'Ganama fiigicha shaakalee of gargaaruuf waareebooda akaayii gurgura' - Atileet Fayyinee

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 1

Fayyinee Booggaalaan shamarree ganna 24 yoo taatu, atileetii gaafa tokko waltajjii guddaa irratti dorgommii mo'achuuf abjuu qabdudha.

Suuraan Fayyineen daandii irratti yeroo akaayii gurgurtu agarsiisu miidiyaa hawaasa irratti bal'inaan qoodamaa jira.

''Namni na gargaaru hin jiru. Shaakala addaan hin kutu jedheen akaayii kana gurguruu jalqabe,'' jechuun mul'ata qabdu milkeeffachuuf rakkoo jiruu keessa jirtu BBCtti dubbatte.

Abbaan bira akka hin jiree fi haat ishees dadhabduu tahuu dubbattii atileetiin kuni.

Fayyineen Godina Shawaa Kaabaa aanaa Kuyyuutti dhalattee guddatte.

Fiigicha bara 2008 akka jalqabde kan himtu Fayyineen, mana barumsaatti kubbaa harkaa taphachuu akka jaallattu dubbatti.

Haa tahu malee, aanaa Kuyyuutti kubbaa harkaaf ''baajatni hin jiru,'' jedhamnaan fiigicha akka jalqabde himti.

Akaayii garbuu jireenya ofii deeggrauuf gurgurtu cinaatti, kaayyoo ishee gama atileetiin qabdus milkeeffachuuf guyyuu ifaajuu itti fufuu himti Fayyineen.

Bara 2016 A.L.I gara Chaayinaa imaluun walakkaa maaraatoonii dabalatee fiigicha gosa shanii irratti hirmaattee sadiin mo'attee akka ture himti.

Fayyineen waggaa afur dura fiigichatti cichuuf jecha bakka dhalootashee Kuyyuu irraa Sulultaa galte.

Sulultaa bulchiinsa magaalaa jalatti leenji'aa akka turteefi qabxii foyyessaa waan dhufteefa yeroo ammaa kana ''maanaaajaraan leenji'aa jira,'' jette.

Haa tahu malee qabxii kilabii atileetotaa jalatti qabamuuf ishee dandeessisu waan hamma yoonaa hin arganneef kilabii akka hin galle himti.

''Otoon akkasitti raafamaa shaakaluu qabxii na barbaachisu hamma ammaatti galmeessuu hin dandeenye,'' jette.

''Atileetiin fiigee shaakalaa yeroo deebi'u boqotee bishaan dhugee, kan qabu nyaatee kan boriitti gaafa of qopheesse bu'aa gaarii argata. Ani garuu isa keessa hin jiru hamma ammaatti,'' jetti.

Fayyineen ''fiiguudhuma kooti atileetii na jechisiise malee ani hin boqodhuu,nyaati madaalamaan hin jiru. Waanuma arge nyaadheetanin gara akaayii sana fiiga,'' jechuun haala keessa jirtu ibsiti.

Yoo akaayii gurguruu dhiiste namni ishee gargaaru akka hin jirres dubbachuun akaayiidhuma gurgurturraa nyaata ''ruuzii fi paastaa fa'a bitadha,'' jetti.

Kanaan dura shaampiyoonaa sadarkaa Oromiyaafi Finfinneetti dorgomtee akka beektus ni himti.

Ganama sa'atii kudhalamatti hirriibaa kaatee bosona shaakalaaf akka adeemtu dubbatti Faayyineen.

Shaakallii sa'atii tokkoofi walakkaa booda bosonuma qoraan funaantee manatti akka deebitu himti.

Kana booda akaayii garbuu qopheessitee waaree booda gara sa'atii 9:00 gurguruuf akka gadi baatu himti.

Faayyineen ''fiigeetaniin jijjiiramuu barbaada. Fiigee mo'achuu, iddoo gaarii gahuun barbaada,'' jechuun dubbatti.