeessaa

Yunvarsiitii Kaambiriij irraa Pireefeesar Toomaas Roolt kanneen armaan gadii gochuu gorsu:

  • Hiriyootaa fi namoota sinitti dhihootiif dursa kennuu.
  • Namoota dhuunfaadhaan kanfalchiisuuf adamsuu dhiisuu
  • Maallaqa callaa caalaa kaardiidhaan akka kanfalan gaafachuu
  • Kennaa kenninu maallaqaan osoo hin taane faayidaa nama sanaaf qabaatuun madaaluu qabna jechuun gorsu.